Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ബഖറഃ   ആയത്ത്:
ٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ يَعۡرِفُونَهُۥ كَمَا يَعۡرِفُونَ أَبۡنَآءَهُمۡۖ وَإِنَّ فَرِيقٗا مِّنۡهُمۡ لَيَكۡتُمُونَ ٱلۡحَقَّ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ
Warri Nuti kitaaba isaaniif kennine akkuma ilmaan ofii beekanitti isa (Ergamicha) beekan. Dhugumatti gareen isaan irraa ta’e odoo beekanuu dhugaa dhoksu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُمۡتَرِينَ
Dhugaan Gooftaa kee irraayi, Kanaafuu warra shakkan irraa hin ta’in.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلِكُلّٖ وِجۡهَةٌ هُوَ مُوَلِّيهَاۖ فَٱسۡتَبِقُواْ ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ أَيۡنَ مَا تَكُونُواْ يَأۡتِ بِكُمُ ٱللَّهُ جَمِيعًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Hawaasa hundaafuu kallattii isaan itti gara galantu jira, Toltuu irratti wal dorgomaa, Eessattillee yoo taatan Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمِنۡ حَيۡثُ خَرَجۡتَ فَوَلِّ وَجۡهَكَ شَطۡرَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِۖ وَإِنَّهُۥ لَلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَۗ وَمَا ٱللَّهُ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعۡمَلُونَ
Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjidal Haraam gara galchi. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’e, Rabbiin waan isin dalagdan dagataa hin taane.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمِنۡ حَيۡثُ خَرَجۡتَ فَوَلِّ وَجۡهَكَ شَطۡرَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِۚ وَحَيۡثُ مَا كُنتُمۡ فَوَلُّواْ وُجُوهَكُمۡ شَطۡرَهُۥ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَيۡكُمۡ حُجَّةٌ إِلَّا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡهُمۡ فَلَا تَخۡشَوۡهُمۡ وَٱخۡشَوۡنِي وَلِأُتِمَّ نِعۡمَتِي عَلَيۡكُمۡ وَلَعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ
Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjiidal Haraam gara galchi, Eessattillee yoo taatan fuulleen keessan gara isaa gara galchaa, akka namootaaf ragaan isin irratti hin jiraanneef,isaan irraa warra miidhaa hojjatan malee, isaan hin sodaatinaa Anuma qofa sodaadhaa. akka qananii kiyya isinirratti guutuuf, isin (gara haqaa) akka qajeeltaniif.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَمَآ أَرۡسَلۡنَا فِيكُمۡ رَسُولٗا مِّنكُمۡ يَتۡلُواْ عَلَيۡكُمۡ ءَايَٰتِنَا وَيُزَكِّيكُمۡ وَيُعَلِّمُكُمُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَيُعَلِّمُكُم مَّا لَمۡ تَكُونُواْ تَعۡلَمُونَ
Akkuma ergamaa isin irraa ta’e, isin keessatti ergine, (inni sun) kan aayatoota keenya isin irratti qara’u, kan isin qulqulleessu, kan kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisuun (isin qanansiifne).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱذۡكُرُونِيٓ أَذۡكُرۡكُمۡ وَٱشۡكُرُواْ لِي وَلَا تَكۡفُرُونِ
Na yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa, Galata naaf galchaa, Natti hin kafarinaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱسۡتَعِينُواْ بِٱلصَّبۡرِ وَٱلصَّلَوٰةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Yaa warra amantan! Obsaafi salaataan gargaarsa barbaadaa. Dhugumatti, Rabbiin warra obsan waliin jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ബഖറഃ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക