Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ   ആയത്ത്:
فَإِذَا ٱسۡتَوَيۡتَ أَنتَ وَمَن مَّعَكَ عَلَى ٱلۡفُلۡكِ فَقُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي نَجَّىٰنَا مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَقُل رَّبِّ أَنزِلۡنِي مُنزَلٗا مُّبَارَكٗا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Ati irra caalaa qubsiiftotaati.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ وَإِن كُنَّا لَمُبۡتَلِينَ
Kana (adaba ummata Nuuh) keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قَرۡنًا ءَاخَرِينَ
Sana booda, isaan duubaan dhaloota biroo uumne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَرۡسَلۡنَا فِيهِمۡ رَسُولٗا مِّنۡهُمۡ أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiru, Sila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jechuudhaan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَقَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَتۡرَفۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يَأۡكُلُ مِمَّا تَأۡكُلُونَ مِنۡهُ وَيَشۡرَبُ مِمَّا تَشۡرَبُونَ
Qondaalonni mmata isaa kanneen kafaran nijedhan. kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan duroomsine irraa tahan (nijedhan) : “Kun namuma fakkaataa keessaniiti malee waan biraatii miti. Waan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَئِنۡ أَطَعۡتُم بَشَرٗا مِّثۡلَكُمۡ إِنَّكُمۡ إِذٗا لَّخَٰسِرُونَ
Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَيَعِدُكُمۡ أَنَّكُمۡ إِذَا مِتُّمۡ وَكُنتُمۡ تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَنَّكُم مُّخۡرَجُونَ
Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ هَيۡهَاتَ هَيۡهَاتَ لِمَا تُوعَدُونَ
Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate!
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنۡ هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا نَحۡنُ بِمَبۡعُوثِينَ
Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii miti, Nuti ni duuna; ni jiraannas, Nuti kaafamoo miti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلٌ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا وَمَا نَحۡنُ لَهُۥ بِمُؤۡمِنِينَ
Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa miti, Nuti isaaf amanoowwan hin taane.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ
[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif na tumsi” jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ عَمَّا قَلِيلٖ لَّيُصۡبِحُنَّ نَٰدِمِينَ
(Rabbiinis) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ بِٱلۡحَقِّ فَجَعَلۡنَٰهُمۡ غُثَآءٗۚ فَبُعۡدٗا لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Iyyiti cimtuun dhugaadhaan isaan qabatte, hoomacha isaan goone, Ummatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قُرُونًا ءَاخَرِينَ
Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക