Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: സ്സുമർ   ആയത്ത്:
أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Sila namni Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee, ifaa (beekumsa) Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ٱللَّهُ نَزَّلَ أَحۡسَنَ ٱلۡحَدِيثِ كِتَٰبٗا مُّتَشَٰبِهٗا مَّثَانِيَ تَقۡشَعِرُّ مِنۡهُ جُلُودُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُمۡ ثُمَّ تَلِينُ جُلُودُهُمۡ وَقُلُوبُهُمۡ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهۡدِي بِهِۦ مَن يَشَآءُۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٍ
Rabbiin haasawa gaarii, kitaaba (miidhagina keessatti) wal fakkaatu, kan oduun isaa lama lamaan deemtu, kan isa irraa gogaaleen warra Gooftaa isaanii sodaatanii suukannooftu, ergasii gogaaleen isaaniitiifi onneewwan isaanii gara yaadannoo Rabbiitti laafu buusee jira. Kun qajeelfama Rabbiiti; isaan nama fedhe qajeelcha. Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَفَمَن يَتَّقِي بِوَجۡهِهِۦ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَقِيلَ لِلظَّٰلِمِينَ ذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ
Sila namni Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin adabbii hamaa san (qaama) isaa irraa eegu (akka nama jannata seenuutii?) Miidhaa dalagtootaan ni jedhama: “Waan oomishaa turtan dhandhamaa.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَأَتَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَشۡعُرُونَ
Warri isaaniin duraa sobsiisaniiti, adabbiin gara isaan hin beekneen isaanitti dhufe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَذَاقَهُمُ ٱللَّهُ ٱلۡخِزۡيَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Rabbiin jiruu addunyaa keessatti salphina isaan dhandhamsiise. Adabbii Aakhiraatu irra guddaadha odoo beekanii.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَقَدۡ ضَرَبۡنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ
Dhugumatti, Nuti namaaf Qur’aana kana keessatti fakkeenya hunda irraa goone akka isaan gorfamaniif.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قُرۡءَانًا عَرَبِيًّا غَيۡرَ ذِي عِوَجٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ
Qur’aana afaan Arabaa haala ta’een, kan jallinna tokko hin qabne ta’ee akka Rabbiin sodaataniif jecha (isaanif buufne).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا رَّجُلٗا فِيهِ شُرَكَآءُ مُتَشَٰكِسُونَ وَرَجُلٗا سَلَمٗا لِّرَجُلٍ هَلۡ يَسۡتَوِيَانِ مَثَلًاۚ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Rabbiin ‘nama tokko kan shariikkan (isa irratti) wal hin taane waliin qabaniifi kan namni tokko qofti qabu fakkeenya godhe Isaan kun lamaan fakkeenyaaf walqixaa? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّكَ مَيِّتٞ وَإِنَّهُم مَّيِّتُونَ
Dhugumatti, (Yaa Muhammad) ati ni duuta; isaanis ni du’u!
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عِندَ رَبِّكُمۡ تَخۡتَصِمُونَ
Ergasii isin (hunduu) Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: സ്സുമർ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക