Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്   ആയത്ത്:
وَلَوۡ أَنَّا كَتَبۡنَا عَلَيۡهِمۡ أَنِ ٱقۡتُلُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ أَوِ ٱخۡرُجُواْ مِن دِيَٰرِكُم مَّا فَعَلُوهُ إِلَّا قَلِيلٞ مِّنۡهُمۡۖ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ فَعَلُواْ مَا يُوعَظُونَ بِهِۦ لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ وَأَشَدَّ تَثۡبِيتٗا
Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuu keessan ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa warra muraasa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganu. Odoo isaan waan itti gorfaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaadha. Akkaan (amantii isaanii) raggaasisas ture.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذٗا لَّأٓتَيۡنَٰهُم مِّن لَّدُنَّآ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Silaa yeroo san dhugumatti nu biraa mindaa guddaa isaaniif kennina turre.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَهَدَيۡنَٰهُمۡ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا
Silaa dhugumatti karaa sirraawaa isaan qajeelchina turre.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُوْلَٰٓئِكَ رَفِيقٗا
Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajame isaan sun warra Rabbiin qanansiise waliin ta’u, nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii (wajji tahu). Warra kanaan hiriyoomuun waa tole!
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ذَٰلِكَ ٱلۡفَضۡلُ مِنَ ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ عَلِيمٗا
Tolli kun Rabbi irraayyi, Rabbiin gayaadha beekaa tahutti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ خُذُواْ حِذۡرَكُمۡ فَٱنفِرُواْ ثُبَاتٍ أَوِ ٱنفِرُواْ جَمِيعٗا
Yaa warra amantan! Of eeggannoo keessan qabadhaa. Gareen duulaa yookiin dimshaashan duulaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِنَّ مِنكُمۡ لَمَن لَّيُبَطِّئَنَّ فَإِنۡ أَصَٰبَتۡكُم مُّصِيبَةٞ قَالَ قَدۡ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيَّ إِذۡ لَمۡ أَكُن مَّعَهُمۡ شَهِيدٗا
Dhugumatti, isin irraa nama (duula irraa) duubatti jedhutu jira. Kanaaf yoo balaan wahii isin tuqxe “Dhugumatti, Rabbiin na qananiisee jira. yeroo akka ani isaan waliin (duula irratti) argamu hin taasisin " jedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَئِنۡ أَصَٰبَكُمۡ فَضۡلٞ مِّنَ ٱللَّهِ لَيَقُولَنَّ كَأَن لَّمۡ تَكُنۢ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُۥ مَوَدَّةٞ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ مَعَهُمۡ فَأَفُوزَ فَوۡزًا عَظِيمٗا
Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo -silaa dhugumatti inni akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii- “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” jedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ فَلۡيُقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ ٱلَّذِينَ يَشۡرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا بِٱلۡأٓخِرَةِۚ وَمَن يُقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَيُقۡتَلۡ أَوۡ يَغۡلِبۡ فَسَوۡفَ نُؤۡتِيهِ أَجۡرًا عَظِيمٗا
(Mu’uminoonni) isaan jireenya addunyaa isa Aakhiraatti gurguratan karaa Rabbii keessatti haa lolani.Namni karaa Rabbii keessatti lolee ergasii ajjeefame yookiin injifate, Nuti ganaa mindaa guddaa isaaf kennina.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക