Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മാഇദ   ആയത്ത്:
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِنَّا لَن نَّدۡخُلَهَآ أَبَدٗا مَّا دَامُواْ فِيهَا فَٱذۡهَبۡ أَنتَ وَرَبُّكَ فَقَٰتِلَآ إِنَّا هَٰهُنَا قَٰعِدُونَ
Ni jedhan: "Yaa Muusaa! Hanga isaan ishee keessa jiranutti, nuti gonkumaa ishee hin seennu, Atiifi Gooftaan kee deemaa lolaa, nuti as tattaa'oodha".
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ رَبِّ إِنِّي لَآ أَمۡلِكُ إِلَّا نَفۡسِي وَأَخِيۖ فَٱفۡرُقۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡفَٰسِقِينَ
(Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyyaafii obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabu. Nuufi orma finciltootaa gidduu addaan baasi."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ فَإِنَّهَا مُحَرَّمَةٌ عَلَيۡهِمۡۛ أَرۡبَعِينَ سَنَةٗۛ يَتِيهُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ فَلَا تَأۡسَ عَلَى ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡفَٰسِقِينَ
(Rabbiin) ni jedhe: "isheen (dachittii seenuun) waggoota afurtamaaf isaan irratti haraamfamtuudha; Dachii keessa dhama’u, Ummata finciltoota irratti hin gaddin."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ ٱبۡنَيۡ ءَادَمَ بِٱلۡحَقِّ إِذۡ قَرَّبَا قُرۡبَانٗا فَتُقُبِّلَ مِنۡ أَحَدِهِمَا وَلَمۡ يُتَقَبَّلۡ مِنَ ٱلۡأٓخَرِ قَالَ لَأَقۡتُلَنَّكَۖ قَالَ إِنَّمَا يَتَقَبَّلُ ٱللَّهُ مِنَ ٱلۡمُتَّقِينَ
Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَئِنۢ بَسَطتَ إِلَيَّ يَدَكَ لِتَقۡتُلَنِي مَآ أَنَا۠ بِبَاسِطٖ يَدِيَ إِلَيۡكَ لِأَقۡتُلَكَۖ إِنِّيٓ أَخَافُ ٱللَّهَ رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Yoo ati na ajjeesuuf harka kee gara kiyyatti diriirsites, ani si ajjeesuuf harka kiyya gara keetti hin diriirsu. Ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنِّيٓ أُرِيدُ أَن تَبُوٓأَ بِإِثۡمِي وَإِثۡمِكَ فَتَكُونَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِۚ وَذَٰلِكَ جَزَٰٓؤُاْ ٱلظَّٰلِمِينَ
Ani ati badii kiyyaafi badii keetiin deebitee warra ibiddaa irraa ta'uun fedha. Kunis mindaa miidhaa hojjattootaati."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَطَوَّعَتۡ لَهُۥ نَفۡسُهُۥ قَتۡلَ أَخِيهِ فَقَتَلَهُۥ فَأَصۡبَحَ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Lubbuun isaa obboleessa isaa ajjeesuu isaaf miidhagsite, isa ajjeese. Warra hoonga’an irraas ta’e.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَبَعَثَ ٱللَّهُ غُرَابٗا يَبۡحَثُ فِي ٱلۡأَرۡضِ لِيُرِيَهُۥ كَيۡفَ يُوَٰرِي سَوۡءَةَ أَخِيهِۚ قَالَ يَٰوَيۡلَتَىٰٓ أَعَجَزۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِثۡلَ هَٰذَا ٱلۡغُرَابِ فَأُوَٰرِيَ سَوۡءَةَ أَخِيۖ فَأَصۡبَحَ مِنَ ٱلنَّٰدِمِينَ
Rabbiin harraagessa dachii haadhu erge Akkamitti akka reeffa obboleessa isaa dhoksu (awwaalu) isa argisiisuuf. yaa gaabbiitoo! "Sila ani Reeffa obboleessa kiyyaa dhoksuuf akka harraagessa kanaa ta’uun dadhabee?" jedhe. gaabbitoota irraa tahe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മാഇദ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക