Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അൻആം   ആയത്ത്:

Al-An’aam

ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَجَعَلَ ٱلظُّلُمَٰتِ وَٱلنُّورَۖ ثُمَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡ يَعۡدِلُونَ
Faaruun hundi kan Rabbii isa samiifi dachii uumee, dukkanaafi ifa argamsiiseeti. Ergasii isaan kafaran Rabbii isaaniitti qindeessu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن طِينٖ ثُمَّ قَضَىٰٓ أَجَلٗاۖ وَأَجَلٞ مُّسَمًّى عِندَهُۥۖ ثُمَّ أَنتُمۡ تَمۡتَرُونَ
Inni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (du'aa) murteesseedha. Beellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jira. Ergasii isin ni shakkitu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَهُوَ ٱللَّهُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَفِي ٱلۡأَرۡضِ يَعۡلَمُ سِرَّكُمۡ وَجَهۡرَكُمۡ وَيَعۡلَمُ مَا تَكۡسِبُونَ
Inni samiileefii keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadha. Iccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beeka. Waan isin hojjattanis ni beeka.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمَا تَأۡتِيهِم مِّنۡ ءَايَةٖ مِّنۡ ءَايَٰتِ رَبِّهِمۡ إِلَّا كَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ
Keeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa ta'e isaanitti dhufee yoo kan isaan ishee irraa gara galan ta'e malee hin hafu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَقَدۡ كَذَّبُواْ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ فَسَوۡفَ يَأۡتِيهِمۡ أَنۢبَٰٓؤُاْ مَا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Dhugumatti, isaan yeroma dhugaan isaanitti dhufu sobsiisaniiru. Oduun waan (adabbii) isaan itti qoosaa turanii fuulduratti isaanitti dhufa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَلَمۡ يَرَوۡاْ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّن قَرۡنٖ مَّكَّنَّٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ مَا لَمۡ نُمَكِّن لَّكُمۡ وَأَرۡسَلۡنَا ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡهِم مِّدۡرَارٗا وَجَعَلۡنَا ٱلۡأَنۡهَٰرَ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمۡ فَأَهۡلَكۡنَٰهُم بِذُنُوبِهِمۡ وَأَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قَرۡنًا ءَاخَرِينَ
Sila isaaniin dura jaarraa (ummata) irraa heddu balleessuu keenya hin ilaalanuu? kan dachii keessatti hanga isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessine. Rooba wal hordofaa ta'ee isaan irratti buufne. Laggeenis jala isaanii akka yaatu goone. Badiilee isaaniitiin isaan balleessinee. booda isaaniitii jaarraa biraa uumne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَوۡ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ كِتَٰبٗا فِي قِرۡطَاسٖ فَلَمَسُوهُ بِأَيۡدِيهِمۡ لَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ
Odoo kitaaba waraqaa irratti barreeffame sirratti buufnee silaa harka isaanitiin isa tuqanii warri kafaran "kun sihrii ifa bahe malee hintaane" jedhu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَقَالُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ مَلَكٞۖ وَلَوۡ أَنزَلۡنَا مَلَكٗا لَّقُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ ثُمَّ لَا يُنظَرُونَ
Ni jedhu: "Maaliif Maleykaan isa irratti hin buufamin? " Odoo Maleykaa buufnee silaa dhimmichi ni murteeffama; Ergasii hintursiifaman.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അൻആം
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക