Check out the new design

Vertaling van de betekenissen Edele Qur'an - Oromo vertaling - Ghali Abapor * - Index van vertaling

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Vertaling van de betekenissen Surah: Qaaf   Vers:
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَشَدُّ مِنۡهُم بَطۡشٗا فَنَقَّبُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ هَلۡ مِن مَّحِيصٍ
Meeqaa meeqa balleessinee Isaan dura dhalootarraa? (baayyee), isaantu (warra balleeysineetu) humnaan isaan (ammaa kana) irra ciccimoodha. Biyya keessa fiigan (qoratan) “iddoo baqaan jiraa?” jechaa.
Arabische uitleg van de Qur'an:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُۥ قَلۡبٌ أَوۡ أَلۡقَى ٱلسَّمۡعَ وَهُوَ شَهِيدٞ
San keessa yaadannootu jira, Nama onnee qabuuf yookin gurra itti kennuuf,haala yeroo (gorsa) irratti hirmaataa taheen.
Arabische uitleg van de Qur'an:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٖ
Dhugumatti, Nuti samiileefi dachii, wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbirraa homtuu Nu hin tuqne.
Arabische uitleg van de Qur'an:
فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ ٱلۡغُرُوبِ
Waan isaan jedhanu irratti obsi. galata Rabbii keetiitiin baha aduu duraafi lixa (ishee) dura faarsi.
Arabische uitleg van de Qur'an:
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَأَدۡبَٰرَ ٱلسُّجُودِ
Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (isa qulqulleessi).
Arabische uitleg van de Qur'an:
وَٱسۡتَمِعۡ يَوۡمَ يُنَادِ ٱلۡمُنَادِ مِن مَّكَانٖ قَرِيبٖ
Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabu dhaggeeffadhu.
Arabische uitleg van de Qur'an:
يَوۡمَ يَسۡمَعُونَ ٱلصَّيۡحَةَ بِٱلۡحَقِّۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُرُوجِ
Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.
Arabische uitleg van de Qur'an:
إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَإِلَيۡنَا ٱلۡمَصِيرُ
Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya.
Arabische uitleg van de Qur'an:
يَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلۡأَرۡضُ عَنۡهُمۡ سِرَاعٗاۚ ذَٰلِكَ حَشۡرٌ عَلَيۡنَا يَسِيرٞ
Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya). Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.
Arabische uitleg van de Qur'an:
نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِجَبَّارٖۖ فَذَكِّرۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مَن يَخَافُ وَعِيدِ
Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniiti. Ati isaan irratti moosifamaa hin taane. Nama adabbii (kiyya) sodaatu Qur’aanaan gorsi.
Arabische uitleg van de Qur'an:
 
Vertaling van de betekenissen Surah: Qaaf
Surah's Index Pagina nummer
 
Vertaling van de betekenissen Edele Qur'an - Oromo vertaling - Ghali Abapor - Index van vertaling

Vertaald door Ghali Ababoer Abagoena.

Sluit