Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: نور   آیت:

Annuur

سُورَةٌ أَنزَلۡنَٰهَا وَفَرَضۡنَٰهَا وَأَنزَلۡنَا فِيهَآ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖ لَّعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
(Isheen tun) suuraa Nuti ishee buufnee, dirqama ishee taasifnee, ishee keessattis keeyyattoota ifa ta’an buufne akkagorfamtaniif.
عربي تفسیرونه:
ٱلزَّانِيَةُ وَٱلزَّانِي فَٱجۡلِدُواْ كُلَّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا مِاْئَةَ جَلۡدَةٖۖ وَلَا تَأۡخُذۡكُم بِهِمَا رَأۡفَةٞ فِي دِينِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۖ وَلۡيَشۡهَدۡ عَذَابَهُمَا طَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Dubartii (heeruma dura) sagaagaltuufi dhiira (fuudha dura) sagaagalu tokko tokkoon isaanii rukuttaa dhibba isaan rukutaa, Yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taataniif, amantii (adaba yookiin haddii) Rabbii keessatti isaan lamaaniif garaa laafuun isin hin qabatin, adabbii isaan lamaanii gareen mu’uminoota irraa ta’e itti haa hirmaatu.
عربي تفسیرونه:
ٱلزَّانِي لَا يَنكِحُ إِلَّا زَانِيَةً أَوۡ مُشۡرِكَةٗ وَٱلزَّانِيَةُ لَا يَنكِحُهَآ إِلَّا زَانٍ أَوۡ مُشۡرِكٞۚ وَحُرِّمَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Dhiirri sagaagalaan sagaagaltuu yookiin dubartii mushrika taate malee hin fuudhu, Dubartiin sagaagaltuunis dhiira sagaagalaa yookiin dhiira mushrika ta’e malee namni biraa ishee hin fuudhu, Sun mu’uminoota irratti dhorgamee jira.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ثُمَّ لَمۡ يَأۡتُواْ بِأَرۡبَعَةِ شُهَدَآءَ فَٱجۡلِدُوهُمۡ ثَمَٰنِينَ جَلۡدَةٗ وَلَا تَقۡبَلُواْ لَهُمۡ شَهَٰدَةً أَبَدٗاۚ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Isaan dubartoota qulqulluu darbatan (kabajaa ofii eegan sagaagalummaan maqaa isaanii xureessan), ergasii ragaa afur hinfidin, rukuttaa saddeettama isaan rukutaa, Ragummaa isaaniis gonkumaa irraa hin fuudhinaa, Isaan sun isaanumatu finciltoota.
عربي تفسیرونه:
إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ وَأَصۡلَحُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Isaan sana booda tawbatanii, tolchan malee, (Isaan sanaaf) Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ أَزۡوَٰجَهُمۡ وَلَمۡ يَكُن لَّهُمۡ شُهَدَآءُ إِلَّآ أَنفُسُهُمۡ فَشَهَٰدَةُ أَحَدِهِمۡ أَرۡبَعُ شَهَٰدَٰتِۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Isaan niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessan kan lubbuulee isaanii malee ragaaleen isaaniif hin jirre, rageessuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudhaan rageessuudha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلۡخَٰمِسَةُ أَنَّ لَعۡنَتَ ٱللَّهِ عَلَيۡهِ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
(Ragaan) shaneessituun abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu yoo inni namoota sobaan (maqaa ishee xureessan) irraa ta’e, ( jechuun kakachuudha).
عربي تفسیرونه:
وَيَدۡرَؤُاْ عَنۡهَا ٱلۡعَذَابَ أَن تَشۡهَدَ أَرۡبَعَ شَهَٰدَٰتِۭ بِٱللَّهِ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
Adabbii (addunyaa) ishee irraa deebisa "Inni sobdoota irraayyi” jettee yeroo afur Rabbiin kakachaa rageessuun.
عربي تفسیرونه:
وَٱلۡخَٰمِسَةَ أَنَّ غَضَبَ ٱللَّهِ عَلَيۡهَآ إِن كَانَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
(Ragaan) shanessituu abaarsi Rabbii ishee irra haa jiraatu ‘yoo inni (dhiirsi ishee) namoota dhugaa jedhan irraa ta’e" (jechuudha).
عربي تفسیرونه:
وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ وَأَنَّ ٱللَّهَ تَوَّابٌ حَكِيمٌ
Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, (silaa Rabbiin isin adaba ture), Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, ogeessa
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: نور
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول