Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: شعراء   آیت:
فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلۡجَمۡعَانِ قَالَ أَصۡحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدۡرَكُونَ
Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.
عربي تفسیرونه:
قَالَ كَلَّآۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهۡدِينِ
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.”
عربي تفسیرونه:
فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡبَحۡرَۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرۡقٖ كَٱلطَّوۡدِ ٱلۡعَظِيمِ
Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.
عربي تفسیرونه:
وَأَزۡلَفۡنَا ثَمَّ ٱلۡأٓخَرِينَ
Bakka sanatti warra biraa dhiheessine.
عربي تفسیرونه:
وَأَنجَيۡنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ
Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine.
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
عربي تفسیرونه:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
عربي تفسیرونه:
وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ إِبۡرَٰهِيمَ
Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi.
عربي تفسیرونه:
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا تَعۡبُدُونَ
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ نَعۡبُدُ أَصۡنَامٗا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ
“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.
عربي تفسیرونه:
قَالَ هَلۡ يَسۡمَعُونَكُمۡ إِذۡ تَدۡعُونَ
[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?
عربي تفسیرونه:
أَوۡ يَنفَعُونَكُمۡ أَوۡ يَضُرُّونَ
Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ بَلۡ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفۡعَلُونَ
[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.
عربي تفسیرونه:
قَالَ أَفَرَءَيۡتُم مَّا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ
[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?
عربي تفسیرونه:
أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلۡأَقۡدَمُونَ
Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?
عربي تفسیرونه:
فَإِنَّهُمۡ عَدُوّٞ لِّيٓ إِلَّا رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهۡدِينِ
[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا مَرِضۡتُ فَهُوَ يَشۡفِينِ
Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحۡيِينِ
Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِيٓ أَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لِي خَطِيٓـَٔتِي يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Isa guyyaa murtii badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.
عربي تفسیرونه:
رَبِّ هَبۡ لِي حُكۡمٗا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: شعراء
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول