Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: زمر   آیت:

Azzumar

تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi.
عربي تفسیرونه:
إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ
Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii.
عربي تفسیرونه:
أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ
Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.
عربي تفسیرونه:
لَّوۡ أَرَادَ ٱللَّهُ أَن يَتَّخِذَ وَلَدٗا لَّٱصۡطَفَىٰ مِمَّا يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu gidduu kan fedhe filata ture. Qulqullina isaaf malu (sana irraa) qulqullaa’e Inni Allaah tokkicha hunda mo’ataadha.
عربي تفسیرونه:
خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۖ يُكَوِّرُ ٱلَّيۡلَ عَلَى ٱلنَّهَارِ وَيُكَوِّرُ ٱلنَّهَارَ عَلَى ٱلَّيۡلِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمًّىۗ أَلَا هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفَّٰرُ
Samiifi dachii dhugaan uume. Halkan guyyaa irratti mara; guyyaas halkan irratti mara. Aduufi baatiis ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’eef deemu. Dhaga’aa! Inni injifataa, araaramaadha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: زمر
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول