Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: نساء   آیت:
لَّا يَسۡتَوِي ٱلۡقَٰعِدُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ غَيۡرُ أُوْلِي ٱلضَّرَرِ وَٱلۡمُجَٰهِدُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡۚ فَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلۡمُجَٰهِدِينَ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡ عَلَى ٱلۡقَٰعِدِينَ دَرَجَةٗۚ وَكُلّٗا وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ وَفَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلۡمُجَٰهِدِينَ عَلَى ٱلۡقَٰعِدِينَ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Mu’uminoota irraa warri (jihaada irraa) taa’an, warra miidhama qaban malee, warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniin wal qixa hin ta’anu. Rabbiin warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an isaan taa’an irra sadarkaa caalchisee jira. Rabbiin hundaafuu jannata waadaa seeneefii jira. Rabbiin warra qabsaa’an isaan taa’an irra mindaa guddaan caalchisee jira.
عربي تفسیرونه:
دَرَجَٰتٖ مِّنۡهُ وَمَغۡفِرَةٗ وَرَحۡمَةٗۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمًا
Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise). Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ ٱلَّذِينَ تَوَفَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ ظَالِمِيٓ أَنفُسِهِمۡ قَالُواْ فِيمَ كُنتُمۡۖ قَالُواْ كُنَّا مُسۡتَضۡعَفِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ قَالُوٓاْ أَلَمۡ تَكُنۡ أَرۡضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٗ فَتُهَاجِرُواْ فِيهَاۚ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَسَآءَتۡ مَصِيرًا
Warri haala lubbuu isaanii miidhoo ta'aniin malaykaan isaan ajjeefte, (malaykonni) “maaluma keessa turtan?” jedhan. “Dachii keessatti hacuucamoo turre” jedhu, “Sila dachiin Rabbii bal’oo hin taanee akka ishee keessa godaantaniif?” jedhan. Jarri sun qubsumni isaanii jahannami, Deebiin waa hammaatte!
عربي تفسیرونه:
إِلَّا ٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلرِّجَالِ وَٱلنِّسَآءِ وَٱلۡوِلۡدَٰنِ لَا يَسۡتَطِيعُونَ حِيلَةٗ وَلَا يَهۡتَدُونَ سَبِيلٗا
Isaan dadhaboo malee. dhiiraa, dubartootaafi ijoollee irraakan ta’an, kan mala baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle (deemsa hindandeenye) (malee).
عربي تفسیرونه:
فَأُوْلَٰٓئِكَ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَعۡفُوَ عَنۡهُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَفُوًّا غَفُورٗا
Warra kana Rabbiin irra isaaniif dabruun nikajeelama. Rabbiin akkaan irra dabraa, akkaan araaramaa ta'eera.
عربي تفسیرونه:
۞ وَمَن يُهَاجِرۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ يَجِدۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُرَٰغَمٗا كَثِيرٗا وَسَعَةٗۚ وَمَن يَخۡرُجۡ مِنۢ بَيۡتِهِۦ مُهَاجِرًا إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ يُدۡرِكۡهُ ٱلۡمَوۡتُ فَقَدۡ وَقَعَ أَجۡرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Namni karaa Rabbii keessatti godaane, dachii keessatti iddoo godaansaa hedduufi bal'ina argata. Namni mana isaa irraa gara Rabbiitiifi ergamaa Isaa godaanuuf ba’ee ergasii duuti isa dhaqqabe, dhugumatti mindaan isaa Rabbiratti isaa mirkanaa’e, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا ضَرَبۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَلَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَن تَقۡصُرُواْ مِنَ ٱلصَّلَوٰةِ إِنۡ خِفۡتُمۡ أَن يَفۡتِنَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْۚ إِنَّ ٱلۡكَٰفِرِينَ كَانُواْ لَكُمۡ عَدُوّٗا مُّبِينٗا
Yeroo dachii keessa deemtan,badiin homaatuu isin irra hin jiru salaata irraa gabaabsuu keessaniin, yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan, Dhugumatti, kaafiroonni isiniif diinota mul'ataa ta'aniiru.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: نساء
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول