Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: ق   آیت:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ وَنَعۡلَمُ مَا تُوَسۡوِسُ بِهِۦ نَفۡسُهُۥۖ وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنۡ حَبۡلِ ٱلۡوَرِيدِ
Nuti dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (dhamaa) irra gara isaatti dhihoodha.
عربي تفسیرونه:
إِذۡ يَتَلَقَّى ٱلۡمُتَلَقِّيَانِ عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ قَعِيدٞ
Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (yaadachiisi).
عربي تفسیرونه:
مَّا يَلۡفِظُ مِن قَوۡلٍ إِلَّا لَدَيۡهِ رَقِيبٌ عَتِيدٞ
Jecha tokkoyyuu hin dubbatu Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee .
عربي تفسیرونه:
وَجَآءَتۡ سَكۡرَةُ ٱلۡمَوۡتِ بِٱلۡحَقِّۖ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنۡهُ تَحِيدُ
Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti. “Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).
عربي تفسیرونه:
وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡوَعِيدِ
Xurumbaan ni afuufama; sun guyyaa sodaachisaati.
عربي تفسیرونه:
وَجَآءَتۡ كُلُّ نَفۡسٖ مَّعَهَا سَآئِقٞ وَشَهِيدٞ
Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.
عربي تفسیرونه:
لَّقَدۡ كُنتَ فِي غَفۡلَةٖ مِّنۡ هَٰذَا فَكَشَفۡنَا عَنكَ غِطَآءَكَ فَبَصَرُكَ ٱلۡيَوۡمَ حَدِيدٞ
“Ati kana irraa daguu keessa turte. Nuti haguuggaa kee sirraa kaafne. ijji kee har’a qara” (jedhamaan).
عربي تفسیرونه:
وَقَالَ قَرِينُهُۥ هَٰذَا مَا لَدَيَّ عَتِيدٌ
Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira dhihaataa tahee jiruudha.”
عربي تفسیرونه:
أَلۡقِيَا فِي جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٖ
Akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.
عربي تفسیرونه:
مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٖ مُّرِيبٍ
(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِي جَعَلَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَأَلۡقِيَاهُ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلشَّدِيدِ
Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise azaaba cimaa keessa isa buusaa.
عربي تفسیرونه:
۞ قَالَ قَرِينُهُۥ رَبَّنَا مَآ أَطۡغَيۡتُهُۥ وَلَٰكِن كَانَ فِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٖ
Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani isa hin jallifne. Garuu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”
عربي تفسیرونه:
قَالَ لَا تَخۡتَصِمُواْ لَدَيَّ وَقَدۡ قَدَّمۡتُ إِلَيۡكُم بِٱلۡوَعِيدِ
Rabbiin ni jedha,“Ana biratti wal hin falminaa, Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.
عربي تفسیرونه:
مَا يُبَدَّلُ ٱلۡقَوۡلُ لَدَيَّ وَمَآ أَنَا۠ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ
Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Ani gabroota kiyya miidhaa miti.”
عربي تفسیرونه:
يَوۡمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ ٱمۡتَلَأۡتِ وَتَقُولُ هَلۡ مِن مَّزِيدٖ
Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (isaan sodaachidi.)
عربي تفسیرونه:
وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ غَيۡرَ بَعِيدٍ
Jannanni dhiheeffamte namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin.
عربي تفسیرونه:
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٖ
Kun waan waadaa galamtaniidha Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiif, (jedhama).
عربي تفسیرونه:
مَّنۡ خَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِ وَجَآءَ بِقَلۡبٖ مُّنِيبٍ
“Nama fagotti Rahmaan sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi (nidhihaatti).
عربي تفسیرونه:
ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٖۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُلُودِ
Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).
عربي تفسیرونه:
لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيۡنَا مَزِيدٞ
Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jira, Nu bira daballis jira.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: ق
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول