Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: ذاریات   آیت:
۞ قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?”
عربي تفسیرونه:
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.
عربي تفسیرونه:
لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن طِينٖ
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”
عربي تفسیرونه:
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.
عربي تفسیرونه:
فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.
عربي تفسیرونه:
فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتٖ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
ishee keessatti homaa hin argine Mana Muslimtootaa irraa ta’e tokko malee.
عربي تفسیرونه:
وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةٗ لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra.
عربي تفسیرونه:
وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ
(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).
عربي تفسیرونه:
فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٞ
(Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.
عربي تفسیرونه:
فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٞ
Isaafi waraana isaas qabnee. galaana keessatti isaan darbine haala inni komatamaa ta’een.
عربي تفسیرونه:
وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ
(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).
عربي تفسیرونه:
مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ
Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.
عربي تفسیرونه:
وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينٖ
(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).
عربي تفسیرونه:
فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ
Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonan. iyyansi (dhumti) isaan qabatte Odoo isaan ilaalanuu .
عربي تفسیرونه:
فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامٖ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ
Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane.
عربي تفسیرونه:
وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra). isaan ummata finciltoota turan.
عربي تفسیرونه:
وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٖ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ
Samiis humnaan ishee ijaarre. Dhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle!
عربي تفسیرونه:
وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne.
عربي تفسیرونه:
فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Gara Rabbii baqadhaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
عربي تفسیرونه:
وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Allaah wajjini gabbaramaa biraa hin taasisinaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: ذاریات
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول