Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: تحریم   آیت:

Attahriim

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ لِمَ تُحَرِّمُ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكَۖ تَبۡتَغِي مَرۡضَاتَ أَزۡوَٰجِكَۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Yaa Nabiyyichaa! Maaliif waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota haadholee manaa tee jaalachiisuu barbaachaaf ? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
عربي تفسیرونه:
قَدۡ فَرَضَ ٱللَّهُ لَكُمۡ تَحِلَّةَ أَيۡمَٰنِكُمۡۚ وَٱللَّهُ مَوۡلَىٰكُمۡۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ
Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuulee keessan ittiin hiiktan isiniif murteesseera. Rabbiin gargaaraa keessani. Inni beekaa ogeessa.
عربي تفسیرونه:
وَإِذۡ أَسَرَّ ٱلنَّبِيُّ إِلَىٰ بَعۡضِ أَزۡوَٰجِهِۦ حَدِيثٗا فَلَمَّا نَبَّأَتۡ بِهِۦ وَأَظۡهَرَهُ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ عَرَّفَ بَعۡضَهُۥ وَأَعۡرَضَ عَنۢ بَعۡضٖۖ فَلَمَّا نَبَّأَهَا بِهِۦ قَالَتۡ مَنۡ أَنۢبَأَكَ هَٰذَاۖ قَالَ نَبَّأَنِيَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡخَبِيرُ
Yeroo Nabiyyichi gara garii niitolee isaatti iccitii wahii himu [yaadadhaa]. Yeroo isheen isa odeessitee Rabbiinis isa isatti beeksisu, garii isaa (isheetti) beeksisee, garii irraa gara gale. Yeroo inni isa isheetti himu “eenyutu kana sitti hime” jette. "Beekaa, keessa hubataatu natti hime" jedheen.
عربي تفسیرونه:
إِن تَتُوبَآ إِلَى ٱللَّهِ فَقَدۡ صَغَتۡ قُلُوبُكُمَاۖ وَإِن تَظَٰهَرَا عَلَيۡهِ فَإِنَّ ٱللَّهَ هُوَ مَوۡلَىٰهُ وَجِبۡرِيلُ وَصَٰلِحُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ ظَهِيرٌ
Yoo tawbaa gara Rabbii deebitaniif (isiniif araarama) Onneen lamaan keessanii dhugumaan jallattee jirti. Yoo isa irratti wal gargaartan Rabbiin isatu gargaaraa isaati Jibriiliifi gaggaariin Mu'umintootaas, Maleykonnis booda sanaatii gargaartota isaati.
عربي تفسیرونه:
عَسَىٰ رَبُّهُۥٓ إِن طَلَّقَكُنَّ أَن يُبۡدِلَهُۥٓ أَزۡوَٰجًا خَيۡرٗا مِّنكُنَّ مُسۡلِمَٰتٖ مُّؤۡمِنَٰتٖ قَٰنِتَٰتٖ تَٰٓئِبَٰتٍ عَٰبِدَٰتٖ سَٰٓئِحَٰتٖ ثَيِّبَٰتٖ وَأَبۡكَارٗا
Yoo inni isin hiike, Gooftaan isaa niitolee kan isin irra caalan bakka isaaf buusuun ni kajeelama. (kan) Muslimoota, mu’uminoota, ajajamtoota, toobbattoota, (Rabbiin) gabbartoota, soomantoota, kan beeraa (gursummeeyyii)fi durba ta'an.
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ قُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ وَأَهۡلِيكُمۡ نَارٗا وَقُودُهَا ٱلنَّاسُ وَٱلۡحِجَارَةُ عَلَيۡهَا مَلَٰٓئِكَةٌ غِلَاظٞ شِدَادٞ لَّا يَعۡصُونَ ٱللَّهَ مَآ أَمَرَهُمۡ وَيَفۡعَلُونَ مَا يُؤۡمَرُونَ
Yaa warra amantan! Lubbuulee teessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qabsiisaan isii namootaafi dhagaalee ta'e, irraa eegaa. Isirra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo ta'antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu, waan ajajaman ni hojjatu.
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَعۡتَذِرُواْ ٱلۡيَوۡمَۖ إِنَّمَا تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
"Yaa warra kafartan! Guyyaa har’aa (Qiyaamaa) kana rakkina hin himatinaa; wanti isin galata galfamtan waanuma dalagaa turtan qofa" (jedhamu).
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ تُوبُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ تَوۡبَةٗ نَّصُوحًا عَسَىٰ رَبُّكُمۡ أَن يُكَفِّرَ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَيُدۡخِلَكُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ يَوۡمَ لَا يُخۡزِي ٱللَّهُ ٱلنَّبِيَّ وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥۖ نُورُهُمۡ يَسۡعَىٰ بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَبِأَيۡمَٰنِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَتۡمِمۡ لَنَا نُورَنَا وَٱغۡفِرۡ لَنَآۖ إِنَّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Yaa warra amantan! gara Rabbiitti tawbadhaaTawbaa qulqulluu. Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannatoota jala ishee laggeen yaatu isin seensisuun ni kajeelama. Guyyaa Rabbiin Nabiyyiifi warra isaa wajjin amanan hin hoongessine san, ifaan isaanii fuuldura isaaniitiifi mirgoowwan isaanii deema. Nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Ifaa keenya nuuf guuti; nuufis araarami; Ati waan hunda irratti danda'aa dha".
عربي تفسیرونه:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ جَٰهِدِ ٱلۡكُفَّارَ وَٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱغۡلُظۡ عَلَيۡهِمۡۚ وَمَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ
Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa'ii. isaan irrattis cimi. Teessoon isaaniis ibidda Jahannami. Deebiin waa hammaatee!
عربي تفسیرونه:
ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ ٱمۡرَأَتَ نُوحٖ وَٱمۡرَأَتَ لُوطٖۖ كَانَتَا تَحۡتَ عَبۡدَيۡنِ مِنۡ عِبَادِنَا صَٰلِحَيۡنِ فَخَانَتَاهُمَا فَلَمۡ يُغۡنِيَا عَنۡهُمَا مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـٔٗا وَقِيلَ ٱدۡخُلَا ٱلنَّارَ مَعَ ٱلدَّٰخِلِينَ
Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhiifi niitii Luux fakkeenya godhe. Gabroota keenya gaggaarii keessaa gabroota lama jala turan. isaan ganan. Isaan lamaanis (Nuuhifi Luux) (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin duroomsine. "Isin lamaan ibidda warra seenan wajjin seenaa" jedhameen.
عربي تفسیرونه:
وَضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱمۡرَأَتَ فِرۡعَوۡنَ إِذۡ قَالَتۡ رَبِّ ٱبۡنِ لِي عِندَكَ بَيۡتٗا فِي ٱلۡجَنَّةِ وَنَجِّنِي مِن فِرۡعَوۡنَ وَعَمَلِهِۦ وَنَجِّنِي مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Ammas Rabbiin isaan amananiif niitii Fir'awni fakkeenya godhe. Yeroo isheen "yaa Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari; Fir'awniifi dalagaa isaa irraa na baraarsi; ummata miidhaa hojjatoota irraas na baraarsi" jette.
عربي تفسیرونه:
وَمَرۡيَمَ ٱبۡنَتَ عِمۡرَٰنَ ٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهِ مِن رُّوحِنَا وَصَدَّقَتۡ بِكَلِمَٰتِ رَبِّهَا وَكُتُبِهِۦ وَكَانَتۡ مِنَ ٱلۡقَٰنِتِينَ
Maryam Intala Imraan, ishee qaama saalaa ishee tiksites (fakkeenya godheera). Ruuhii (uumaa) keenya irraa ta'e isa keessatti afuufne. Jechoota Gooftaa isheetiifi kitaabota Isaas ni dhugoomsite. Warra Rabbiif ajajamu irraas taate.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: تحریم
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول