Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: انسان   آیت:
عَيۡنٗا يَشۡرَبُ بِهَا عِبَادُ ٱللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفۡجِيرٗا
(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha. (Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu.
عربي تفسیرونه:
يُوفُونَ بِٱلنَّذۡرِ وَيَخَافُونَ يَوۡمٗا كَانَ شَرُّهُۥ مُسۡتَطِيرٗا
Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atu ni sodaatu.
عربي تفسیرونه:
وَيُطۡعِمُونَ ٱلطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ مِسۡكِينٗا وَيَتِيمٗا وَأَسِيرًا
Nyaata ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.
عربي تفسیرونه:
إِنَّمَا نُطۡعِمُكُمۡ لِوَجۡهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمۡ جَزَآءٗ وَلَا شُكُورًا
(Ni jedhu): "wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.
عربي تفسیرونه:
إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوۡمًا عَبُوسٗا قَمۡطَرِيرٗا
Nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”
عربي تفسیرونه:
فَوَقَىٰهُمُ ٱللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمِ وَلَقَّىٰهُمۡ نَضۡرَةٗ وَسُرُورٗا
Rabbiini hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.
عربي تفسیرونه:
وَجَزَىٰهُم بِمَا صَبَرُواْ جَنَّةٗ وَحَرِيرٗا
Sababa isaan obsaniif jannataafi hariira galata isaaniif galche.
عربي تفسیرونه:
مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۖ لَا يَرَوۡنَ فِيهَا شَمۡسٗا وَلَا زَمۡهَرِيرٗا
Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii (jiraatu), ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argan.
عربي تفسیرونه:
وَدَانِيَةً عَلَيۡهِمۡ ظِلَٰلُهَا وَذُلِّلَتۡ قُطُوفُهَا تَذۡلِيلٗا
Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).
عربي تفسیرونه:
وَيُطَافُ عَلَيۡهِم بِـَٔانِيَةٖ مِّن فِضَّةٖ وَأَكۡوَابٖ كَانَتۡ قَوَارِيرَا۠
Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.
عربي تفسیرونه:
قَوَارِيرَاْ مِن فِضَّةٖ قَدَّرُوهَا تَقۡدِيرٗا
Qaruuraalee meeta irraa ta'een likki godhan likkii godhiinsa.
عربي تفسیرونه:
وَيُسۡقَوۡنَ فِيهَا كَأۡسٗا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا
Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.
عربي تفسیرونه:
عَيۡنٗا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلۡسَبِيلٗا
Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).
عربي تفسیرونه:
۞ وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيۡتَهُمۡ حَسِبۡتَهُمۡ لُؤۡلُؤٗا مَّنثُورٗا
Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا رَأَيۡتَ ثَمَّ رَأَيۡتَ نَعِيمٗا وَمُلۡكٗا كَبِيرًا
Yeroo achi keessa ilaalte qananiifi mootummaa guddaa argita.
عربي تفسیرونه:
عَٰلِيَهُمۡ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضۡرٞ وَإِسۡتَبۡرَقٞۖ وَحُلُّوٓاْ أَسَاوِرَ مِن فِضَّةٖ وَسَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ شَرَابٗا طَهُورًا
Gubbaa isaanii irra uffata hariira qal'aa magariisa fi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamu. Gooftaan isaanii dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ هَٰذَا كَانَ لَكُمۡ جَزَآءٗ وَكَانَ سَعۡيُكُم مَّشۡكُورًا
"kun galata isiniif ta'eera. Dalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).
عربي تفسیرونه:
إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ تَنزِيلٗا
Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra.
عربي تفسیرونه:
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعۡ مِنۡهُمۡ ءَاثِمًا أَوۡ كَفُورٗا
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.
عربي تفسیرونه:
وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلٗا
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: انسان
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول