Check out the new design

Қуръони Карим маъноларининг таржимаси - Оромийча таржима - Ғолий Абобур * - Таржималар мундарижаси

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Маънолар таржимаси Сура: Анфол   Оят:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ لَمۡ يَكُ مُغَيِّرٗا نِّعۡمَةً أَنۡعَمَهَا عَلَىٰ قَوۡمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُواْ مَا بِأَنفُسِهِمۡ وَأَنَّ ٱللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٞ
  Kun waan Rabbiin tola ummata irratti oole tokko hanga isaan waan lubbuulee isaaniitti jiru jijjiiranitti kan jirjiiru hintahiniifi. Rabbiin dhagayaa beekaadha.
Арабча тафсирлар:
كَدَأۡبِ ءَالِ فِرۡعَوۡنَ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ فَأَهۡلَكۡنَٰهُم بِذُنُوبِهِمۡ وَأَغۡرَقۡنَآ ءَالَ فِرۡعَوۡنَۚ وَكُلّٞ كَانُواْ ظَٰلِمِينَ
  Akka haala namoota Fir’awnaafi warra isaan duraati. keeyyattoota Gooftaa isaanii kijibsiisan, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessine; ummata Fir’awnaa bishaaniin dhidhimsine; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.
Арабча тафсирлар:
إِنَّ شَرَّ ٱلدَّوَآبِّ عِندَ ٱللَّهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
  Irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.
Арабча тафсирлар:
ٱلَّذِينَ عَٰهَدتَّ مِنۡهُمۡ ثُمَّ يَنقُضُونَ عَهۡدَهُمۡ فِي كُلِّ مَرَّةٖ وَهُمۡ لَا يَتَّقُونَ
 (Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda ahdii isaanii nidiigan, isaan Rabbiin hin sodaatan.
Арабча тафсирлар:
فَإِمَّا تَثۡقَفَنَّهُمۡ فِي ٱلۡحَرۡبِ فَشَرِّدۡ بِهِم مَّنۡ خَلۡفَهُمۡ لَعَلَّهُمۡ يَذَّكَّرُونَ
  Yoo lola irratti isaan argite namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi, akka isaan gorfamaniif jecha .
Арабча тафсирлар:
وَإِمَّا تَخَافَنَّ مِن قَوۡمٍ خِيَانَةٗ فَٱنۢبِذۡ إِلَيۡهِمۡ عَلَىٰ سَوَآءٍۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡخَآئِنِينَ
  Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (waadaa isaanii) gara isaanitti darbi, Rabbiin warra (waadaa)gantoota hin jaalatu.
Арабча тафсирлар:
وَلَا يَحۡسَبَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ سَبَقُوٓاْۚ إِنَّهُمۡ لَا يُعۡجِزُونَ
  Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliqanii hin yaadin, isaan (Nu) hin dadhabsiisanu.
Арабча тафсирлар:
وَأَعِدُّواْ لَهُم مَّا ٱسۡتَطَعۡتُم مِّن قُوَّةٖ وَمِن رِّبَاطِ ٱلۡخَيۡلِ تُرۡهِبُونَ بِهِۦ عَدُوَّ ٱللَّهِ وَعَدُوَّكُمۡ وَءَاخَرِينَ مِن دُونِهِمۡ لَا تَعۡلَمُونَهُمُ ٱللَّهُ يَعۡلَمُهُمۡۚ وَمَا تُنفِقُواْ مِن شَيۡءٖ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ يُوَفَّ إِلَيۡكُمۡ وَأَنتُمۡ لَا تُظۡلَمُونَ
  Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessan isaaniif qopheessaa, kan ittiin diina Rabbii fii diina keessan sodaachiftan. (akkasuma kan) ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan isin isaan hin beekne, Rabbiin isaan beeku, ittiin akka sodaachiftaniif. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennama, Isin hin miidhamtanu.
Арабча тафсирлар:
۞ وَإِن جَنَحُواْ لِلسَّلۡمِ فَٱجۡنَحۡ لَهَا وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
  Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhu, Inni dhaga’aa, argaadha.
Арабча тафсирлар:
 
Маънолар таржимаси Сура: Анфол
Суралар мундарижаси Бет рақами
 
Қуръони Карим маъноларининг таржимаси - Оромийча таржима - Ғолий Абобур - Таржималар мундарижаси

Мутаржим: Ғолий Абобур Абоғуна.

Ёпиш