የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል-ፋቲሃ   አንቀጽ:

Alfaatihah

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.{1}
{1} suuraan faatihaa tuni irra caaltuu suuraalee qur'aanaati. Nabiyyiin S.A.W. Abii sa'iidiin akkana jedhe "irra caaltuu suuraalee qur'aanaa sibeeysisa, isiin -Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin- jedheen. isiin torban deddeebituu taate, qur'aana guddaa ani isa kennames" jedheen. {bukhaariitu odeesse}.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Faaruun hundi tan Rabbii Gooftaa aalamaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَٰلِكِ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Abbaa (mootii) guyyaa murtii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِيَّاكَ نَعۡبُدُ وَإِيَّاكَ نَسۡتَعِينُ
Si qofa gabbarra; Si qofatti gargaarsifannas.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱهۡدِنَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ
Daandii sirraawaatti nu qajeelchi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
صِرَٰطَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمۡتَ عَلَيۡهِمۡ غَيۡرِ ٱلۡمَغۡضُوبِ عَلَيۡهِمۡ وَلَا ٱلضَّآلِّينَ
Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan warra irratti dallanamee kanhintahin, kan jallattootaa (kan hintahin) (nu qajeelchi) {2} {3}
{2} suuraan faatihaa tuni irra caaltuu suuraalee qur'aanaati. Nabiyyiin S.A.W. Abii sa'iidiin akkana jedhe "irra caaltuu suuraalee qur'aanaa sibeeysisa, isiin -Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin- jedheen. isiin torban deddeebituu taate, qur'aana guddaa ani isa kennames" jedheen. {bukhaariitu odeesse}.
{3} Aamiin jechuun salaata keessatti barbaachisaadha. bakka tanatti yogguu faatihaa fixan. namni duubaan salaatulleen sagalee olfuudhee bakka takaa jedha. garuu jechi Aamiin jedhu kuni faatiharraayii miti, inumaa qur'aanarraayii miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል-ፋቲሃ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት