የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ዩሱፍ   አንቀጽ:

Yuusuf

الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Alif Laam Raa Kun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ قُرۡءَٰنًا عَرَبِيّٗا لَّعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
Nuti isa buufne Qur’aana Arabiffaa ta’e, akka isin xiinxaltaniif jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نَحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ أَحۡسَنَ ٱلۡقَصَصِ بِمَآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ وَإِن كُنتَ مِن قَبۡلِهِۦ لَمِنَ ٱلۡغَٰفِلِينَ
Nuti seenaa gaggaarii sirratti odeessina Qur’aana kana gara keetti beeksisuudhaan, Ati isa dura dagattoota irraa taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ يُوسُفُ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ إِنِّي رَأَيۡتُ أَحَدَ عَشَرَ كَوۡكَبٗا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ رَأَيۡتُهُمۡ لِي سَٰجِدِينَ
Yeroo Yuusuf abbaa isaatin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Ani (abjuudhaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” [yaadadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰبُنَيَّ لَا تَقۡصُصۡ رُءۡيَاكَ عَلَىٰٓ إِخۡوَتِكَ فَيَكِيدُواْ لَكَ كَيۡدًاۖ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ لِلۡإِنسَٰنِ عَدُوّٞ مُّبِينٞ
(Abbaan isaas) ni jedhe: “Yaa ilma kiyya! abjuu kee obboleeyyan keetti hin himin shira sirratti shiruu, Dhugumatti, sheyxaanni namaaf diina ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ يَجۡتَبِيكَ رَبُّكَ وَيُعَلِّمُكَ مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِ وَيُتِمُّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكَ وَعَلَىٰٓ ءَالِ يَعۡقُوبَ كَمَآ أَتَمَّهَا عَلَىٰٓ أَبَوَيۡكَ مِن قَبۡلُ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَۚ إِنَّ رَبَّكَ عَلِيمٌ حَكِيمٞ
Akka kanatti Gooftaan kee si filata; hiikkaa manaamaas si barsiisa; ni’imaa Isaas sirrattiifi maatii Ya’aquub irrattis ni guuta, akkuma kana dura abbootii kee Ibraahiimiifi Isihaaq irratti guute. Dhugumatti, Gooftaan kee beekaa, ogeessa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ لَّقَدۡ كَانَ فِي يُوسُفَ وَإِخۡوَتِهِۦٓ ءَايَٰتٞ لِّلسَّآئِلِينَ
Dhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattooleetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالُواْ لَيُوسُفُ وَأَخُوهُ أَحَبُّ إِلَىٰٓ أَبِينَا مِنَّا وَنَحۡنُ عُصۡبَةٌ إِنَّ أَبَانَا لَفِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Yeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, Yuusufiifi obboleessi isaa nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodha,odoo nuti garee taanee jirru, Dhugumatti, abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱقۡتُلُواْ يُوسُفَ أَوِ ٱطۡرَحُوهُ أَرۡضٗا يَخۡلُ لَكُمۡ وَجۡهُ أَبِيكُمۡ وَتَكُونُواْ مِنۢ بَعۡدِهِۦ قَوۡمٗا صَٰلِحِينَ
Yuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’a, Sana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ قَآئِلٞ مِّنۡهُمۡ لَا تَقۡتُلُواْ يُوسُفَ وَأَلۡقُوهُ فِي غَيَٰبَتِ ٱلۡجُبِّ يَلۡتَقِطۡهُ بَعۡضُ ٱلسَّيَّارَةِ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ
Isaan irraa jedhaan tokko ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaa, hundee boollaa (eela) keessatti isa darbaa. akka gariin daldaltoota karaa deemu isa fudhatu, yoo kan dalagdan taataniif”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مَا لَكَ لَا تَأۡمَ۬نَّا عَلَىٰ يُوسُفَ وَإِنَّا لَهُۥ لَنَٰصِحُونَ
Ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! Sila ati maaliif Yuusuf irratti nu hin amanne? Nuti isaaf tola yaadoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَرۡسِلۡهُ مَعَنَا غَدٗا يَرۡتَعۡ وَيَلۡعَبۡ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Boru nu waliin isa ergi, Haa bashannanuu, haa taphatuu; dhugumatti, nuti isaaf tiksitoota.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنِّي لَيَحۡزُنُنِيٓ أَن تَذۡهَبُواْ بِهِۦ وَأَخَافُ أَن يَأۡكُلَهُ ٱلذِّئۡبُ وَأَنتُمۡ عَنۡهُ غَٰفِلُونَ
(Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisa, yeyyiin isa nyaachuun sodaadha, Isin isa irraa dagatoo taatanii .”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَئِنۡ أَكَلَهُ ٱلذِّئۡبُ وَنَحۡنُ عُصۡبَةٌ إِنَّآ إِذٗا لَّخَٰسِرُونَ
[Isaan] ni jedhan: “yoo yeyyiin isa nyaatte Odoo nuti garee taanee jirruu , dhugumatti nuti yeroo san hoongoftoota.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا ذَهَبُواْ بِهِۦ وَأَجۡمَعُوٓاْ أَن يَجۡعَلُوهُ فِي غَيَٰبَتِ ٱلۡجُبِّۚ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ لَتُنَبِّئَنَّهُم بِأَمۡرِهِمۡ هَٰذَا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Yeroma isaan deemanii boolla gadi fagoo keessatti isa gatuutti walii galan (isa darban). Nuti gara isaatti beeksifne “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana isaanitti himta odoo isaan (si) hin beekin ” jechuun.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءُوٓ أَبَاهُمۡ عِشَآءٗ يَبۡكُونَ
(Isaanis) abbaa isaanii bira dhufan galgala booyaatiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّا ذَهَبۡنَا نَسۡتَبِقُ وَتَرَكۡنَا يُوسُفَ عِندَ مَتَٰعِنَا فَأَكَلَهُ ٱلذِّئۡبُۖ وَمَآ أَنتَ بِمُؤۡمِنٖ لَّنَا وَلَوۡ كُنَّا صَٰدِقِينَ
Nijedhan “Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf deemne, Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee, yeyyiin isa nyaate, ati nuuf kan amantuu miti Odoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءُو عَلَىٰ قَمِيصِهِۦ بِدَمٖ كَذِبٖۚ قَالَ بَلۡ سَوَّلَتۡ لَكُمۡ أَنفُسُكُمۡ أَمۡرٗاۖ فَصَبۡرٞ جَمِيلٞۖ وَٱللَّهُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ
Qamisa isaa irratti dhiiga sobaatiin dhufan, (Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuulee keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsite, (Obsi kiyya) obsa gaariidha, Waan isin jettan kana irratti gargaarsifatamaan Rabbi qofa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَتۡ سَيَّارَةٞ فَأَرۡسَلُواْ وَارِدَهُمۡ فَأَدۡلَىٰ دَلۡوَهُۥۖ قَالَ يَٰبُشۡرَىٰ هَٰذَا غُلَٰمٞۚ وَأَسَرُّوهُ بِضَٰعَةٗۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِمَا يَعۡمَلُونَ
Kara deemtonni (daldaaltoonni) dhuftee, bishaan waraabuduu isaanii erganii baaldii isaa (eela keessa) gadi buuse, “Yaa gammachuu! Kuni mucaa (bareedaadha)” jedhe, Meeshaa godhanii isa dhoksan, Rabbiin waan isaan hojjatan beekaadha. [1]
[1] yuusuf obboleeyyan isaa eelatti darban, isumaa achi keessa jiru, daldaltoonni bishaan waraabbatuuf baaldii haadaan harkifamu eelatti gadi darban, yuusuf baaldii san qabtee namtichi bishaan sehee harkisee olbaase, akkasitti irraa gammadee fudhatanii deemaniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَشَرَوۡهُ بِثَمَنِۭ بَخۡسٖ دَرَٰهِمَ مَعۡدُودَةٖ وَكَانُواْ فِيهِ مِنَ ٱلزَّٰهِدِينَ
Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguran, Isa keessattis danta dhaboota irraa ta’an. {2}
{2} obboleeyantu daldaltoota eelaa baasan sanitti rakishatti gurguratan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِي ٱشۡتَرَىٰهُ مِن مِّصۡرَ لِٱمۡرَأَتِهِۦٓ أَكۡرِمِي مَثۡوَىٰهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوۡ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدٗاۚ وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلِنُعَلِّمَهُۥ مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِۚ وَٱللَّهُ غَالِبٌ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِۦ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Inni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe:(iddoo) qubsuma isaa kabaji “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa", akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessine, (Akka bulchaa isa goonuu) fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha. Rabbiin dhimma Isaa irratti injifataadha, Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.{3}
{3} daldaltoonni fuudhanii deemaniinii misra geessanii angaawaa achii tokkotti gurguratan, isaatu yeroo bitu jaartii isaatti akka jabeesitu dhaammate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُۥٓ ءَاتَيۡنَٰهُ حُكۡمٗا وَعِلۡمٗاۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Yeroo inni (dargaggoomee) jabummaa isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennine, Akka kanatti toltuu hojjattootaaf galata galchina.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَرَٰوَدَتۡهُ ٱلَّتِي هُوَ فِي بَيۡتِهَا عَن نَّفۡسِهِۦ وَغَلَّقَتِ ٱلۡأَبۡوَٰبَ وَقَالَتۡ هَيۡتَ لَكَۚ قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ رَبِّيٓ أَحۡسَنَ مَثۡوَايَۖ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Isheen inni mana ishee keessa jiru (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalte, Hulaalee ni cuccufte, nijette siif qophaa’eeraa kottu, nijedhe Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya koo naaf tolchee jira, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ هَمَّتۡ بِهِۦۖ وَهَمَّ بِهَا لَوۡلَآ أَن رَّءَا بُرۡهَٰنَ رَبِّهِۦۚ كَذَٰلِكَ لِنَصۡرِفَ عَنۡهُ ٱلسُّوٓءَ وَٱلۡفَحۡشَآءَۚ إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Dhugumatti, isheen isatti yaadde, innis isheetti yaade, Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee. Akka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne). Dhugumatti, inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱسۡتَبَقَا ٱلۡبَابَ وَقَدَّتۡ قَمِيصَهُۥ مِن دُبُرٖ وَأَلۡفَيَا سَيِّدَهَا لَدَا ٱلۡبَابِۚ قَالَتۡ مَا جَزَآءُ مَنۡ أَرَادَ بِأَهۡلِكَ سُوٓءًا إِلَّآ أَن يُسۡجَنَ أَوۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
(Isaan lamaan) gara balbalaa wal dorgoman, Isheen qamiisa isaa gara duubatiin dhoofte, Lamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee argan, Isheen ni jette: “galanni nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee hin taane.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هِيَ رَٰوَدَتۡنِي عَن نَّفۡسِيۚ وَشَهِدَ شَاهِدٞ مِّنۡ أَهۡلِهَآ إِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن قُبُلٖ فَصَدَقَتۡ وَهُوَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
Inni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaadde, Ragaa ba’aan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa ba’e: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni kijibdoota irraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٖ فَكَذَبَتۡ وَهُوَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Yoo qamiisni isaa gara duubaatiin baqaqfame, isheen ni sobdee inni dhugaa dubbattoota irraayi.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا رَءَا قَمِيصَهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٖ قَالَ إِنَّهُۥ مِن كَيۡدِكُنَّۖ إِنَّ كَيۡدَكُنَّ عَظِيمٞ
Yeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (dhirsi ishee) ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun tooftaa keessan (dubartootaa) irraayyi. Dhugumatti, tooftaan keessan guddaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُوسُفُ أَعۡرِضۡ عَنۡ هَٰذَاۚ وَٱسۡتَغۡفِرِي لِذَنۢبِكِۖ إِنَّكِ كُنتِ مِنَ ٱلۡخَاطِـِٔينَ
Yuusuf kana irraa garagali. Ati (dubartittiin) immoo badii keetiif araarama kadhu. Dhugumatti, ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَقَالَ نِسۡوَةٞ فِي ٱلۡمَدِينَةِ ٱمۡرَأَتُ ٱلۡعَزِيزِ تُرَٰوِدُ فَتَىٰهَا عَن نَّفۡسِهِۦۖ قَدۡ شَغَفَهَا حُبًّاۖ إِنَّا لَنَرَىٰهَا فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Dubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalti, Jaalalli isaas onnee ishee seenee jira. Dhugumatti, nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا سَمِعَتۡ بِمَكۡرِهِنَّ أَرۡسَلَتۡ إِلَيۡهِنَّ وَأَعۡتَدَتۡ لَهُنَّ مُتَّكَـٔٗا وَءَاتَتۡ كُلَّ وَٰحِدَةٖ مِّنۡهُنَّ سِكِّينٗا وَقَالَتِ ٱخۡرُجۡ عَلَيۡهِنَّۖ فَلَمَّا رَأَيۡنَهُۥٓ أَكۡبَرۡنَهُۥ وَقَطَّعۡنَ أَيۡدِيَهُنَّ وَقُلۡنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا هَٰذَا بَشَرًا إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا مَلَكٞ كَرِيمٞ
Yeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergite, makaddaa (fiiNyaata) isaaniif qopheessite, Tokko tokkoon isaaniitiif hablee (billaa) ni kenitte. “Isaan irratti gadi bahi” jette, Yeroma isa argan isa dinqisiifatan Harkoowwan isaaniis mummuran, nijedhan “Rabbiin qulqulaa’ee, inni kun namaa miti, Inni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَتۡ فَذَٰلِكُنَّ ٱلَّذِي لُمۡتُنَّنِي فِيهِۖ وَلَقَدۡ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفۡسِهِۦ فَٱسۡتَعۡصَمَۖ وَلَئِن لَّمۡ يَفۡعَلۡ مَآ ءَامُرُهُۥ لَيُسۡجَنَنَّ وَلَيَكُونٗا مِّنَ ٱلصَّٰغِرِينَ
(Isheenis) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidha. Anatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabbale, ni dide. Yoo inni waan ani isa ajaju dalaguu dide Dhugumatti ni hidhama; Salphattoota irraas ni ta’a”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ ٱلسِّجۡنُ أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا يَدۡعُونَنِيٓ إِلَيۡهِۖ وَإِلَّا تَصۡرِفۡ عَنِّي كَيۡدَهُنَّ أَصۡبُ إِلَيۡهِنَّ وَأَكُن مِّنَ ٱلۡجَٰهِلِينَ
[Inni] nijedhe “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadha. Yoo Ati tooftaa isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraa ta’a”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡتَجَابَ لَهُۥ رَبُّهُۥ فَصَرَفَ عَنۡهُ كَيۡدَهُنَّۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Gooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaanii isarraa deebise. Dhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ بَدَا لَهُم مِّنۢ بَعۡدِ مَا رَأَوُاْ ٱلۡأٓيَٰتِ لَيَسۡجُنُنَّهُۥ حَتَّىٰ حِينٖ
Sana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hidhuutu isaaniif mul’ate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَدَخَلَ مَعَهُ ٱلسِّجۡنَ فَتَيَانِۖ قَالَ أَحَدُهُمَآ إِنِّيٓ أَرَىٰنِيٓ أَعۡصِرُ خَمۡرٗاۖ وَقَالَ ٱلۡأٓخَرُ إِنِّيٓ أَرَىٰنِيٓ أَحۡمِلُ فَوۡقَ رَأۡسِي خُبۡزٗا تَأۡكُلُ ٱلطَّيۡرُ مِنۡهُۖ نَبِّئۡنَا بِتَأۡوِيلِهِۦٓۖ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Isa waliin dargaggeessi lama mana hidhaa seenan. Tokkoon isaan lamaanii ni jedhe: “ani (abjuudhaan) kanin farsoo cuunfun of arge”. Inni biraa immoo ni jedhe: “ani mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhee kan allaattiin isa irraa nyaattun arge, hiika isaa nutti himi. Gaarii hojjattoota irraa ta’uu kee arginaa ”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَا يَأۡتِيكُمَا طَعَامٞ تُرۡزَقَانِهِۦٓ إِلَّا نَبَّأۡتُكُمَا بِتَأۡوِيلِهِۦ قَبۡلَ أَن يَأۡتِيَكُمَاۚ ذَٰلِكُمَا مِمَّا عَلَّمَنِي رَبِّيٓۚ إِنِّي تَرَكۡتُ مِلَّةَ قَوۡمٖ لَّا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ كَٰفِرُونَ
(Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyi. ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee dhiise. isaan Aakiraatti kaafiroota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّبَعۡتُ مِلَّةَ ءَابَآءِيٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۚ مَا كَانَ لَنَآ أَن نُّشۡرِكَ بِٱللَّهِ مِن شَيۡءٖۚ ذَٰلِكَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ عَلَيۡنَا وَعَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ
Amantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeera. Waan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taane. Kuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irratti tahe. Garuu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ ءَأَرۡبَابٞ مُّتَفَرِّقُونَ خَيۡرٌ أَمِ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa (baay’ee) moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِهِۦٓ إِلَّآ أَسۡمَآءٗ سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٍۚ إِنِ ٱلۡحُكۡمُ إِلَّا لِلَّهِ أَمَرَ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّآ إِيَّاهُۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanu. Rabbiin ishee (gabbaruu) tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaane. Isa malee akka hin gabbarre ajajeera. Kun amantii gadi dhaabbataadha. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ أَمَّآ أَحَدُكُمَا فَيَسۡقِي رَبَّهُۥ خَمۡرٗاۖ وَأَمَّا ٱلۡأٓخَرُ فَيُصۡلَبُ فَتَأۡكُلُ ٱلطَّيۡرُ مِن رَّأۡسِهِۦۚ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ ٱلَّذِي فِيهِ تَسۡتَفۡتِيَانِ
Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasa, Inni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaatti, Dhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ لِلَّذِي ظَنَّ أَنَّهُۥ نَاجٖ مِّنۡهُمَا ٱذۡكُرۡنِي عِندَ رَبِّكَ فَأَنسَىٰهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ ذِكۡرَ رَبِّهِۦ فَلَبِثَ فِي ٱلسِّجۡنِ بِضۡعَ سِنِينَ
Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheen, Gooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiise, Waggaa muraasa mana hidhaa keessa ture.{1}
{1} yuusuf namticha hidhaa bahutti dhaammate, badii malee hidhamuu kiyya mootichatti naahimi akka nahiiku jedheen, garuu namticha sheyxaanni dagachiise, hinhimneef, saniin yuusuf hidhaa keessa ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ إِنِّيٓ أَرَىٰ سَبۡعَ بَقَرَٰتٖ سِمَانٖ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٞ وَسَبۡعَ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٖ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٖۖ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمَلَأُ أَفۡتُونِي فِي رُءۡيَٰيَ إِن كُنتُمۡ لِلرُّءۡيَا تَعۡبُرُونَ
Mootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeera. Yaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَضۡغَٰثُ أَحۡلَٰمٖۖ وَمَا نَحۡنُ بِتَأۡوِيلِ ٱلۡأَحۡلَٰمِ بِعَٰلِمِينَ
“(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaati. Nutis hiika bursusaa beektota hin taane” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِي نَجَا مِنۡهُمَا وَٱدَّكَرَ بَعۡدَ أُمَّةٍ أَنَا۠ أُنَبِّئُكُم بِتَأۡوِيلِهِۦ فَأَرۡسِلُونِ
Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusuf ni deeme).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُوسُفُ أَيُّهَا ٱلصِّدِّيقُ أَفۡتِنَا فِي سَبۡعِ بَقَرَٰتٖ سِمَانٖ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٞ وَسَبۡعِ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٖ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٖ لَّعَلِّيٓ أَرۡجِعُ إِلَى ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَعۡلَمُونَ
(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara ummataa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ تَزۡرَعُونَ سَبۡعَ سِنِينَ دَأَبٗا فَمَا حَصَدتُّمۡ فَذَرُوهُ فِي سُنۢبُلِهِۦٓ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّا تَأۡكُلُونَ
Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattu. waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa Xiqqoo waan irraa nyaattan malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ سَبۡعٞ شِدَادٞ يَأۡكُلۡنَ مَا قَدَّمۡتُمۡ لَهُنَّ إِلَّا قَلِيلٗا مِّمَّا تُحۡصِنُونَ
Ergasii san booda, waggoota rakkinaa torbatu dhufa waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu, xiqqoo waan kuuftanii malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ عَامٞ فِيهِ يُغَاثُ ٱلنَّاسُ وَفِيهِ يَعۡصِرُونَ
Ergasii sana booda waggaa isa keessa ummanni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦۖ فَلَمَّا جَآءَهُ ٱلرَّسُولُ قَالَ ٱرۡجِعۡ إِلَىٰ رَبِّكَ فَسۡـَٔلۡهُ مَا بَالُ ٱلنِّسۡوَةِ ٱلَّٰتِي قَطَّعۡنَ أَيۡدِيَهُنَّۚ إِنَّ رَبِّي بِكَيۡدِهِنَّ عَلِيمٞ
Mootichis Isa natti fidaa jedhe. Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii mummuranii maali’ (jedhii) isa gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii beekaadha.” {1}
{1} mootichi yuusuf hidharraa baasaa naafidaa jedhee itti erge, garuu yuusuf dubbiindubartoota harka ufmuranii sun qulqullooytu malee hinbahu jedhee ergaa mootichatti deebise,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ مَا خَطۡبُكُنَّ إِذۡ رَٰوَدتُّنَّ يُوسُفَ عَن نَّفۡسِهِۦۚ قُلۡنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا عَلِمۡنَا عَلَيۡهِ مِن سُوٓءٖۚ قَالَتِ ٱمۡرَأَتُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡـَٰٔنَ حَصۡحَصَ ٱلۡحَقُّ أَنَا۠ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفۡسِهِۦ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa abaabbaltan haalli keessan maal ture” jedheen. (Dubartoonni) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu”. Niitiin mootichaa nijette “Amma dhugaan ifa ta’eera, Anatu (qunnamtii saalaatiif)lubbuu isaa isa abaabbale, Dhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi”.{2}
{2} mooticha fuulduratti dubartoonni gaafatamanii qulqullummaa yuusf ragaa bahan, jaartiin mootichaatis yuusuf qulqulluu tahuufii tan badii hojjachuuf yaalte isii tahuu amante.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ لِيَعۡلَمَ أَنِّي لَمۡ أَخُنۡهُ بِٱلۡغَيۡبِ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي كَيۡدَ ٱلۡخَآئِنِينَ
“kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganin akka beekuufi, Rabbiin tooftaa gantootaa hinqajeelchu”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَمَآ أُبَرِّئُ نَفۡسِيٓۚ إِنَّ ٱلنَّفۡسَ لَأَمَّارَةُۢ بِٱلسُّوٓءِ إِلَّا مَا رَحِمَ رَبِّيٓۚ إِنَّ رَبِّي غَفُورٞ رَّحِيمٞ
“Lubbuu tiyyas hin qulqulleessu, Dhugumatti, lubbuun hamtuutti ajajjuudha nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦٓ أَسۡتَخۡلِصۡهُ لِنَفۡسِيۖ فَلَمَّا كَلَّمَهُۥ قَالَ إِنَّكَ ٱلۡيَوۡمَ لَدَيۡنَا مَكِينٌ أَمِينٞ
Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa dhuunfadhaa isaan natti kottaa. Yeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen. {3}
{3} booda mootichi yuusuf hidhaa baasanii akka isatti fidhan ajajee yuusuf hidha bahee mooticha bira dhaqee wajji haasayee, hojittis ramadame. rakkoon isaa achitti Rabbiin irraa guute. namni badirraa fagaatee Rabbi sodaate yeroof yoo rakkatellee obsa booda bal'inatti Rabbiin isa baasa. galata guddas Rabbirraa argata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ٱجۡعَلۡنِي عَلَىٰ خَزَآئِنِ ٱلۡأَرۡضِۖ إِنِّي حَفِيظٌ عَلِيمٞ
(Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَتَبَوَّأُ مِنۡهَا حَيۡثُ يَشَآءُۚ نُصِيبُ بِرَحۡمَتِنَا مَن نَّشَآءُۖ وَلَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Akka kanatti Yuusufiif dachii keessatti mijjeessine, ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee. Rahmata keenyaan nama feene tuqna. Mindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَأَجۡرُ ٱلۡأٓخِرَةِ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ
Dhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَ إِخۡوَةُ يُوسُفَ فَدَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَعَرَفَهُمۡ وَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ
Obboleeyyan Yuusuf gara isaa dhufanii isa irratti ol seenan, inni isaan beeke isaan isa wallaaloodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ قَالَ ٱئۡتُونِي بِأَخٖ لَّكُم مِّنۡ أَبِيكُمۡۚ أَلَا تَرَوۡنَ أَنِّيٓ أُوفِي ٱلۡكَيۡلَ وَأَنَا۠ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ
Yeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaa.sila safara guutuu koo hin argitanuu? ani caalaa keessummeessitootaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِن لَّمۡ تَأۡتُونِي بِهِۦ فَلَا كَيۡلَ لَكُمۡ عِندِي وَلَا تَقۡرَبُونِ
Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiru, Nattis hin dhiyaatinaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ سَنُرَٰوِدُ عَنۡهُ أَبَاهُ وَإِنَّا لَفَٰعِلُونَ
[Isaan] nijedhan “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafanna, Dhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ لِفِتۡيَٰنِهِ ٱجۡعَلُواْ بِضَٰعَتَهُمۡ فِي رِحَالِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَعۡرِفُونَهَآ إِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Gabroota isaatiin nijedhe “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا رَجَعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَبِيهِمۡ قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مُنِعَ مِنَّا ٱلۡكَيۡلُ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَآ أَخَانَا نَكۡتَلۡ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameera. Obboleessa Kenya nuu wajjiin ergi. Ni safaranna. Nuti dhugumatti isaaf tiksoodha”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَلۡ ءَامَنُكُمۡ عَلَيۡهِ إِلَّا كَمَآ أَمِنتُكُمۡ عَلَىٰٓ أَخِيهِ مِن قَبۡلُ فَٱللَّهُ خَيۡرٌ حَٰفِظٗاۖ وَهُوَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
(Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadha. Inni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا فَتَحُواْ مَتَٰعَهُمۡ وَجَدُواْ بِضَٰعَتَهُمۡ رُدَّتۡ إِلَيۡهِمۡۖ قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مَا نَبۡغِيۖ هَٰذِهِۦ بِضَٰعَتُنَا رُدَّتۡ إِلَيۡنَاۖ وَنَمِيرُ أَهۡلَنَا وَنَحۡفَظُ أَخَانَا وَنَزۡدَادُ كَيۡلَ بَعِيرٖۖ ذَٰلِكَ كَيۡلٞ يَسِيرٞ
Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamte. Maatii keenyaaf nishammadanna, Obboleessa keenyas ni tiksina, Fe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalanna, Kun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَنۡ أُرۡسِلَهُۥ مَعَكُمۡ حَتَّىٰ تُؤۡتُونِ مَوۡثِقٗا مِّنَ ٱللَّهِ لَتَأۡتُنَّنِي بِهِۦٓ إِلَّآ أَن يُحَاطَ بِكُمۡۖ فَلَمَّآ ءَاتَوۡهُ مَوۡثِقَهُمۡ قَالَ ٱللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٞ
(Ya’aquub) ni jedhe: “isa isin wajjiin hin ergu hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti, Yoo (diinaan) marfamtan malee .” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ يَٰبَنِيَّ لَا تَدۡخُلُواْ مِنۢ بَابٖ وَٰحِدٖ وَٱدۡخُلُواْ مِنۡ أَبۡوَٰبٖ مُّتَفَرِّقَةٖۖ وَمَآ أُغۡنِي عَنكُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍۖ إِنِ ٱلۡحُكۡمُ إِلَّا لِلَّهِۖ عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُۖ وَعَلَيۡهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُتَوَكِّلُونَ
Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaa, Balbaloota adda addaatiin seenaa, Ani (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsu, Dhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin malu. Isa (qofa) irratti hirkadhe, Hirkattoonni isuma (qofa) irratti haa hirkatani.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا دَخَلُواْ مِنۡ حَيۡثُ أَمَرَهُمۡ أَبُوهُم مَّا كَانَ يُغۡنِي عَنۡهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍ إِلَّا حَاجَةٗ فِي نَفۡسِ يَعۡقُوبَ قَضَىٰهَاۚ وَإِنَّهُۥ لَذُو عِلۡمٖ لِّمَا عَلَّمۡنَٰهُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Yeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenani, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taane. Garuu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateera. Dhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaati. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيۡهِ أَخَاهُۖ قَالَ إِنِّيٓ أَنَا۠ أَخُوكَ فَلَا تَبۡتَئِسۡ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Yeroma isaan Yuusuf irratti seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee, “ani anatu obboleessa keetii, waan isaan kan hojjachatan tahanitti hin gaddin” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ جَعَلَ ٱلسِّقَايَةَ فِي رَحۡلِ أَخِيهِ ثُمَّ أَذَّنَ مُؤَذِّنٌ أَيَّتُهَا ٱلۡعِيرُ إِنَّكُمۡ لَسَٰرِقُونَ
Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’e, Sana booda lallabaan ni lallabe “isin yaa daldaaltoota dhugumatti isin hattoota” (jedheen).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ وَأَقۡبَلُواْ عَلَيۡهِم مَّاذَا تَفۡقِدُونَ
Isaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedhaniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ نَفۡقِدُ صُوَاعَ ٱلۡمَلِكِ وَلِمَن جَآءَ بِهِۦ حِمۡلُ بَعِيرٖ وَأَنَا۠ بِهِۦ زَعِيمٞ
Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideef (badhaasa) (midhaan) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jira. Ani kana irratti waadaa galaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ تَٱللَّهِ لَقَدۡ عَلِمۡتُم مَّا جِئۡنَا لِنُفۡسِدَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كُنَّا سَٰرِقِينَ
Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittu, Nuti hattootas hin taane.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ فَمَا جَزَٰٓؤُهُۥٓ إِن كُنتُمۡ كَٰذِبِينَ
“Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ جَزَٰٓؤُهُۥ مَن وُجِدَ فِي رَحۡلِهِۦ فَهُوَ جَزَٰٓؤُهُۥۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلظَّٰلِمِينَ
Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fuudhamuutu) adabbii isaati, Nuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبَدَأَ بِأَوۡعِيَتِهِمۡ قَبۡلَ وِعَآءِ أَخِيهِ ثُمَّ ٱسۡتَخۡرَجَهَا مِن وِعَآءِ أَخِيهِۚ كَذَٰلِكَ كِدۡنَا لِيُوسُفَۖ مَا كَانَ لِيَأۡخُذَ أَخَاهُ فِي دِينِ ٱلۡمَلِكِ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ نَرۡفَعُ دَرَجَٰتٖ مَّن نَّشَآءُۗ وَفَوۡقَ كُلِّ ذِي عِلۡمٍ عَلِيمٞ
(Sakkatta’uus) qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabe, eegasii meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baase. Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne, obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turre Odoo Rabbiin Fedhuu baatee. Nama feene sadarkaalee hedduu ol fuuna. Abbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قَالُوٓاْ إِن يَسۡرِقۡ فَقَدۡ سَرَقَ أَخٞ لَّهُۥ مِن قَبۡلُۚ فَأَسَرَّهَا يُوسُفُ فِي نَفۡسِهِۦ وَلَمۡ يُبۡدِهَا لَهُمۡۚ قَالَ أَنتُمۡ شَرّٞ مَّكَانٗاۖ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا تَصِفُونَ
Isaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokse, Isaaniif ishee hin ibsine (Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedha. Rabbiin waan isin jettan irra beekaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡعَزِيزُ إِنَّ لَهُۥٓ أَبٗا شَيۡخٗا كَبِيرٗا فَخُذۡ أَحَدَنَا مَكَانَهُۥٓۖ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jira. Kanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhu. Nuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِ أَن نَّأۡخُذَ إِلَّا مَن وَجَدۡنَا مَتَٰعَنَا عِندَهُۥٓ إِنَّآ إِذٗا لَّظَٰلِمُونَ
Inni ni jedhe: “Nuti nama meeshaa keenya isa biratti argine malee fudhachuu irraa Rabbitti maganfanna. Dhugumatti, nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا ٱسۡتَيۡـَٔسُواْ مِنۡهُ خَلَصُواْ نَجِيّٗاۖ قَالَ كَبِيرُهُمۡ أَلَمۡ تَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ أَبَاكُمۡ قَدۡ أَخَذَ عَلَيۡكُم مَّوۡثِقٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَمِن قَبۡلُ مَا فَرَّطتُمۡ فِي يُوسُفَۖ فَلَنۡ أَبۡرَحَ ٱلۡأَرۡضَ حَتَّىٰ يَأۡذَنَ لِيٓ أَبِيٓ أَوۡ يَحۡكُمَ ٱللَّهُ لِيۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلۡحَٰكِمِينَ
Yeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’an, Guddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisu. Inni irra caalaa murteessitootaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱرۡجِعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَبِيكُمۡ فَقُولُواْ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّ ٱبۡنَكَ سَرَقَ وَمَا شَهِدۡنَآ إِلَّا بِمَا عَلِمۡنَا وَمَا كُنَّا لِلۡغَيۡبِ حَٰفِظِينَ
Gara abbaa keessanii deebi’aatii jedhaanii: “Yaa abbaa keenya! ilmi kee ni hate, Nuti waan beekneen malee ragaa hin baane. Nuti waan fagoo tiksitoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَسۡـَٔلِ ٱلۡقَرۡيَةَ ٱلَّتِي كُنَّا فِيهَا وَٱلۡعِيرَ ٱلَّتِيٓ أَقۡبَلۡنَا فِيهَاۖ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ
(Namoota) magaalaa nuti ishee keessa turreefi daldaaltota nuti isaan wajjin dhufnes gaafadhu, Nuti dhugaa dubbatoodha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ بَلۡ سَوَّلَتۡ لَكُمۡ أَنفُسُكُمۡ أَمۡرٗاۖ فَصَبۡرٞ جَمِيلٌۖ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَأۡتِيَنِي بِهِمۡ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ
(Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuulee keessantu waan tokko isiniif midhaagsite (isa hojjattan); (Obsi koo) obsa bareedaadha, Rabbiin hunda isaan (sadeenuu) naaf deebisuun ni kajeelama. Inni Isumatu beekaa, ogeessa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَوَلَّىٰ عَنۡهُمۡ وَقَالَ يَٰٓأَسَفَىٰ عَلَىٰ يُوسُفَ وَٱبۡيَضَّتۡ عَيۡنَاهُ مِنَ ٱلۡحُزۡنِ فَهُوَ كَظِيمٞ
Isaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusuf irratti” jedhe, gaddarraa irraa ijji isaa lamaanis addaatte; inni yaadaan guutamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ تَٱللَّهِ تَفۡتَؤُاْ تَذۡكُرُ يُوسُفَ حَتَّىٰ تَكُونَ حَرَضًا أَوۡ تَكُونَ مِنَ ٱلۡهَٰلِكِينَ
Nijedhan “Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنَّمَآ أَشۡكُواْ بَثِّي وَحُزۡنِيٓ إِلَى ٱللَّهِ وَأَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
(Ya’aquub) ni jedhe: “Ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadha, Rabbirraa waan isin hin beeknen beeka.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰبَنِيَّ ٱذۡهَبُواْ فَتَحَسَّسُواْ مِن يُوسُفَ وَأَخِيهِ وَلَا تَاْيۡـَٔسُواْ مِن رَّوۡحِ ٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ لَا يَاْيۡـَٔسُ مِن رَّوۡحِ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡقَوۡمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Yaa ilmaan kiyya! deemaa Yuusufiifi obboleessa isaa irraa odeeffadhaa. Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti rahmata Rabbii irraa eenyullee abdii hin kutu ummata kaafiroota malee.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَيۡهِ قَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡعَزِيزُ مَسَّنَا وَأَهۡلَنَا ٱلضُّرُّ وَجِئۡنَا بِبِضَٰعَةٖ مُّزۡجَىٰةٖ فَأَوۡفِ لَنَا ٱلۡكَيۡلَ وَتَصَدَّقۡ عَلَيۡنَآۖ إِنَّ ٱللَّهَ يَجۡزِي ٱلۡمُتَصَدِّقِينَ
Yeroma isa (Yuusuf) irratti seenan isaan jedhan Ati Yaa mootichaa! nuufi maatii keenyas rakkoon mudateera. Mallaqa tuffatamtuun dhufnee, safara nuuf guutii, nurrattiis sadaqadhu, Dhugumatti, Rabbiin warreen sadaqatan mindeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَلۡ عَلِمۡتُم مَّا فَعَلۡتُم بِيُوسُفَ وَأَخِيهِ إِذۡ أَنتُمۡ جَٰهِلُونَ
(Yuusuf) nijedhe “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَءِنَّكَ لَأَنتَ يُوسُفُۖ قَالَ أَنَا۠ يُوسُفُ وَهَٰذَآ أَخِيۖ قَدۡ مَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَآۖ إِنَّهُۥ مَن يَتَّقِ وَيَصۡبِرۡ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
[Isaan] nijedhan “Sila dhugamatti ati sumaatu Yuusufii?”, [Inni] nijedhe “Ani Yuusufi; inni kunis obboleessa kiyya, Dhugumatti Rabbiin tola nutti ooleera. Dhugumatti, namni (Rabbiin) sodaateefi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ تَٱللَّهِ لَقَدۡ ءَاثَرَكَ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا وَإِن كُنَّا لَخَٰطِـِٔينَ
[Isaan] nijedhan “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jira. Dhugumatti nuti dogoggortoota turre”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَا تَثۡرِيبَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡيَوۡمَۖ يَغۡفِرُ ٱللَّهُ لَكُمۡۖ وَهُوَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
(Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araarama. Inni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱذۡهَبُواْ بِقَمِيصِي هَٰذَا فَأَلۡقُوهُ عَلَىٰ وَجۡهِ أَبِي يَأۡتِ بَصِيرٗا وَأۡتُونِي بِأَهۡلِكُمۡ أَجۡمَعِينَ
Qamisii kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa. [Inni] argaa ta’ee dhufa, Maatiiwwan keessan hundaan natti kottaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا فَصَلَتِ ٱلۡعِيرُ قَالَ أَبُوهُمۡ إِنِّي لَأَجِدُ رِيحَ يُوسُفَۖ لَوۡلَآ أَن تُفَنِّدُونِ
Yeroma daldaltoonni (Misraan) gadi dhiiftee (gara galaa deemte), abbaan isaanii nijedhe “ani foolii yuusufin argaa, Odoo isin totorra’aatti na yaaduu dhabdanii ”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ تَٱللَّهِ إِنَّكَ لَفِي ضَلَٰلِكَ ٱلۡقَدِيمِ
[Isaan] “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, ati jallinuma kee kan durii keessa jirta” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّآ أَن جَآءَ ٱلۡبَشِيرُ أَلۡقَىٰهُ عَلَىٰ وَجۡهِهِۦ فَٱرۡتَدَّ بَصِيرٗاۖ قَالَ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ إِنِّيٓ أَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Gammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa darbe. Innis kan argu ta’e (ijji nibanamteef) “Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا ٱسۡتَغۡفِرۡ لَنَا ذُنُوبَنَآ إِنَّا كُنَّا خَٰطِـِٔينَ
[Isaan] “Yaa abbaa keenya! (Rabbiin) araarama nuuf kadhu badiilee keenyaaf. nuti dogoggortoota taanee jirraa” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ سَوۡفَ أَسۡتَغۡفِرُ لَكُمۡ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
(Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadha. Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيۡهِ أَبَوَيۡهِ وَقَالَ ٱدۡخُلُواْ مِصۡرَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ
Ergasii yeroo Yuusufiin bira seenan, haadhaafi abbaa isaa gara ofiitti qubsiise, nijedhe “Yoo Rabbiin fedhe nagayaan Misraan seenaa”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَرَفَعَ أَبَوَيۡهِ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ وَخَرُّواْ لَهُۥ سُجَّدٗاۖ وَقَالَ يَٰٓأَبَتِ هَٰذَا تَأۡوِيلُ رُءۡيَٰيَ مِن قَبۡلُ قَدۡ جَعَلَهَا رَبِّي حَقّٗاۖ وَقَدۡ أَحۡسَنَ بِيٓ إِذۡ أَخۡرَجَنِي مِنَ ٱلسِّجۡنِ وَجَآءَ بِكُم مِّنَ ٱلۡبَدۡوِ مِنۢ بَعۡدِ أَن نَّزَغَ ٱلشَّيۡطَٰنُ بَيۡنِي وَبَيۡنَ إِخۡوَتِيٓۚ إِنَّ رَبِّي لَطِيفٞ لِّمَا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ
Abbaafi haadha isaa siree irratti ol fuudhe, Isaan sujuuda isaaf bu’an, [Inni] ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! kun hiika manaama kiyyaa kan duraaniiti. Gooftaan kiyya dhugaa ishee taasiseera. Gooftaan kiyya tola natti oolee jira. yeroo mana hidhaa irraa na baasee, isin baadiyaa irraa isinfidhe, Erga shayxaanni anaafi obboleeyyan kiyya gidduutti diinummaa uumee booda, Dhugumatti, Gooftaan kiyya nama fedheef mararfataadha, Inni Isa qofatu beekaa, ogeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ رَبِّ قَدۡ ءَاتَيۡتَنِي مِنَ ٱلۡمُلۡكِ وَعَلَّمۡتَنِي مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِۚ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ أَنتَ وَلِيِّۦ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۖ تَوَفَّنِي مُسۡلِمٗا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirta, Hiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta, (Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyya. Muslima taasisii na ajjeesii, Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡغَيۡبِ نُوحِيهِ إِلَيۡكَۖ وَمَا كُنتَ لَدَيۡهِمۡ إِذۡ أَجۡمَعُوٓاْ أَمۡرَهُمۡ وَهُمۡ يَمۡكُرُونَ
Kun oduulee fagoo irraayyi, Gara keetti isa beeksifna, ati isaan bira hin turre Yeroo isaan kan (Yuusufitti) shira baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَكۡثَرُ ٱلنَّاسِ وَلَوۡ حَرَصۡتَ بِمُؤۡمِنِينَ
Irra hedduun namootaa (amanuu isaaniitiif) odoo bololtees kan amananii miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا تَسۡـَٔلُهُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Ati isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattu, Inni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee waan biraatii miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَأَيِّن مِّنۡ ءَايَةٖ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ يَمُرُّونَ عَلَيۡهَا وَهُمۡ عَنۡهَا مُعۡرِضُونَ
Samiileefi dachii keessa mallattoo kan isaan ishee irraa gara galan ta’anii ishee irra taran heddutu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يُؤۡمِنُ أَكۡثَرُهُم بِٱللَّهِ إِلَّا وَهُم مُّشۡرِكُونَ
Irra hedduun isaaniis qindeessitoota ta’anii malee Rabbitti hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَأَمِنُوٓاْ أَن تَأۡتِيَهُمۡ غَٰشِيَةٞ مِّنۡ عَذَابِ ٱللَّهِ أَوۡ تَأۡتِيَهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Sila tasa haala isaan hin beekneen Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ هَٰذِهِۦ سَبِيلِيٓ أَدۡعُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۚ عَلَىٰ بَصِيرَةٍ أَنَا۠ وَمَنِ ٱتَّبَعَنِيۖ وَسُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
“Kun karaa kiyya Aniifi namni na hordofes beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waama. Rabbiin qulqullaa’e Ani Mushrikoota irraayyii miti” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ إِلَّا رِجَالٗا نُّوحِيٓ إِلَيۡهِم مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡقُرَىٰٓۗ أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۗ وَلَدَارُ ٱلۡأٓخِرَةِ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Si duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniitti buufne malee hin ergine. Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caala. Sila hin xiinxaltanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا ٱسۡتَيۡـَٔسَ ٱلرُّسُلُ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُمۡ قَدۡ كُذِبُواْ جَآءَهُمۡ نَصۡرُنَا فَنُجِّيَ مَن نَّشَآءُۖ وَلَا يُرَدُّ بَأۡسُنَا عَنِ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Yeroma Ergamoonni abdii murataniifi dhugumatti kijibsiifamuu beekanitti tumsi keenya isaaniif dhufee namni feene baraarame. adabbiin keenyas ummata yakkamtoota irraa hin deebifamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَدۡ كَانَ فِي قَصَصِهِمۡ عِبۡرَةٞ لِّأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِۗ مَا كَانَ حَدِيثٗا يُفۡتَرَىٰ وَلَٰكِن تَصۡدِيقَ ٱلَّذِي بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَتَفۡصِيلَ كُلِّ شَيۡءٖ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira. Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeeffame hin taane. Garuu dhugoomsaa (kitaabban) isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif qajeelfamaafi rahmata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ዩሱፍ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት