የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሐጅ   አንቀጽ:

Alhajji

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمۡۚ إِنَّ زَلۡزَلَةَ ٱلسَّاعَةِ شَيۡءٌ عَظِيمٞ
Isin yaa ilmaan namaa Gooftaa keessan sodaadhaa, sochiin (lafaa) kan Qiyaamaa waan guddaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ تَرَوۡنَهَا تَذۡهَلُ كُلُّ مُرۡضِعَةٍ عَمَّآ أَرۡضَعَتۡ وَتَضَعُ كُلُّ ذَاتِ حَمۡلٍ حَمۡلَهَا وَتَرَى ٱلنَّاسَ سُكَٰرَىٰ وَمَا هُم بِسُكَٰرَىٰ وَلَٰكِنَّ عَذَابَ ٱللَّهِ شَدِيدٞ
Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti (Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbiti. Namoota (sodaa irraa) machaa’oo agarta, Isaan waa machaa'oo miti. Garuu azaaba Rabbiitu garmalee cimaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يُجَٰدِلُ فِي ٱللَّهِ بِغَيۡرِ عِلۡمٖ وَيَتَّبِعُ كُلَّ شَيۡطَٰنٖ مَّرِيدٖ
Namoota irraa nama waa'ee Rabbii keessatti beekumsa malee falmujjira. sheyxaana didaa ta’e hunda hordofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُتِبَ عَلَيۡهِ أَنَّهُۥ مَن تَوَلَّاهُ فَأَنَّهُۥ يُضِلُّهُۥ وَيَهۡدِيهِ إِلَىٰ عَذَابِ ٱلسَّعِيرِ
Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaa isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمۡ فِي رَيۡبٖ مِّنَ ٱلۡبَعۡثِ فَإِنَّا خَلَقۡنَٰكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٖ ثُمَّ مِنۡ عَلَقَةٖ ثُمَّ مِن مُّضۡغَةٖ مُّخَلَّقَةٖ وَغَيۡرِ مُخَلَّقَةٖ لِّنُبَيِّنَ لَكُمۡۚ وَنُقِرُّ فِي ٱلۡأَرۡحَامِ مَا نَشَآءُ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى ثُمَّ نُخۡرِجُكُمۡ طِفۡلٗا ثُمَّ لِتَبۡلُغُوٓاْ أَشُدَّكُمۡۖ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ وَمِنكُم مَّن يُرَدُّ إِلَىٰٓ أَرۡذَلِ ٱلۡعُمُرِ لِكَيۡلَا يَعۡلَمَ مِنۢ بَعۡدِ عِلۡمٖ شَيۡـٔٗاۚ وَتَرَى ٱلۡأَرۡضَ هَامِدَةٗ فَإِذَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡهَا ٱلۡمَآءَ ٱهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡ وَأَنۢبَتَتۡ مِن كُلِّ زَوۡجِۭ بَهِيجٖ
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, eegasii dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin (irraa isin uumne); (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga qaaxaroo maqaa dhawamaa taheetti gadaamessaalee keessa teessifna, ergasii daa’ima goonee isin baafna (dhalachiifna). Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraa nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira. isin irraa nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira Erga beekkomsaatii akka homaa hin beekneef, Dachii gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّهُۥ يُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَأَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi inni du'aa kaasa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٞ لَّا رَيۡبَ فِيهَا وَأَنَّ ٱللَّهَ يَبۡعَثُ مَن فِي ٱلۡقُبُورِ
Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Rabbiin kanneen qabriilee keessa jiran (hunda) ni kaasa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يُجَٰدِلُ فِي ٱللَّهِ بِغَيۡرِ عِلۡمٖ وَلَا هُدٗى وَلَا كِتَٰبٖ مُّنِيرٖ
Namoota irraa kan beekumsa malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira. (akkasuma) qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثَانِيَ عِطۡفِهِۦ لِيُضِلَّ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِۖ لَهُۥ فِي ٱلدُّنۡيَا خِزۡيٞۖ وَنُذِيقُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عَذَابَ ٱلۡحَرِيقِ
Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira). Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jira. Guyyaa Qiyaamaa azaaba gubaa ta’e isa dhandhamsiifna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتۡ يَدَاكَ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَيۡسَ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ
“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama). Dhugumatti, Allaahn gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَعۡبُدُ ٱللَّهَ عَلَىٰ حَرۡفٖۖ فَإِنۡ أَصَابَهُۥ خَيۡرٌ ٱطۡمَأَنَّ بِهِۦۖ وَإِنۡ أَصَابَتۡهُ فِتۡنَةٌ ٱنقَلَبَ عَلَىٰ وَجۡهِهِۦ خَسِرَ ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةَۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡخُسۡرَانُ ٱلۡمُبِينُ
Namoota irraa nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti raga’a.Yoo rakkoon isa tuqe ammoo, fuula isaa irratti garagala. Inni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jira. Sun isatu hoongoo ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَدۡعُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُۥ وَمَا لَا يَنفَعُهُۥۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلضَّلَٰلُ ٱلۡبَعِيدُ
Rabbiin ala waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhata, Sun isatu jallina fagoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَدۡعُواْ لَمَن ضَرُّهُۥٓ أَقۡرَبُ مِن نَّفۡعِهِۦۚ لَبِئۡسَ ٱلۡمَوۡلَىٰ وَلَبِئۡسَ ٱلۡعَشِيرُ
Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhata, Jaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱللَّهَ يُدۡخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يُرِيدُ
Rabbiin isaan amananii, gaggaarii dalagan Jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa, Dhugumatti Rabbiin waan fedhu hojjata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَن كَانَ يَظُنُّ أَن لَّن يَنصُرَهُ ٱللَّهُ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ فَلۡيَمۡدُدۡ بِسَبَبٍ إِلَى ٱلسَّمَآءِ ثُمَّ لۡيَقۡطَعۡ فَلۡيَنظُرۡ هَلۡ يُذۡهِبَنَّ كَيۡدُهُۥ مَا يَغِيظُ
Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isa (Muhammadiin-SAW) hin tumsu jechuu kan yaadu tahe, gara samii haada hidhatee of haa fannisuErgasii tooftaan isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖ وَأَنَّ ٱللَّهَ يَهۡدِي مَن يُرِيدُ
Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufne, Rabbiin nama fedhe qajeelcha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَٱلَّذِينَ هَادُواْ وَٱلصَّٰبِـِٔينَ وَٱلنَّصَٰرَىٰ وَٱلۡمَجُوسَ وَٱلَّذِينَ أَشۡرَكُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡصِلُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ
Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’an; Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa, Dhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha.{1}
{1} asitti Rabbiin garee hedduu dubbate, saabi'oota jechuun warra amantaa takkallee hinqabne kan amantaa malee jiraatuudha. majuusaan ammoo warra ibidda gabbaru, mushriktoonni warra taabotaafii umamtoota adda addaa gabbaruudha. Rabbiin guyyaa qiyaamaa isaan jiddutti murteessa, warra isatti amane (muimintoota) jannata naqa, kaafirtoota ibidda seensisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ يَسۡجُدُۤ لَهُۥۤ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ وَٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ وَٱلنُّجُومُ وَٱلۡجِبَالُ وَٱلشَّجَرُ وَٱلدَّوَآبُّ وَكَثِيرٞ مِّنَ ٱلنَّاسِۖ وَكَثِيرٌ حَقَّ عَلَيۡهِ ٱلۡعَذَابُۗ وَمَن يُهِنِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن مُّكۡرِمٍۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يَشَآءُ۩
Sila ati hingarree akka Rabbiif sujuudu wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, (akkasuma) aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi hedduun namarraa tahes (sujuuda Isaaf godhan hin arginee?) (Namoota) baay’ee azaabni isa irratti mirkanaa’ee jira, Nama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiru, Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata. {2}
{2} bakka tanas sujuuda qaraatii (tilaawaattu) jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ هَٰذَانِ خَصۡمَانِ ٱخۡتَصَمُواْ فِي رَبِّهِمۡۖ فَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ قُطِّعَتۡ لَهُمۡ ثِيَابٞ مِّن نَّارٖ يُصَبُّ مِن فَوۡقِ رُءُوسِهِمُ ٱلۡحَمِيمُ
Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidha, Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif murame. mataalee isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُصۡهَرُ بِهِۦ مَا فِي بُطُونِهِمۡ وَٱلۡجُلُودُ
Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَهُم مَّقَٰمِعُ مِنۡ حَدِيدٖ
Jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلَّمَآ أَرَادُوٓاْ أَن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَا مِنۡ غَمٍّ أُعِيدُواْ فِيهَا وَذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡحَرِيقِ
Dhawaata isaan ishee irraa ba’uu fedhaniin yaaddoodhaan ishee keessatti deebifaman, “Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱللَّهَ يُدۡخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ يُحَلَّوۡنَ فِيهَا مِنۡ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٖ وَلُؤۡلُؤٗاۖ وَلِبَاسُهُمۡ فِيهَا حَرِيرٞ
Rabbiin warreen amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisa, Ishee keessatti gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamu. Uffanni isaanii ishee keessatti hariira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُدُوٓاْ إِلَى ٱلطَّيِّبِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ وَهُدُوٓاْ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡحَمِيدِ
(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ ٱلَّذِي جَعَلۡنَٰهُ لِلنَّاسِ سَوَآءً ٱلۡعَٰكِفُ فِيهِ وَٱلۡبَادِۚ وَمَن يُرِدۡ فِيهِ بِإِلۡحَادِۭ بِظُلۡمٖ نُّذِقۡهُ مِنۡ عَذَابٍ أَلِيمٖ
Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota isa (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti sababa miidhaatiin jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ بَوَّأۡنَا لِإِبۡرَٰهِيمَ مَكَانَ ٱلۡبَيۡتِ أَن لَّا تُشۡرِكۡ بِي شَيۡـٔٗا وَطَهِّرۡ بَيۡتِيَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلۡقَآئِمِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُودِ
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَذِّن فِي ٱلنَّاسِ بِٱلۡحَجِّ يَأۡتُوكَ رِجَالٗا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٖ يَأۡتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٖ
(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيَشۡهَدُواْ مَنَٰفِعَ لَهُمۡ وَيَذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ فِيٓ أَيَّامٖ مَّعۡلُومَٰتٍ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلۡأَنۡعَٰمِۖ فَكُلُواْ مِنۡهَا وَأَطۡعِمُواْ ٱلۡبَآئِسَ ٱلۡفَقِيرَ
Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif,akka maqaa Rabbii dubbataniif guyyoota beekamoo ta'an keessatti beyladoota irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti (dubbataniif) (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa rakkataa nyaachisaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ لۡيَقۡضُواْ تَفَثَهُمۡ وَلۡيُوفُواْ نُذُورَهُمۡ وَلۡيَطَّوَّفُواْ بِٱلۡبَيۡتِ ٱلۡعَتِيقِ
Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanii. Mana turaan (Ka’abaan) haa naanna’anii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَۖ وَمَن يُعَظِّمۡ حُرُمَٰتِ ٱللَّهِ فَهُوَ خَيۡرٞ لَّهُۥ عِندَ رَبِّهِۦۗ وَأُحِلَّتۡ لَكُمُ ٱلۡأَنۡعَٰمُ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱجۡتَنِبُواْ ٱلرِّجۡسَ مِنَ ٱلۡأَوۡثَٰنِ وَٱجۡتَنِبُواْ قَوۡلَ ٱلزُّورِ
(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, sanatu isaaf caala Gooftaa isaa biratti, beyladoonni isiniif eeyyamamte Isaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee. Xurii taabotaa irraa fagaadhaa Jecha cubbuu irraas fagaadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حُنَفَآءَ لِلَّهِ غَيۡرَ مُشۡرِكِينَ بِهِۦۚ وَمَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَكَأَنَّمَا خَرَّ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَتَخۡطَفُهُ ٱلطَّيۡرُ أَوۡ تَهۡوِي بِهِ ٱلرِّيحُ فِي مَكَانٖ سَحِيقٖ
Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa). Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَۖ وَمَن يُعَظِّمۡ شَعَٰٓئِرَ ٱللَّهِ فَإِنَّهَا مِن تَقۡوَى ٱلۡقُلُوبِ
(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى ثُمَّ مَحِلُّهَآ إِلَى ٱلۡبَيۡتِ ٱلۡعَتِيقِ
Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. Sana booda iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِكُلِّ أُمَّةٖ جَعَلۡنَا مَنسَكٗا لِّيَذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلۡأَنۡعَٰمِۗ فَإِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞ فَلَهُۥٓ أَسۡلِمُواْۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُخۡبِتِينَ
Ummata hundaafuu bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraa, akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha, gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkicha, Isaaf harka kennaa, Warra Isaaf gad of qaban gammachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتۡ قُلُوبُهُمۡ وَٱلصَّٰبِرِينَ عَلَىٰ مَآ أَصَابَهُمۡ وَٱلۡمُقِيمِي ٱلصَّلَوٰةِ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ
Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneewwan isaanii sodaattu, waan isaan tuqe irratti obsitoota tahan, salaata dhaabdota tahan,kan waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡبُدۡنَ جَعَلۡنَٰهَا لَكُم مِّن شَعَٰٓئِرِ ٱللَّهِ لَكُمۡ فِيهَا خَيۡرٞۖ فَٱذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَيۡهَا صَوَآفَّۖ فَإِذَا وَجَبَتۡ جُنُوبُهَا فَكُلُواْ مِنۡهَا وَأَطۡعِمُواْ ٱلۡقَانِعَ وَٱلۡمُعۡتَرَّۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرۡنَٰهَا لَكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَن يَنَالَ ٱللَّهَ لُحُومُهَا وَلَا دِمَآؤُهَا وَلَٰكِن يَنَالُهُ ٱلتَّقۡوَىٰ مِنكُمۡۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرَهَا لَكُمۡ لِتُكَبِّرُواْ ٱللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَىٰكُمۡۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Foonoowwan isaaniitiifi dhiigowwani isaaniis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ إِنَّ ٱللَّهَ يُدَٰفِعُ عَنِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ خَوَّانٖ كَفُورٍ
Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa, nama akkaan gantuu, kafaraa ta'e hunda Rabbiin hin jaallatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمۡ ظُلِمُواْۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ نَصۡرِهِمۡ لَقَدِيرٌ
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ أُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِم بِغَيۡرِ حَقٍّ إِلَّآ أَن يَقُولُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُۗ وَلَوۡلَا دَفۡعُ ٱللَّهِ ٱلنَّاسَ بَعۡضَهُم بِبَعۡضٖ لَّهُدِّمَتۡ صَوَٰمِعُ وَبِيَعٞ وَصَلَوَٰتٞ وَمَسَٰجِدُ يُذۡكَرُ فِيهَا ٱسۡمُ ٱللَّهِ كَثِيرٗاۗ وَلَيَنصُرَنَّ ٱللَّهُ مَن يَنصُرُهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin irra jabaa, injifataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ إِن مَّكَّنَّٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَمَرُواْ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَنَهَوۡاْ عَنِ ٱلۡمُنكَرِۗ وَلِلَّهِ عَٰقِبَةُ ٱلۡأُمُورِ
Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuutti (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدۡ كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَعَادٞ وَثَمُودُ
Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud (nabiyyoota isaanii) sobsiisanii jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَوۡمُ إِبۡرَٰهِيمَ وَقَوۡمُ لُوطٖ
Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَصۡحَٰبُ مَدۡيَنَۖ وَكُذِّبَ مُوسَىٰۖ فَأَمۡلَيۡتُ لِلۡكَٰفِرِينَ ثُمَّ أَخَذۡتُهُمۡۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Jiraattonni Madyanis (akkasuma), Muusaanis sobsiifamee jira, Ani kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَأَيِّن مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَا وَهِيَ ظَالِمَةٞ فَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَبِئۡرٖ مُّعَطَّلَةٖ وَقَصۡرٖ مَّشِيدٍ
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَتَكُونَ لَهُمۡ قُلُوبٞ يَعۡقِلُونَ بِهَآ أَوۡ ءَاذَانٞ يَسۡمَعُونَ بِهَاۖ فَإِنَّهَا لَا تَعۡمَى ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَلَٰكِن تَعۡمَى ٱلۡقُلُوبُ ٱلَّتِي فِي ٱلصُّدُورِ
Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneewwan ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'a. ijji (gubbaa kuni) hinjaamtu. garuu onneewwan qomaalee keessa jirtuuru jaama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلۡعَذَابِ وَلَن يُخۡلِفَ ٱللَّهُ وَعۡدَهُۥۚ وَإِنَّ يَوۡمًا عِندَ رَبِّكَ كَأَلۡفِ سَنَةٖ مِّمَّا تَعُدُّونَ
Adabatti si jarjarfatu, Rabbiin waadaa Isaa hin diigu, Dhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti akka waggaa kumaati waan isin lakkooftan irraa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَأَيِّن مِّن قَرۡيَةٍ أَمۡلَيۡتُ لَهَا وَهِيَ ظَالِمَةٞ ثُمَّ أَخَذۡتُهَا وَإِلَيَّ ٱلۡمَصِيرُ
Magaalota irraa meeqaatama tan Ani yeroo isheef kennee, haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin ergasii (adabaan) ishee qabee, deebiin gara kiyya.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّمَآ أَنَا۠ لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَرِزۡقٞ كَرِيمٞ
Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi kennaa gaariitu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ سَعَوۡاْ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَحِيمِ
Isaan Nu dadhabsiisuu (yaadanii) aayatoota keenya balleessuuf hojjatan, isaan sun warra jahannami.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رَّسُولٖ وَلَا نَبِيٍّ إِلَّآ إِذَا تَمَنَّىٰٓ أَلۡقَى ٱلشَّيۡطَٰنُ فِيٓ أُمۡنِيَّتِهِۦ فَيَنسَخُ ٱللَّهُ مَا يُلۡقِي ٱلشَّيۡطَٰنُ ثُمَّ يُحۡكِمُ ٱللَّهُ ءَايَٰتِهِۦۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ
Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taane, Rabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessa, Sana booda aayatoota isaa ni raggaasisa, Rabbiin beekaa, ogeessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيَجۡعَلَ مَا يُلۡقِي ٱلشَّيۡطَٰنُ فِتۡنَةٗ لِّلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ وَٱلۡقَاسِيَةِ قُلُوبُهُمۡۗ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَفِي شِقَاقِۭ بَعِيدٖ
Waan sheyxaanni darbu san isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneewwan isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise). Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِيَعۡلَمَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ أَنَّهُ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَيُؤۡمِنُواْ بِهِۦ فَتُخۡبِتَ لَهُۥ قُلُوبُهُمۡۗ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهَادِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneeWWAn isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise). Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَزَالُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي مِرۡيَةٖ مِّنۡهُ حَتَّىٰ تَأۡتِيَهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغۡتَةً أَوۡ يَأۡتِيَهُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَقِيمٍ
Isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman. Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡمُلۡكُ يَوۡمَئِذٖ لِّلَّهِ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡۚ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Mootummaan guyyaa san kan Allaahti, Gidduu isaaniitti ni murteessa, Isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هَاجَرُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ قُتِلُوٓاْ أَوۡ مَاتُواْ لَيَرۡزُقَنَّهُمُ ٱللَّهُ رِزۡقًا حَسَنٗاۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jira, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَيُدۡخِلَنَّهُم مُّدۡخَلٗا يَرۡضَوۡنَهُۥۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَعَلِيمٌ حَلِيمٞ
Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisa, Dhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ ذَٰلِكَۖ وَمَنۡ عَاقَبَ بِمِثۡلِ مَا عُوقِبَ بِهِۦ ثُمَّ بُغِيَ عَلَيۡهِ لَيَنصُرَنَّهُ ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٞ
(Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ يُولِجُ ٱلَّيۡلَ فِي ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِي ٱلَّيۡلِ وَأَنَّ ٱللَّهَ سَمِيعُۢ بَصِيرٞ
Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisuufi, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلۡبَٰطِلُ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ
Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَتُصۡبِحُ ٱلۡأَرۡضُ مُخۡضَرَّةًۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٞ
Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ ٱلۡغَنِيُّ ٱلۡحَمِيدُ
Wantoonni samiilee keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ سَخَّرَ لَكُم مَّا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَٱلۡفُلۡكَ تَجۡرِي فِي ٱلۡبَحۡرِ بِأَمۡرِهِۦ وَيُمۡسِكُ ٱلسَّمَآءَ أَن تَقَعَ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ بِٱلنَّاسِ لَرَءُوفٞ رَّحِيمٞ
Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiran isiniif mijeesse hin arginee, dooniwwan galaana keessa ajaja Isaatiin daakanillee Eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee akka samiin dachii irratti hin kufne qaba, Rabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَحۡيَاكُمۡ ثُمَّ يُمِيتُكُمۡ ثُمَّ يُحۡيِيكُمۡۗ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَكَفُورٞ
Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudha, ilmi namaa akkaan (Rabbitti) kafaraadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّكُلِّ أُمَّةٖ جَعَلۡنَا مَنسَكًا هُمۡ نَاسِكُوهُۖ فَلَا يُنَٰزِعُنَّكَ فِي ٱلۡأَمۡرِۚ وَٱدۡعُ إِلَىٰ رَبِّكَۖ إِنَّكَ لَعَلَىٰ هُدٗى مُّسۡتَقِيمٖ
Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirra. Kanaafuu (mushrikoonni) dhimma kana irratti akka siin hin falmine. Gara Gooftaa keetiitti waami. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن جَٰدَلُوكَ فَقُلِ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Yoo siin falman “Rabbiin akkaan beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ يَحۡكُمُ بَيۡنَكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ
Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّ ذَٰلِكَ فِي كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ
Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَمۡ يُنَزِّلۡ بِهِۦ سُلۡطَٰنٗا وَمَا لَيۡسَ لَهُم بِهِۦ عِلۡمٞۗ وَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِن نَّصِيرٖ
Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaan isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaru. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ تَعۡرِفُ فِي وُجُوهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ ٱلۡمُنكَرَۖ يَكَادُونَ يَسۡطُونَ بِٱلَّذِينَ يَتۡلُونَ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتِنَاۗ قُلۡ أَفَأُنَبِّئُكُم بِشَرّٖ مِّن ذَٰلِكُمُۚ ٱلنَّارُ وَعَدَهَا ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ
Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifaman, fuula warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubatta. Warra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu, (Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isaan kafaraniif waadaa galeedha, Deebichi waa fokkate!” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ضُرِبَ مَثَلٞ فَٱسۡتَمِعُواْ لَهُۥٓۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَن يَخۡلُقُواْ ذُبَابٗا وَلَوِ ٱجۡتَمَعُواْ لَهُۥۖ وَإِن يَسۡلُبۡهُمُ ٱلذُّبَابُ شَيۡـٔٗا لَّا يَسۡتَنقِذُوهُ مِنۡهُۚ ضَعُفَ ٱلطَّالِبُ وَٱلۡمَطۡلُوبُ
Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaa, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanu, Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa bute, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu, Gabbaraafi gabbaramaan dadhabeera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا قَدَرُواْ ٱللَّهَ حَقَّ قَدۡرِهِۦٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ
Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifne, Rabbiin jabaa, injifataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱللَّهُ يَصۡطَفِي مِنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ رُسُلٗا وَمِنَ ٱلنَّاسِۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَمِيعُۢ بَصِيرٞ
Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata), Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡۚ وَإِلَى ٱللَّهِ تُرۡجَعُ ٱلۡأُمُورُ
Inni wantoota fuuldura isaaniitiifii wantoota duuba isaaniitis hunda ni beeka, Wantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱرۡكَعُواْ وَٱسۡجُدُواْۤ وَٱعۡبُدُواْ رَبَّكُمۡ وَٱفۡعَلُواْ ٱلۡخَيۡرَ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ۩
Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa; Gooftaa keessan gabbaraa; akka milkooftaniif toltuus hojjadhaa. {1}
{1} bakka tanas sujuuda qaraatiittu jira. kanaan wajji suuraan tuni sujuuda lama qabdi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَٰهِدُواْ فِي ٱللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِۦۚ هُوَ ٱجۡتَبَىٰكُمۡ وَمَا جَعَلَ عَلَيۡكُمۡ فِي ٱلدِّينِ مِنۡ حَرَجٖۚ مِّلَّةَ أَبِيكُمۡ إِبۡرَٰهِيمَۚ هُوَ سَمَّىٰكُمُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ مِن قَبۡلُ وَفِي هَٰذَا لِيَكُونَ ٱلرَّسُولُ شَهِيدًا عَلَيۡكُمۡ وَتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى ٱلنَّاسِۚ فَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَٱعۡتَصِمُواْ بِٱللَّهِ هُوَ مَوۡلَىٰكُمۡۖ فَنِعۡمَ ٱلۡمَوۡلَىٰ وَنِعۡمَ ٱلنَّصِيرُ
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone, Karaa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa), Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaase, Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa tahuufii isinis namoota irratti ragaa taataniif, (Kanaaf) salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaa. Inni jaalalloo keessani. Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሐጅ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት