የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል-ሙዕሚኑን   አንቀጽ:

Almu’uminuun

قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنِ ٱللَّغۡوِ مُعۡرِضُونَ
Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِلزَّكَوٰةِ فَٰعِلُونَ
Isaan warra zakaas raawwataniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ
Jaartiiwwan isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti malee, isaan (kanarratti) komatamoo miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ
Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha. {1}
{1} kuni karaa jaartii ufiitiifii gabrittii ufii malee karaa biroo kamiiyyu fedhee bahuuf itti fayyadamuun haraam dhoowwaa tahuu ibsa. kanneen akka harkaan fedhii ufirraa baasuu fii beyladaan wajji qunnamtii godhuu fii wanni kana fakkaatu hundinuu haraam kana jala seena. dhoowwaadha badii guddoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَوَٰتِهِمۡ يُحَافِظُونَ
Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡفِرۡدَوۡسَ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan warra Firdawsiin dhaalanu. isaan ishee keessatti hafoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٖ مِّن طِينٖ
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةٗ فِي قَرَارٖ مَّكِينٖ
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمٗا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمٗا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone, Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ
Eegasii Isin sana booda du’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تُبۡعَثُونَ
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعَ طَرَآئِقَ وَمَا كُنَّا عَنِ ٱلۡخَلۡقِ غَٰفِلِينَ
dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirra, Nuti uumamtoota irraa kan dagannu hin taane
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَسۡكَنَّٰهُ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَإِنَّا عَلَىٰ ذَهَابِۭ بِهِۦ لَقَٰدِرُونَ
Samii irraa bishaan (rooba) hanga (barbaachisaa ta’een) buufnee. ergasii dachii keessa isa kuufne. Dhugumatti, Nuti isa deemsisuu irratti danda’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَنشَأۡنَا لَكُم بِهِۦ جَنَّٰتٖ مِّن نَّخِيلٖ وَأَعۡنَٰبٖ لَّكُمۡ فِيهَا فَوَٰكِهُ كَثِيرَةٞ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isaan iddoowwan ashaakiltii isiniif magarsine, kan mukkeen timiraafi inabaa kan ishee keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isin ishee irraa nyaattan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَشَجَرَةٗ تَخۡرُجُ مِن طُورِ سَيۡنَآءَ تَنۢبُتُ بِٱلدُّهۡنِ وَصِبۡغٖ لِّلۡأٓكِلِينَ
Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa (dibatamu) biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ لَكُمۡ فِي ٱلۡأَنۡعَٰمِ لَعِبۡرَةٗۖ نُّسۡقِيكُم مِّمَّا فِي بُطُونِهَا وَلَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ كَثِيرَةٞ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jira, Waan garaalee isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafna, Ammas isiniif ishee keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jira. Ishee irraas ni nyaattu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَعَلَيۡهَا وَعَلَى ٱلۡفُلۡكِ تُحۡمَلُونَ
Isheefi dooniiwwan irrattis baadhatamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Sila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَالَ ٱلۡمَلَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يُرِيدُ أَن يَتَفَضَّلَ عَلَيۡكُمۡ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةٗ مَّا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِيٓ ءَابَآئِنَا ٱلۡأَوَّلِينَ
Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taane, Isin irra of caalchisuu fedha, Rabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa ture. kana abbootii keenya durii keessatti hin dhageenye.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلُۢ بِهِۦ جِنَّةٞ فَتَرَبَّصُواْ بِهِۦ حَتَّىٰ حِينٖ
Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa miti, (Kanaafuu) hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ
(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ أَنِ ٱصۡنَعِ ٱلۡفُلۡكَ بِأَعۡيُنِنَا وَوَحۡيِنَا فَإِذَا جَآءَ أَمۡرُنَا وَفَارَ ٱلتَّنُّورُ فَٱسۡلُكۡ فِيهَا مِن كُلّٖ زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِ وَأَهۡلَكَ إِلَّا مَن سَبَقَ عَلَيۡهِ ٱلۡقَوۡلُ مِنۡهُمۡۖ وَلَا تُخَٰطِبۡنِي فِي ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ إِنَّهُم مُّغۡرَقُونَ
Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhu, Yeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisi, Maatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre malee, Waa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin dubbisin. Dhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِذَا ٱسۡتَوَيۡتَ أَنتَ وَمَن مَّعَكَ عَلَى ٱلۡفُلۡكِ فَقُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي نَجَّىٰنَا مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقُل رَّبِّ أَنزِلۡنِي مُنزَلٗا مُّبَارَكٗا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Ati irra caalaa qubsiiftotaati.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ وَإِن كُنَّا لَمُبۡتَلِينَ
Kana (adaba ummata Nuuh) keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قَرۡنًا ءَاخَرِينَ
Sana booda, isaan duubaan dhaloota biroo uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَرۡسَلۡنَا فِيهِمۡ رَسُولٗا مِّنۡهُمۡ أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiru, Sila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jechuudhaan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَتۡرَفۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يَأۡكُلُ مِمَّا تَأۡكُلُونَ مِنۡهُ وَيَشۡرَبُ مِمَّا تَشۡرَبُونَ
Qondaalonni mmata isaa kanneen kafaran nijedhan. kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan duroomsine irraa tahan (nijedhan) : “Kun namuma fakkaataa keessaniiti malee waan biraatii miti. Waan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِنۡ أَطَعۡتُم بَشَرٗا مِّثۡلَكُمۡ إِنَّكُمۡ إِذٗا لَّخَٰسِرُونَ
Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَيَعِدُكُمۡ أَنَّكُمۡ إِذَا مِتُّمۡ وَكُنتُمۡ تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَنَّكُم مُّخۡرَجُونَ
Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ هَيۡهَاتَ هَيۡهَاتَ لِمَا تُوعَدُونَ
Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا نَحۡنُ بِمَبۡعُوثِينَ
Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii miti, Nuti ni duuna; ni jiraannas, Nuti kaafamoo miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلٌ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا وَمَا نَحۡنُ لَهُۥ بِمُؤۡمِنِينَ
Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa miti, Nuti isaaf amanoowwan hin taane.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ
[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif na tumsi” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ عَمَّا قَلِيلٖ لَّيُصۡبِحُنَّ نَٰدِمِينَ
(Rabbiinis) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ بِٱلۡحَقِّ فَجَعَلۡنَٰهُمۡ غُثَآءٗۚ فَبُعۡدٗا لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Iyyiti cimtuun dhugaadhaan isaan qabatte, hoomacha isaan goone, Ummatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قُرُونًا ءَاخَرِينَ
Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ
Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا رُسُلَنَا تَتۡرَاۖ كُلَّ مَا جَآءَ أُمَّةٗ رَّسُولُهَا كَذَّبُوهُۖ فَأَتۡبَعۡنَا بَعۡضَهُم بَعۡضٗا وَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَحَادِيثَۚ فَبُعۡدٗا لِّقَوۡمٖ لَّا يُؤۡمِنُونَ
Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergine, Dhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisu, (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifne, Oduu odeeffamu isaan taasifne, Namoota hin amanneef fageenyi haa ta’u!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ وَأَخَاهُ هَٰرُونَ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمًا عَالِينَ
Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine). ni boonan orma uftuultota tahan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لِبَشَرَيۡنِ مِثۡلِنَا وَقَوۡمُهُمَا لَنَا عَٰبِدُونَ
Ni jedhan: “Sila namoota lamaaf amannaa? kan nu fakkaataniifi kan ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an"
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَذَّبُوهُمَا فَكَانُواْ مِنَ ٱلۡمُهۡلَكِينَ
Isaan lamaan ni sobsiisan, Warra balleeffaman irraas ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ لَعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ
Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلۡنَا ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥٓ ءَايَةٗ وَءَاوَيۡنَٰهُمَآ إِلَىٰ رَبۡوَةٖ ذَاتِ قَرَارٖ وَمَعِينٖ
Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifne, Isaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu qabuu isaan qubsiifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلرُّسُلُ كُلُواْ مِنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ عَلِيمٞ
Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa, Dalagaalee gaggaariis hojjadhaa, Ani waan isin hojjattan beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَأَنَا۠ رَبُّكُمۡ فَٱتَّقُونِ
Isheen tun (Rabbii tokkicha gabbaruun) tuuta teessani tuuta takka (karaa tokko taatee amantii keessani), Anis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ زُبُرٗاۖ كُلُّ حِزۡبِۭ بِمَا لَدَيۡهِمۡ فَرِحُونَ
Amantii isaanii gidduu isaanitti addaan cicciratani qoodamaa godhan, Gareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَرۡهُمۡ فِي غَمۡرَتِهِمۡ حَتَّىٰ حِينٍ
Hanga yeroo murtaa'eetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَيَحۡسَبُونَ أَنَّمَا نُمِدُّهُم بِهِۦ مِن مَّالٖ وَبَنِينَ
Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii)se’uu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نُسَارِعُ لَهُمۡ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ بَل لَّا يَشۡعُرُونَ
Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (se'uu?) Lakkii; (Nuti kanaaf hin goone) Garuu isaan hin hubatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ خَشۡيَةِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ
Isaa warri sodaa Gooftaa isaanii irraa nahoo tahan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُم بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ يُؤۡمِنُونَ
Isaan Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniitti amanan,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ هُم بِرَبِّهِمۡ لَا يُشۡرِكُونَ
Isaan Warri Gooftaa isaaniitti homaa hin qindeessine,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ يُؤۡتُونَ مَآ ءَاتَواْ وَّقُلُوبُهُمۡ وَجِلَةٌ أَنَّهُمۡ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ رَٰجِعُونَ
Warri waan kennan onneewwann isaanii sodaan guutamtee, gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَهُمۡ لَهَا سَٰبِقُونَ
Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan ariifatoodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا نُكَلِّفُ نَفۡسًا إِلَّا وُسۡعَهَاۚ وَلَدَيۡنَا كِتَٰبٞ يَنطِقُ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee ishee hin dirqisiifnu, Nu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jira. Isaan hin miidhamanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ قُلُوبُهُمۡ فِي غَمۡرَةٖ مِّنۡ هَٰذَا وَلَهُمۡ أَعۡمَٰلٞ مِّن دُونِ ذَٰلِكَ هُمۡ لَهَا عَٰمِلُونَ
Dhugumatti onneewwan isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirti. Isaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan ishee hojjatantu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَآ أَخَذۡنَا مُتۡرَفِيهِم بِٱلۡعَذَابِ إِذَا هُمۡ يَجۡـَٔرُونَ
Hanga Nuti isaan irraa warra qanani'oo (jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan) adabaan qabnetti, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) (sagalee ol fuudhanii) iyyu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا تَجۡـَٔرُواْ ٱلۡيَوۡمَۖ إِنَّكُم مِّنَّا لَا تُنصَرُونَ
Har’a hin iyyinaa, isin Nu irraa tumsa hin argattanu (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَدۡ كَانَتۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَكُنتُمۡ عَلَىٰٓ أَعۡقَٰبِكُمۡ تَنكِصُونَ
Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duuba keessanitti irraa deebi’aa turtan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُسۡتَكۡبِرِينَ بِهِۦ سَٰمِرٗا تَهۡجُرُونَ
Isaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis ka'abaa biratti (Qur'aana) arrabsaa irraa garagaltan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَمۡ يَدَّبَّرُواْ ٱلۡقَوۡلَ أَمۡ جَآءَهُم مَّا لَمۡ يَأۡتِ ءَابَآءَهُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَمۡ يَعۡرِفُواْ رَسُولَهُمۡ فَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ
Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَقُولُونَ بِهِۦ جِنَّةُۢۚ بَلۡ جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ وَأَكۡثَرُهُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ
“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; inni dhugaan isaanitti dhufe, irra baay’een isaanii dhugaa jibboodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوِ ٱتَّبَعَ ٱلۡحَقُّ أَهۡوَآءَهُمۡ لَفَسَدَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهِنَّۚ بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِذِكۡرِهِمۡ فَهُمۡ عَن ذِكۡرِهِم مُّعۡرِضُونَ
Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiran ni badu turan. Inumaayyuu; nuti kabajaa isaaniitiin isaanitti dhufne (Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti), isaan kabajaa isaanii irraa garagaloodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ خَرۡجٗا فَخَرَاجُ رَبِّكَ خَيۡرٞۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Moo kafaltii isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caala. Inni irra caalaa warra kennaniiti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّكَ لَتَدۡعُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ عَنِ ٱلصِّرَٰطِ لَنَٰكِبُونَ
Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa jallatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَلَوۡ رَحِمۡنَٰهُمۡ وَكَشَفۡنَا مَا بِهِم مِّن ضُرّٖ لَّلَجُّواْ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Odoo rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ فَمَا ٱسۡتَكَانُواْ لِرَبِّهِمۡ وَمَا يَتَضَرَّعُونَ
Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirra, Isaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابٗا ذَا عَذَابٖ شَدِيدٍ إِذَا هُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ
hanga balbala azaabaa cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan isa keessatti abdii muratoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Innis Isa dhageettii, argituuwwanifi onneewwan isiniif uumeedha. Wanti isin galateeffattan xiqqoo qofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ
Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha. Gara Isaatti walitti qabamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ وَلَهُ ٱخۡتِلَٰفُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuudha, Jijjiiramni halkaniifi guyyaas kan Isaati, Sila hin hubattanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ قَالُواْ مِثۡلَ مَا قَالَ ٱلۡأَوَّلُونَ
Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ
Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, nuti (deebinee) kaafamnaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَدۡ وُعِدۡنَا نَحۡنُ وَءَابَآؤُنَا هَٰذَا مِن قَبۡلُ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirra, Kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُل لِّمَنِ ٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهَآ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Jedhi: “dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti? Yoo kan beektan taatan”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلسَّبۡعِ وَرَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡعَظِيمِ
“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ مَنۢ بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيۡءٖ وَهُوَ يُجِيرُ وَلَا يُجَارُ عَلَيۡهِ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru eenyu jedhiin? innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ فَأَنَّىٰ تُسۡحَرُونَ
“Kan Allaahti” jedhu “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirra, isaanis sobdoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدٖ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ إِذٗا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهِۭ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
Rabbiin ilma hin godhanne, Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru, (Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deema. Gariin isaanii garii irratti ol ta’u turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e), Waan isaan itti dabalan irraa ol ta’e!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُل رَّبِّ إِمَّا تُرِيَنِّي مَا يُوعَدُونَ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame natti agarsiifte,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبِّ فَلَا تَجۡعَلۡنِي فِي ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّا عَلَىٰٓ أَن نُّرِيَكَ مَا نَعِدُهُمۡ لَقَٰدِرُونَ
Dhugumatti, Nutis waan isaaniif waadaa galle si argisiisuu irratti danda’oodha
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱدۡفَعۡ بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ ٱلسَّيِّئَةَۚ نَحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَصِفُونَ
Hamtuu ishee irra gaariidhaan deebisi, Nuti waan isaan jedhan beekoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقُل رَّبِّ أَعُوذُ بِكَ مِنۡ هَمَزَٰتِ ٱلشَّيَٰطِينِ
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasaalee sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَعُوذُ بِكَ رَبِّ أَن يَحۡضُرُونِ
Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ رَبِّ ٱرۡجِعُونِ
hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisaai
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَعَلِّيٓ أَعۡمَلُ صَٰلِحٗا فِيمَا تَرَكۡتُۚ كَلَّآۚ إِنَّهَا كَلِمَةٌ هُوَ قَآئِلُهَاۖ وَمِن وَرَآئِهِم بَرۡزَخٌ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen jecha inni ishee jedhu (qofa), isaan duuba hagoogiitu jira Hanga guyyaa kaafamaatti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَلَآ أَنسَابَ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَئِذٖ وَلَا يَتَسَآءَلُونَ
Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فِي جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ
Namni madaalliiwwan (hojii gaarii) isaa salphatte, isaan sun warra lubbuulee isaanii hoongessan. Jahannam keessa turu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَلۡفَحُ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ وَهُمۡ فِيهَا كَٰلِحُونَ
Ibiddi fuula isaanii ni gubdi, Isaanis achi keessatti soqolamoodha (fuulaa fokkatoota). {1}
{1} soqolamoo jechuun nama hidhiin jalaa irraa gadidachaatee gadi harkifamtee ilkeen dirretti baatee fakkate jechuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَكُنۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَكُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ
Sila keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isin ishee sobsiisaa hin turree?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ رَبَّنَا غَلَبَتۡ عَلَيۡنَا شِقۡوَتُنَا وَكُنَّا قَوۡمٗا ضَآلِّينَ
Isaan ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nurra injifate; nu ummata jallatoo taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبَّنَآ أَخۡرِجۡنَا مِنۡهَا فَإِنۡ عُدۡنَا فَإِنَّا ظَٰلِمُونَ
Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasi, Ergasii yoo itti deebine,nutu miidhaa hojjattoota.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ٱخۡسَـُٔواْ فِيهَا وَلَا تُكَلِّمُونِ
(Rabbiinis) "Salphadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaa, nan dubbisinaa" jedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُۥ كَانَ فَرِيقٞ مِّنۡ عِبَادِي يَقُولُونَ رَبَّنَآ ءَامَنَّا فَٱغۡفِرۡ لَنَا وَٱرۡحَمۡنَا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلرَّٰحِمِينَ
Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirra, nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhi, Ati irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّخَذۡتُمُوهُمۡ سِخۡرِيًّا حَتَّىٰٓ أَنسَوۡكُمۡ ذِكۡرِي وَكُنتُم مِّنۡهُمۡ تَضۡحَكُونَ
Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtan, Isaanittis kolfaa turtan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي جَزَيۡتُهُمُ ٱلۡيَوۡمَ بِمَا صَبَرُوٓاْ أَنَّهُمۡ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Dhugumatti, Ani har’a waan isaan obsaniif isaan milkaa’oo ta’uudhaan isaaniif galata galche.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَٰلَ كَمۡ لَبِثۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ عَدَدَ سِنِينَ
(Rabbiin) ni jedhe: “Sila dachii keessa lakkoofsa waggaa hangamii jiraattan?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَبِثۡنَا يَوۡمًا أَوۡ بَعۡضَ يَوۡمٖ فَسۡـَٔلِ ٱلۡعَآدِّينَ
[Isaan] ni jedhan: “Nuti guyyaa tokko yookiin garii guyyaa jiraanne, Warra lakkaa’an gaafadhu.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَٰلَ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا قَلِيلٗاۖ لَّوۡ أَنَّكُمۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
(Rabbiin) ni jedha: “isin (yeroo) xiqqoo malee hin jiraanne Odoo kan beektan taatanii .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَحَسِبۡتُمۡ أَنَّمَا خَلَقۡنَٰكُمۡ عَبَثٗا وَأَنَّكُمۡ إِلَيۡنَا لَا تُرۡجَعُونَ
Sila Nuti taphaaf isin uumne seetuu? Ammas isin gara keenyatti hindeebifamtanuu seetuu”?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡحَقُّۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ رَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡكَرِيمِ
Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’e, Isa malee Gooftaan biraa hin jiru, Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن يَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ لَا بُرۡهَٰنَ لَهُۥ بِهِۦ فَإِنَّمَا حِسَابُهُۥ عِندَ رَبِّهِۦٓۚ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡكَٰفِرُونَ
Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jira, warri kaafaran hin milkaa’anu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقُل رَّبِّ ٱغۡفِرۡ وَٱرۡحَمۡ وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلرَّٰحِمِينَ
“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhi, Ati irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል-ሙዕሚኑን
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት