Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አልን ኑር   አንቀጽ:
إِنَّمَا ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَإِذَا كَانُواْ مَعَهُۥ عَلَىٰٓ أَمۡرٖ جَامِعٖ لَّمۡ يَذۡهَبُواْ حَتَّىٰ يَسۡتَـٔۡذِنُوهُۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَـٔۡذِنُونَكَ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦۚ فَإِذَا ٱسۡتَـٔۡذَنُوكَ لِبَعۡضِ شَأۡنِهِمۡ فَأۡذَن لِّمَن شِئۡتَ مِنۡهُمۡ وَٱسۡتَغۡفِرۡ لَهُمُ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, yeroo isaa wajjin dhimma walitti qabaa ta’e irratti ta’an, hanga isa hayyamsiifatanitti achii hin deemneedha. isaan si hayyamsiifatan, isaan sun warra Rabbiifi ergamaa Isaatti amananiidha. Kanaafuu yeroo garii dhimma isaanitiif si hayyamsiifatan, isaan irraa nama feetef hayyami; Rabbi irraas araarama isaaniif kadhu, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّا تَجۡعَلُواْ دُعَآءَ ٱلرَّسُولِ بَيۡنَكُمۡ كَدُعَآءِ بَعۡضِكُم بَعۡضٗاۚ قَدۡ يَعۡلَمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ يَتَسَلَّلُونَ مِنكُمۡ لِوَاذٗاۚ فَلۡيَحۡذَرِ ٱلَّذِينَ يُخَالِفُونَ عَنۡ أَمۡرِهِۦٓ أَن تُصِيبَهُمۡ فِتۡنَةٌ أَوۡ يُصِيبَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Waamicha ergamaa (Rabbii) gidduu keessanitti akka waamicha gariin keessan garii waamu hin taasisinaa. Dhugumatti, Rabbiin isaan isin irraa dhokatanii luqqa’an (ba’an) ni beeka, Kanaafuu isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa haa eeganu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ قَدۡ يَعۡلَمُ مَآ أَنتُمۡ عَلَيۡهِ وَيَوۡمَ يُرۡجَعُونَ إِلَيۡهِ فَيُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُواْۗ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمُۢ
Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiileefi dachii keessa jiran kan Rabbiiti, Dhugumatti, Inni waan isin irra jirtan ni beeka. Guyyaa gara Isaa deebi’an waan isaan dalagan itti odeessa. Rabbiin waan hunda beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አልን ኑር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት