የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ፉርቃን   አንቀጽ:

Alfurqaan

تَبَارَكَ ٱلَّذِي نَزَّلَ ٱلۡفُرۡقَانَ عَلَىٰ عَبۡدِهِۦ لِيَكُونَ لِلۡعَٰلَمِينَ نَذِيرًا
Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَمۡ يَتَّخِذۡ وَلَدٗا وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٞ فِي ٱلۡمُلۡكِ وَخَلَقَ كُلَّ شَيۡءٖ فَقَدَّرَهُۥ تَقۡدِيرٗا
[Inni] Isa mootummaan samiileefi dachii Isaaf ta’e; ilma kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessatti waahelli Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee (akka isaaniin maluun) likkeessuu likkeesse.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗ لَّا يَخۡلُقُونَ شَيۡـٔٗا وَهُمۡ يُخۡلَقُونَ وَلَا يَمۡلِكُونَ لِأَنفُسِهِمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا وَلَا يَمۡلِكُونَ مَوۡتٗا وَلَا حَيَوٰةٗ وَلَا نُشُورٗا
Isaa (Rabbii) gaditti gooftolee godhatan kan homaa hin uumne, kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٌ ٱفۡتَرَىٰهُ وَأَعَانَهُۥ عَلَيۡهِ قَوۡمٌ ءَاخَرُونَۖ فَقَدۡ جَآءُو ظُلۡمٗا وَزُورٗا
Warri kafaran nijedhan “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti”. Dhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُوٓاْ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٱكۡتَتَبَهَا فَهِيَ تُمۡلَىٰ عَلَيۡهِ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلٗا
“(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheen ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ أَنزَلَهُ ٱلَّذِي يَعۡلَمُ ٱلسِّرَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّهُۥ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
”Isa samiileefi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhi. Dhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ مَالِ هَٰذَا ٱلرَّسُولِ يَأۡكُلُ ٱلطَّعَامَ وَيَمۡشِي فِي ٱلۡأَسۡوَاقِ لَوۡلَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مَلَكٞ فَيَكُونَ مَعَهُۥ نَذِيرًا
Nijedhan “ergamaa kana maaltu isaaf tahe kan nyaata nyaatu kan magaalota keessa adeemu? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamee isaa wajjin dinniinaa hin taane”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ يُلۡقَىٰٓ إِلَيۡهِ كَنزٌ أَوۡ تَكُونُ لَهُۥ جَنَّةٞ يَأۡكُلُ مِنۡهَاۚ وَقَالَ ٱلظَّٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلٗا مَّسۡحُورًا
”Yookiin immoo maaliif dilbiin (qabeenyi guddaan wahii) gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu). Miidhaa hojjatoonni “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱنظُرۡ كَيۡفَ ضَرَبُواْ لَكَ ٱلۡأَمۡثَٰلَ فَضَلُّواْ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ سَبِيلٗا
Laali Akka isaan fakkeenyota siif godhan. jallatan, karaa sirrii [qabachuu] hin dandayan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَبَارَكَ ٱلَّذِيٓ إِن شَآءَ جَعَلَ لَكَ خَيۡرٗا مِّن ذَٰلِكَ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ وَيَجۡعَل لَّكَ قُصُورَۢا
Toltuun isaa baay’ate Isa (Rabbii) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannatoota jala ishee laggeen yaatu siif godhee, gamoowwanis siif godhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ كَذَّبُواْ بِٱلسَّاعَةِۖ وَأَعۡتَدۡنَا لِمَن كَذَّبَ بِٱلسَّاعَةِ سَعِيرًا
Dhugumatti isaan Qiyaamaa sobsiisan. Nama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذَا رَأَتۡهُم مِّن مَّكَانِۭ بَعِيدٖ سَمِعُواْ لَهَا تَغَيُّظٗا وَزَفِيرٗا
Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaka (iyya akka harree) isheef dhagahu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَآ أُلۡقُواْ مِنۡهَا مَكَانٗا ضَيِّقٗا مُّقَرَّنِينَ دَعَوۡاْ هُنَالِكَ ثُبُورٗا
Yeroo ishee irraa iddoo dhiphootti darbaman sakaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) achitti badii waammatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّا تَدۡعُواْ ٱلۡيَوۡمَ ثُبُورٗا وَٰحِدٗا وَٱدۡعُواْ ثُبُورٗا كَثِيرٗا
“Har’a badii tokko qofa hin waaminaa badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ أَذَٰلِكَ خَيۡرٌ أَمۡ جَنَّةُ ٱلۡخُلۡدِ ٱلَّتِي وُعِدَ ٱلۡمُتَّقُونَۚ كَانَتۡ لَهُمۡ جَزَآءٗ وَمَصِيرٗا
”Sila kanatu caala moo Jannata zalaalam ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiin. Isheen isaaniif mindaafi itti gala taateejirti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّهُمۡ فِيهَا مَا يَشَآءُونَ خَٰلِدِينَۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ وَعۡدٗا مَّسۡـُٔولٗا
isaaniif ishee keessatti wanta fedhan hundatu jira; Kan keessatti hafan ta’anii. [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ فَيَقُولُ ءَأَنتُمۡ أَضۡلَلۡتُمۡ عِبَادِي هَٰٓؤُلَآءِ أَمۡ هُمۡ ضَلُّواْ ٱلسَّبِيلَ
Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَكَ مَا كَانَ يَنۢبَغِي لَنَآ أَن نَّتَّخِذَ مِن دُونِكَ مِنۡ أَوۡلِيَآءَ وَلَٰكِن مَّتَّعۡتَهُمۡ وَءَابَآءَهُمۡ حَتَّىٰ نَسُواْ ٱلذِّكۡرَ وَكَانُواْ قَوۡمَۢا بُورٗا
[Isaanis] nijedhan “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti ”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَدۡ كَذَّبُوكُم بِمَا تَقُولُونَ فَمَا تَسۡتَطِيعُونَ صَرۡفٗا وَلَا نَصۡرٗاۚ وَمَن يَظۡلِم مِّنكُمۡ نُذِقۡهُ عَذَابٗا كَبِيرٗا
Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiru, Kanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessan. Nama isin irraa miidhaa hojjate adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا قَبۡلَكَ مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ إِلَّآ إِنَّهُمۡ لَيَأۡكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَيَمۡشُونَ فِي ٱلۡأَسۡوَاقِۗ وَجَعَلۡنَا بَعۡضَكُمۡ لِبَعۡضٖ فِتۡنَةً أَتَصۡبِرُونَۗ وَكَانَ رَبُّكَ بَصِيرٗا
Siin duratti ergamoota irraa kan isaan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَقَالَ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡنَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَوۡ نَرَىٰ رَبَّنَاۗ لَقَدِ ٱسۡتَكۡبَرُواْ فِيٓ أَنفُسِهِمۡ وَعَتَوۡ عُتُوّٗا كَبِيرٗا
Warri qunnamtii keenya hin sodaanne, “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhan. Dhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يَرَوۡنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ لَا بُشۡرَىٰ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُجۡرِمِينَ وَيَقُولُونَ حِجۡرٗا مَّحۡجُورٗا
Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru. [Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti), dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَدِمۡنَآ إِلَىٰ مَا عَمِلُواْ مِنۡ عَمَلٖ فَجَعَلۡنَٰهُ هَبَآءٗ مَّنثُورًا
Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ يَوۡمَئِذٍ خَيۡرٞ مُّسۡتَقَرّٗا وَأَحۡسَنُ مَقِيلٗا
Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلسَّمَآءُ بِٱلۡغَمَٰمِ وَنُزِّلَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ تَنزِيلًا
Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni buufamiinsa buufaman [yaadadhaa].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡمُلۡكُ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡحَقُّ لِلرَّحۡمَٰنِۚ وَكَانَ يَوۡمًا عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ عَسِيرٗا
Mootummaan dhugaa guyyaa san kan Rahmaani, Inni guyyaa kaafiroota irratti rakkisaa ta’eedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَوۡمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيۡهِ يَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي ٱتَّخَذۡتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلٗا
Guyyaa miidhaa hojjataan [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinee “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhu [yaadadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰوَيۡلَتَىٰ لَيۡتَنِي لَمۡ أَتَّخِذۡ فُلَانًا خَلِيلٗا
”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee taasifachuu baadheen gaabba!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّقَدۡ أَضَلَّنِي عَنِ ٱلذِّكۡرِ بَعۡدَ إِذۡ جَآءَنِيۗ وَكَانَ ٱلشَّيۡطَٰنُ لِلۡإِنسَٰنِ خَذُولٗا
Dhugumatti, gorsa irraa na jalliseera erga inni natti dhufee booda” Sheyxaanni ilma namaaf salphisaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلرَّسُولُ يَٰرَبِّ إِنَّ قَوۡمِي ٱتَّخَذُواْ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ مَهۡجُورٗا
Ergamichis nijedhe “Yaa Gooftaa kiyya! ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ جَعَلۡنَا لِكُلِّ نَبِيٍّ عَدُوّٗا مِّنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَۗ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ هَادِيٗا وَنَصِيرٗا
Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif goone, (Karaa irratti) qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلۡقُرۡءَانُ جُمۡلَةٗ وَٰحِدَةٗۚ كَذَٰلِكَ لِنُثَبِّتَ بِهِۦ فُؤَادَكَۖ وَرَتَّلۡنَٰهُ تَرۡتِيلٗا
Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundaan al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne), Suuta suutaan isa ibsine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَأۡتُونَكَ بِمَثَلٍ إِلَّا جِئۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَأَحۡسَنَ تَفۡسِيرًا
Gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan, Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يُحۡشَرُونَ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ إِلَىٰ جَهَنَّمَ أُوْلَٰٓئِكَ شَرّٞ مَّكَانٗا وَأَضَلُّ سَبِيلٗا
[Isaan] warra fuulleen isaanii irratti gara jahannam oofamaniidha. Isaan warra iddoo hamaa karaa jallaadhaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلۡنَا مَعَهُۥٓ أَخَاهُ هَٰرُونَ وَزِيرٗا
Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee, Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin gargaraa taasifnee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقُلۡنَا ٱذۡهَبَآ إِلَى ٱلۡقَوۡمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا فَدَمَّرۡنَٰهُمۡ تَدۡمِيرٗا
”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenne. [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَوۡمَ نُوحٖ لَّمَّا كَذَّبُواْ ٱلرُّسُلَ أَغۡرَقۡنَٰهُمۡ وَجَعَلۡنَٰهُمۡ لِلنَّاسِ ءَايَةٗۖ وَأَعۡتَدۡنَا لِلظَّٰلِمِينَ عَذَابًا أَلِيمٗا
Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsiifne, namootaaf mallattoo isaan taasifne. Miidhaa raawwattootaaf azaaba laalessaa qopheessineerra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَعَادٗا وَثَمُودَاْ وَأَصۡحَٰبَ ٱلرَّسِّ وَقُرُونَۢا بَيۡنَ ذَٰلِكَ كَثِيرٗا
[Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaatiifi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكُلّٗا ضَرَبۡنَا لَهُ ٱلۡأَمۡثَٰلَۖ وَكُلّٗا تَبَّرۡنَا تَتۡبِيرٗا
Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirra. Hunda isaanii barbadeessuu barbadeessinee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَتَوۡاْ عَلَى ٱلۡقَرۡيَةِ ٱلَّتِيٓ أُمۡطِرَتۡ مَطَرَ ٱلسَّوۡءِۚ أَفَلَمۡ يَكُونُواْ يَرَوۡنَهَاۚ بَلۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ نُشُورٗا
Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiru. Sila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan hihkajeelle tahan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا رَأَوۡكَ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَٰذَا ٱلَّذِي بَعَثَ ٱللَّهُ رَسُولًا
Yeroo si argan qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” (jedhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِن كَادَ لَيُضِلُّنَا عَنۡ ءَالِهَتِنَا لَوۡلَآ أَن صَبَرۡنَا عَلَيۡهَاۚ وَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ حِينَ يَرَوۡنَ ٱلۡعَذَابَ مَنۡ أَضَلُّ سَبِيلًا
”Silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture, Odoo nuti ishee [gabbaruu] irratti obsuu baannee” (jedhu). Fuulduratti beekuuf jiru yeroo adabbii argan namni karaa bade eenyuun akka ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَرَءَيۡتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَٰهَهُۥ هَوَىٰهُ أَفَأَنتَ تَكُونُ عَلَيۡهِ وَكِيلًا
Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ تَحۡسَبُ أَنَّ أَكۡثَرَهُمۡ يَسۡمَعُونَ أَوۡ يَعۡقِلُونَۚ إِنۡ هُمۡ إِلَّا كَٱلۡأَنۡعَٰمِ بَلۡ هُمۡ أَضَلُّ سَبِيلًا
Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu seetaa? Isaan akka beyladootaa malee hin taane, Inumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ إِلَىٰ رَبِّكَ كَيۡفَ مَدَّ ٱلظِّلَّ وَلَوۡ شَآءَ لَجَعَلَهُۥ سَاكِنٗا ثُمَّ جَعَلۡنَا ٱلشَّمۡسَ عَلَيۡهِ دَلِيلٗا
Sila gara Gooftaa keetii hin ilaallee akkamitti Gaaddisa akka diriirse ? Odoo fedhee turaa isa taasisa ture. Ergasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ قَبَضۡنَٰهُ إِلَيۡنَا قَبۡضٗا يَسِيرٗا
Ergasii qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا وَٱلنَّوۡمَ سُبَاتٗا وَجَعَلَ ٱلنَّهَارَ نُشُورٗا
Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasise. Guyyaa yeroo olii gadi sochootan taasiseedha
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ ٱلرِّيَٰحَ بُشۡرَۢا بَيۡنَ يَدَيۡ رَحۡمَتِهِۦۚ وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ طَهُورٗا
Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedha. Samii irraa bishaan qulqulluu buusne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّنُحۡـِۧيَ بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗا وَنُسۡقِيَهُۥ مِمَّا خَلَقۡنَآ أَنۡعَٰمٗا وَأَنَاسِيَّ كَثِيرٗا
Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi, waan uumne irraa horiiwwaniifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَٰهُ بَيۡنَهُمۡ لِيَذَّكَّرُواْ فَأَبَىٰٓ أَكۡثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورٗا
Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirra. Irra hedduun namaa kafaruu malee [amanuu] ni didan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ شِئۡنَا لَبَعَثۡنَا فِي كُلِّ قَرۡيَةٖ نَّذِيرٗا
Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا تُطِعِ ٱلۡكَٰفِرِينَ وَجَٰهِدۡهُم بِهِۦ جِهَادٗا كَبِيرٗا
Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَهُوَ ٱلَّذِي مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ هَٰذَا عَذۡبٞ فُرَاتٞ وَهَٰذَا مِلۡحٌ أُجَاجٞ وَجَعَلَ بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٗا وَحِجۡرٗا مَّحۡجُورٗا
Inni Isa bahara lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiise. jidduu isaan lamaanitti dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي خَلَقَ مِنَ ٱلۡمَآءِ بَشَرٗا فَجَعَلَهُۥ نَسَبٗا وَصِهۡرٗاۗ وَكَانَ رَبُّكَ قَدِيرٗا
Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedha. Gooftaan kee danda’aa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُهُمۡ وَلَا يَضُرُّهُمۡۗ وَكَانَ ٱلۡكَافِرُ عَلَىٰ رَبِّهِۦ ظَهِيرٗا
Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaru. Kaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا مُبَشِّرٗا وَنَذِيرٗا
Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ مَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍ إِلَّا مَن شَآءَ أَن يَتَّخِذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلٗا
Jedhi: “Isa irratti mindaarraa waa isin hin gaafadhu; namna karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe malee [inni haa saddaqatu].”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا
Jiraataa Isa hin duune san irratti hirkadhu. Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi. Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَسۡـَٔلۡ بِهِۦ خَبِيرٗا
Inni isa Samiileefii Dachii, waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee. ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) Rahmaani haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱسۡجُدُواْۤ لِلرَّحۡمَٰنِ قَالُواْ وَمَا ٱلرَّحۡمَٰنُ أَنَسۡجُدُ لِمَا تَأۡمُرُنَا وَزَادَهُمۡ نُفُورٗا۩
Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan eenyu? Waan ati nu ajajjuufiif sujuuda goonaa?” jedhu. {Kuni Rabbirraa} fagaachuu isaaniif dabale. {1}
{1} sujuuda qaraatii qur'aanaatu as jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَبَارَكَ ٱلَّذِي جَعَلَ فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجٗا وَجَعَلَ فِيهَا سِرَٰجٗا وَقَمَرٗا مُّنِيرٗا
Inni Samiilee keessatti buruuja taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ خِلۡفَةٗ لِّمَنۡ أَرَادَ أَن يَذَّكَّرَ أَوۡ أَرَادَ شُكُورٗا
Inni Isa halkaniifi guyyaa wal irraa bakka bu’aa taasiseedha, nama gorfamuu fedheef yookiin galata galchuu fedheef.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَعِبَادُ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلَّذِينَ يَمۡشُونَ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ هَوۡنٗا وَإِذَا خَاطَبَهُمُ ٱلۡجَٰهِلُونَ قَالُواْ سَلَٰمٗا
Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deemani; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaama” (nagaa) jedhanuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمۡ سُجَّدٗا وَقِيَٰمٗا
Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصۡرِفۡ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا
Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! azaaba jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee nama qabataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهَا سَآءَتۡ مُسۡتَقَرّٗا وَمُقَامٗا
isheen waa hammaattee iddoo qubannaafi iddoo teessumaa ta’uun”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَنفَقُواْ لَمۡ يُسۡرِفُواْ وَلَمۡ يَقۡتُرُواْ وَكَانَ بَيۡنَ ذَٰلِكَ قَوَامٗا
Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ لَا يَدۡعُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ وَلَا يَقۡتُلُونَ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِي حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَا يَزۡنُونَۚ وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ يَلۡقَ أَثَامٗا
Ammas isaan warra Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُضَٰعَفۡ لَهُ ٱلۡعَذَابُ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَيَخۡلُدۡ فِيهِۦ مُهَانًا
Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee zalaalam jiraata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ عَمَلٗا صَٰلِحٗا فَأُوْلَٰٓئِكَ يُبَدِّلُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِهِمۡ حَسَنَٰتٖۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan san Rabbiin hamtuuwwan isaanii toltuuwwanitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن تَابَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَإِنَّهُۥ يَتُوبُ إِلَى ٱللَّهِ مَتَابٗا
Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni tawbatiinsa gara Rabbii tawbate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ لَا يَشۡهَدُونَ ٱلزُّورَ وَإِذَا مَرُّواْ بِٱللَّغۡوِ مَرُّواْ كِرَامٗا
(gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ لَمۡ يَخِرُّواْ عَلَيۡهَا صُمّٗا وَعُمۡيَانٗا
Isaan warra yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا هَبۡ لَنَا مِنۡ أَزۡوَٰجِنَا وَذُرِّيَّٰتِنَا قُرَّةَ أَعۡيُنٖ وَٱجۡعَلۡنَا لِلۡمُتَّقِينَ إِمَامًا
Ammas isaan warra jedhani “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyiiwwan keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaataniif imaama (dursaa) nu taasisi”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أُوْلَٰٓئِكَ يُجۡزَوۡنَ ٱلۡغُرۡفَةَ بِمَا صَبَرُواْ وَيُلَقَّوۡنَ فِيهَا تَحِيَّةٗ وَسَلَٰمًا
Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamu. Ishee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ حَسُنَتۡ مُسۡتَقَرّٗا وَمُقَامٗا
Ishee keessa zalaalam jiraatu. Isheen iddoo qubannaafi jireenyaa tahuun waa bareeddee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ مَا يَعۡبَؤُاْ بِكُمۡ رَبِّي لَوۡلَا دُعَآؤُكُمۡۖ فَقَدۡ كَذَّبۡتُمۡ فَسَوۡفَ يَكُونُ لِزَامَۢا
Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u ture, Dhugumatti isin sobsiiftanii jirtu, adabbiin (isiniif qophaa’e) isin qabataa ta’a.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ፉርቃን
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት