የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አሽ ሹዐራእ   አንቀጽ:

Ashu’araa

طسٓمٓ
Xaa Siin Miim.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Tun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَعَلَّكَ بَٰخِعٞ نَّفۡسَكَ أَلَّا يَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ
(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِن نَّشَأۡ نُنَزِّلۡ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةٗ فَظَلَّتۡ أَعۡنَٰقُهُمۡ لَهَا خَٰضِعِينَ
Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormoowwan isaanii isheedhaaf gadi jedhoo taati ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن ذِكۡرٖ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ مُحۡدَثٍ إِلَّا كَانُواْ عَنۡهُ مُعۡرِضِينَ
gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane isa irraa garagaloo tahan malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَدۡ كَذَّبُواْ فَسَيَأۡتِيهِمۡ أَنۢبَٰٓؤُاْ مَا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiru. Oduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَمۡ أَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٖ كَرِيمٍ
Sila isaan gara Dachii hin ilaallee akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Sana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii kan amanan hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئۡتِ ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Yeroo Gooftaan kee Muusaa waame [yaadadhu] “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَۚ أَلَا يَتَّقُونَ
“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]. Sila Rabbiin hin sodaatanii?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ
[Muusaan] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَضِيقُ صَدۡرِي وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِي فَأَرۡسِلۡ إِلَىٰ هَٰرُونَ
[Yoo na sobsiisan] qomti kiyya ni dhiphata. Arrabni kiyyas hin diriiru. Kanaafuu gara Haaruunitti ergi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَهُمۡ عَلَيَّ ذَنۢبٞ فَأَخَافُ أَن يَقۡتُلُونِ
Isaaniif yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ كَلَّاۖ فَٱذۡهَبَا بِـَٔايَٰتِنَآۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسۡتَمِعُونَ
[Rabbiin] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu) Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaa, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأۡتِيَا فِرۡعَوۡنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَنۡ أَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَلَمۡ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدٗا وَلَبِثۡتَ فِينَا مِنۡ عُمُرِكَ سِنِينَ
[Fir’awni] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفَعَلۡتَ فَعۡلَتَكَ ٱلَّتِي فَعَلۡتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) san hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَعَلۡتُهَآ إِذٗا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ
[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَفَرَرۡتُ مِنكُمۡ لَمَّا خِفۡتُكُمۡ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكۡمٗا وَجَعَلَنِي مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyya beekumsa naaf kenne, ergamtoota irraa na godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتِلۡكَ نِعۡمَةٞ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنۡ عَبَّدتَّ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Sun tola ati narratti himattuudha Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فِرۡعَوۡنُ وَمَا رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ
[Muusaan]: “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لِمَنۡ حَوۡلَهُۥٓ أَلَا تَسۡتَمِعُونَ
[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِيٓ أُرۡسِلَ إِلَيۡكُمۡ لَمَجۡنُونٞ
[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُمۡ تَعۡقِلُونَ
[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذۡتَ إِلَٰهًا غَيۡرِي لَأَجۡعَلَنَّكَ مِنَ ٱلۡمَسۡجُونِينَ
[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكَ بِشَيۡءٖ مُّبِينٖ
[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ فَأۡتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَلۡقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعۡبَانٞ مُّبِينٞ
[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِيَ بَيۡضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ
Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لِلۡمَلَإِ حَوۡلَهُۥٓ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٞ
[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُرِيدُ أَن يُخۡرِجَكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِۦ فَمَاذَا تَأۡمُرُونَ
“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ أَرۡجِهۡ وَأَخَاهُ وَٱبۡعَثۡ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ
[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota keessatti walitti qabdoota ergi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَأۡتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٖ
Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ
Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلۡ أَنتُم مُّجۡتَمِعُونَ
Namootaanis ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُواْ لِفِرۡعَوۡنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجۡرًا إِن كُنَّا نَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ نَعَمۡ وَإِنَّكُمۡ إِذٗا لَّمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ
Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَلۡقَوۡاْ حِبَالَهُمۡ وَعِصِيَّهُمۡ وَقَالُواْ بِعِزَّةِ فِرۡعَوۡنَ إِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبُونَ
Haadoowwaniifi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin kakannee! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَلۡقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ
Muusaanis ulee isaa ni darbate, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَ فَلَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ أَجۡمَعِينَ
[Fir’awni] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti [waan ta’u] beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi Lukoowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَا ضَيۡرَۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ
Ni jedhan: “Rakkoon hin jiru! nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا نَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَٰيَٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Nuti jalqaba mu'imintootaa ta’uudhaan Rabbiin keenya badiilee teenya nuuf araaramuu ni kajeella”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِيٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ
Gara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَرۡسَلَ فِرۡعَوۡنُ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ
Fir’awni magaalota keessatti walitti qabdoota ergee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَشِرۡذِمَةٞ قَلِيلُونَ
“Warri kun gareewwan xiqqoowaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُمۡ لَنَا لَغَآئِظُونَ
Isaan nuuf dallansiisoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَٰذِرُونَ
Nuti hedduuwwan of eegdota” [jedhe].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخۡرَجۡنَٰهُم مِّن جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiileefi burqaawwan irraa isaan baafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكُنُوزٖ وَمَقَامٖ كَرِيمٖ
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَتۡبَعُوهُم مُّشۡرِقِينَ
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلۡجَمۡعَانِ قَالَ أَصۡحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدۡرَكُونَ
Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ كَلَّآۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهۡدِينِ
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡبَحۡرَۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرۡقٖ كَٱلطَّوۡدِ ٱلۡعَظِيمِ
Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَزۡلَفۡنَا ثَمَّ ٱلۡأٓخَرِينَ
Bakka sanatti warra biraa dhiheessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنجَيۡنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ
Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ إِبۡرَٰهِيمَ
Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا تَعۡبُدُونَ
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ نَعۡبُدُ أَصۡنَامٗا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ
“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَلۡ يَسۡمَعُونَكُمۡ إِذۡ تَدۡعُونَ
[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ يَنفَعُونَكُمۡ أَوۡ يَضُرُّونَ
Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ بَلۡ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفۡعَلُونَ
[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَفَرَءَيۡتُم مَّا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ
[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلۡأَقۡدَمُونَ
Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِنَّهُمۡ عَدُوّٞ لِّيٓ إِلَّا رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهۡدِينِ
[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا مَرِضۡتُ فَهُوَ يَشۡفِينِ
Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحۡيِينِ
Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِيٓ أَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لِي خَطِيٓـَٔتِي يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Isa guyyaa murtii badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبِّ هَبۡ لِي حُكۡمٗا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱجۡعَل لِّي لِسَانَ صِدۡقٖ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ
Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱجۡعَلۡنِي مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ
Dhaaltota Jannata qananii (dhaalan) irraas na taasisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱغۡفِرۡ لِأَبِيٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ
Abbaa kiyyaaf araarami, inni jallattoota irraa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تُخۡزِنِي يَوۡمَ يُبۡعَثُونَ
Guyyaa isaan (gabroonni) kaafaman na hin xinneessin.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ لَا يَنفَعُ مَالٞ وَلَا بَنُونَ
Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا مَنۡ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلۡبٖ سَلِيمٖ
Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ
[Guyyaa] Jannanni warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَبُرِّزَتِ ٱلۡجَحِيمُ لِلۡغَاوِينَ
[Guyyaa] Ibiddi jahannam jallattootaaf muldhifamte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ
[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلۡ يَنصُرُونَكُمۡ أَوۡ يَنتَصِرُونَ
“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isiniif tumsuu? Yookiin ni tumsamuu?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكُبۡكِبُواْ فِيهَا هُمۡ وَٱلۡغَاوُۥنَ
Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbamanii konkolaatan..
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجُنُودُ إِبۡلِيسَ أَجۡمَعُونَ
Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ وَهُمۡ فِيهَا يَخۡتَصِمُونَ
Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Yeroo Gooftaa aalamtootaatti isin qixxeessinu san.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَا لَنَا مِن شَٰفِعِينَ
Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٖ
Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَوۡ أَنَّ لَنَا كَرَّةٗ فَنَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ قَوۡمُ نُوحٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa, naaf ajajamaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلۡأَرۡذَلُونَ
[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ وَمَا عِلۡمِي بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ حِسَابُهُمۡ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّيۖ لَوۡ تَشۡعُرُونَ
Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمَرۡجُومِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوۡمِي كَذَّبُونِ
[Nuuh] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya ummanni koo na sobsiisaniiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱفۡتَحۡ بَيۡنِي وَبَيۡنَهُمۡ فَتۡحٗا وَنَجِّنِي وَمَن مَّعِيَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessi, Anaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraari.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَنجَيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ
isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarre
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا بَعۡدُ ٱلۡبَاقِينَ
Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsiifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Kana keessa mallattootu jira, Garuu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ عَادٌ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Huud “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii? isaaniin jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَتَبۡنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةٗ تَعۡبَثُونَ
Sila isin kan [nama tarutti] qishnitan taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمۡ تَخۡلُدُونَ
Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا بَطَشۡتُم بَطَشۡتُمۡ جَبَّارِينَ
Yeroo [namoota adabbiif] qabdan gara jabeeyyii taatanii qabdan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِيٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعۡلَمُونَ
Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaase sodaadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمَدَّكُم بِأَنۡعَٰمٖ وَبَنِينَ
Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡنَآ أَوَعَظۡتَ أَمۡ لَمۡ تَكُن مِّنَ ٱلۡوَٰعِظِينَ
[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo gorsitoota irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ
Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَذَّبُوهُ فَأَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Isa sobsiisan. Nutis isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ ثَمُودُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَتُتۡرَكُونَ فِي مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ
Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَزُرُوعٖ وَنَخۡلٖ طَلۡعُهَا هَضِيمٞ
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتٗا فَٰرِهِينَ
Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تُطِيعُوٓاْ أَمۡرَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ
Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا فَأۡتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٞ لَّهَا شِرۡبٞ وَلَكُمۡ شِرۡبُ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ
[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Hamtuun ishee hin tuqinaa, [Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَعَقَرُوهَا فَأَصۡبَحُواْ نَٰدِمِينَ
Ishee waraananii sheena’oota ta’an
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Adabbichis isaan qabate, Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَتَأۡتُونَ ٱلذُّكۡرَانَ مِنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّنۡ أَزۡوَٰجِكُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٌ عَادُونَ
Waan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُخۡرَجِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنِّي لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلۡقَالِينَ
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبِّ نَجِّنِي وَأَهۡلِي مِمَّا يَعۡمَلُونَ
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا عَجُوزٗا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ
Dullattii warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Ergasii warra biroo ni balleessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِم مَّطَرٗاۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsine, Roobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ شُعَيۡبٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ أَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ وَلَا تَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُخۡسِرِينَ
Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِ
Madaala sirrii ta’een madaalaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa, badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ وَٱلۡجِبِلَّةَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَسۡقِطۡ عَلَيۡنَا كِسَفٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّيٓ أَعۡلَمُ بِمَا تَعۡمَلُونَ
[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمۡ عَذَابُ يَوۡمِ ٱلظُّلَّةِۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٍ
Isa sobsiisan, Adabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabate, Dhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلۡأَمِينُ
Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَىٰ قَلۡبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُنذِرِينَ
onnee kee irratti [buuse] Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بِلِسَانٍ عَرَبِيّٖ مُّبِينٖ
Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ لَفِي زُبُرِ ٱلۡأَوَّلِينَ
Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَكُن لَّهُمۡ ءَايَةً أَن يَعۡلَمَهُۥ عُلَمَٰٓؤُاْ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ نَزَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ بَعۡضِ ٱلۡأَعۡجَمِينَ
Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَرَأَهُۥ عَلَيۡهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ مُؤۡمِنِينَ
Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ سَلَكۡنَٰهُ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onneewwan badi raawwattootaa keessa seensifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Hanga adabbii laalessaa arganitti isatti hin amananu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَيَأۡتِيَهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَيَقُولُواْ هَلۡ نَحۡنُ مُنظَرُونَ
[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamaa?” jedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ
Sila adabbii keenya jarjarsiifatuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَرَءَيۡتَ إِن مَّتَّعۡنَٰهُمۡ سِنِينَ
Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُواْ يُوعَدُونَ
Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يُمَتَّعُونَ
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ
Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذِكۡرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا تَنَزَّلَتۡ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَنۢبَغِي لَهُمۡ وَمَا يَسۡتَطِيعُونَ
Isaaniifis hin malu, [Isa fiduu] hin danda’anus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّمۡعِ لَمَعۡزُولُونَ
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُعَذَّبِينَ
Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin, [Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنذِرۡ عَشِيرَتَكَ ٱلۡأَقۡرَبِينَ
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِنۡ عَصَوۡكَ فَقُلۡ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ
Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ
[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَلۡ أُنَبِّئُكُمۡ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُلۡقُونَ ٱلسَّمۡعَ وَأَكۡثَرُهُمۡ كَٰذِبُونَ
Wanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلۡغَاوُۥنَ
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّهُمۡ فِي كُلِّ وَادٖ يَهِيمُونَ
Isaan sulula (oduu) hunda keessa akka seenan hin agartuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُمۡ يَقُولُونَ مَا لَا يَفۡعَلُونَ
Isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱنتَصَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا ظُلِمُواْۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٖ يَنقَلِبُونَ
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አሽ ሹዐራእ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት