Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አሽ ሹዐራእ   አንቀጽ:
كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَتَأۡتُونَ ٱلذُّكۡرَانَ مِنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّنۡ أَزۡوَٰجِكُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٌ عَادُونَ
Waan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُخۡرَجِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ إِنِّي لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلۡقَالِينَ
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبِّ نَجِّنِي وَأَهۡلِي مِمَّا يَعۡمَلُونَ
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا عَجُوزٗا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ
Dullattii warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Ergasii warra biroo ni balleessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِم مَّطَرٗاۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsine, Roobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ قَالَ لَهُمۡ شُعَيۡبٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ أَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ وَلَا تَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُخۡسِرِينَ
Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِ
Madaala sirrii ta’een madaalaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa, badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አሽ ሹዐራእ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት