Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አሽ ሹዐራእ   አንቀጽ:
مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يُمَتَّعُونَ
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ
Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذِكۡرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا تَنَزَّلَتۡ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَنۢبَغِي لَهُمۡ وَمَا يَسۡتَطِيعُونَ
Isaaniifis hin malu, [Isa fiduu] hin danda’anus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّمۡعِ لَمَعۡزُولُونَ
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُعَذَّبِينَ
Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin, [Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنذِرۡ عَشِيرَتَكَ ٱلۡأَقۡرَبِينَ
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِنۡ عَصَوۡكَ فَقُلۡ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ
Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ
[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَلۡ أُنَبِّئُكُمۡ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُلۡقُونَ ٱلسَّمۡعَ وَأَكۡثَرُهُمۡ كَٰذِبُونَ
Wanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلۡغَاوُۥنَ
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّهُمۡ فِي كُلِّ وَادٖ يَهِيمُونَ
Isaan sulula (oduu) hunda keessa akka seenan hin agartuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُمۡ يَقُولُونَ مَا لَا يَفۡعَلُونَ
Isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱنتَصَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا ظُلِمُواْۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٖ يَنقَلِبُونَ
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አሽ ሹዐራእ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

ተረጎመዋ ጋሊ አባቡር አባጉና።

መዝጋት