Check out the new design

ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور * - لیست ترجمه ها

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ترجمهٔ معانی سوره: شعراء   آیه:
مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يُمَتَّعُونَ
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
تفسیرهای عربی:
وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ
Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.
تفسیرهای عربی:
ذِكۡرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.
تفسیرهای عربی:
وَمَا تَنَزَّلَتۡ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.
تفسیرهای عربی:
وَمَا يَنۢبَغِي لَهُمۡ وَمَا يَسۡتَطِيعُونَ
Isaaniifis hin malu, [Isa fiduu] hin danda’anus.
تفسیرهای عربی:
إِنَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّمۡعِ لَمَعۡزُولُونَ
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha.
تفسیرهای عربی:
فَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُعَذَّبِينَ
Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin, [Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.
تفسیرهای عربی:
وَأَنذِرۡ عَشِيرَتَكَ ٱلۡأَقۡرَبِينَ
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.
تفسیرهای عربی:
وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.
تفسیرهای عربی:
فَإِنۡ عَصَوۡكَ فَقُلۡ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ
Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.
تفسیرهای عربی:
وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
تفسیرهای عربی:
ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].
تفسیرهای عربی:
وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ
[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].
تفسیرهای عربی:
إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.
تفسیرهای عربی:
هَلۡ أُنَبِّئُكُمۡ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?
تفسیرهای عربی:
تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti.
تفسیرهای عربی:
يُلۡقُونَ ٱلسَّمۡعَ وَأَكۡثَرُهُمۡ كَٰذِبُونَ
Wanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.
تفسیرهای عربی:
وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلۡغَاوُۥنَ
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.
تفسیرهای عربی:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّهُمۡ فِي كُلِّ وَادٖ يَهِيمُونَ
Isaan sulula (oduu) hunda keessa akka seenan hin agartuu?
تفسیرهای عربی:
وَأَنَّهُمۡ يَقُولُونَ مَا لَا يَفۡعَلُونَ
Isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
تفسیرهای عربی:
إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱنتَصَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا ظُلِمُواْۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٖ يَنقَلِبُونَ
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
تفسیرهای عربی:
 
ترجمهٔ معانی سوره: شعراء
فهرست سوره ها شماره صفحه
 
ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور - لیست ترجمه ها

مترجم: غالی ابابور اباگونا.

بستن