Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሰበእ   አንቀጽ:
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ جَمِيعٗا ثُمَّ يَقُولُ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ أَهَٰٓؤُلَآءِ إِيَّاكُمۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ
(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَكَ أَنتَ وَلِيُّنَا مِن دُونِهِمۖ بَلۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٱلۡجِنَّۖ أَكۡثَرُهُم بِهِم مُّؤۡمِنُونَ
(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) (qulqullina siif malu) si qulqulleessinee; isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa. (Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanoodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡيَوۡمَ لَا يَمۡلِكُ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٖ نَّفۡعٗا وَلَا ضَرّٗا وَنَقُولُ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’u. Isaan lubbuu ofii miidhanii “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّا رَجُلٞ يُرِيدُ أَن يَصُدَّكُمۡ عَمَّا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُكُمۡ وَقَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٞ مُّفۡتَرٗىۚ وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu. “Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhu. Isaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ ءَاتَيۡنَٰهُم مِّن كُتُبٖ يَدۡرُسُونَهَاۖ وَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمۡ قَبۡلَكَ مِن نَّذِيرٖ
Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennine. Siin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ وَمَا بَلَغُواْ مِعۡشَارَ مَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ فَكَذَّبُواْ رُسُلِيۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiru. Isaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenye. Ergamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine) adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali!)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قُلۡ إِنَّمَآ أَعِظُكُم بِوَٰحِدَةٍۖ أَن تَقُومُواْ لِلَّهِ مَثۡنَىٰ وَفُرَٰدَىٰ ثُمَّ تَتَفَكَّرُواْۚ مَا بِصَاحِبِكُم مِّن جِنَّةٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا نَذِيرٞ لَّكُم بَيۡنَ يَدَيۡ عَذَابٖ شَدِيدٖ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofatti. Innis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessanitti (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniif. iInni adabbii cimaa dura isiniif (ergame) akeekkechiisaa malee waan biraa hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ مَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٖ فَهُوَ لَكُمۡۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٞ
Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafi. Mindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taane. Innis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَّٰمُ ٱلۡغُيُوبِ
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa (Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሰበእ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት