Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ছাবা   আয়াত:
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ جَمِيعٗا ثُمَّ يَقُولُ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ أَهَٰٓؤُلَآءِ إِيَّاكُمۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ
(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu].
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَكَ أَنتَ وَلِيُّنَا مِن دُونِهِمۖ بَلۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٱلۡجِنَّۖ أَكۡثَرُهُم بِهِم مُّؤۡمِنُونَ
(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) (qulqullina siif malu) si qulqulleessinee; isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa. (Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanoodha” jedhan.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَٱلۡيَوۡمَ لَا يَمۡلِكُ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٖ نَّفۡعٗا وَلَا ضَرّٗا وَنَقُولُ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’u. Isaan lubbuu ofii miidhanii “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّا رَجُلٞ يُرِيدُ أَن يَصُدَّكُمۡ عَمَّا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُكُمۡ وَقَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٞ مُّفۡتَرٗىۚ وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٞ
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu. “Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhu. Isaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَمَآ ءَاتَيۡنَٰهُم مِّن كُتُبٖ يَدۡرُسُونَهَاۖ وَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمۡ قَبۡلَكَ مِن نَّذِيرٖ
Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennine. Siin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَكَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ وَمَا بَلَغُواْ مِعۡشَارَ مَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ فَكَذَّبُواْ رُسُلِيۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiru. Isaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenye. Ergamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine) adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali!)
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
۞ قُلۡ إِنَّمَآ أَعِظُكُم بِوَٰحِدَةٍۖ أَن تَقُومُواْ لِلَّهِ مَثۡنَىٰ وَفُرَٰدَىٰ ثُمَّ تَتَفَكَّرُواْۚ مَا بِصَاحِبِكُم مِّن جِنَّةٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا نَذِيرٞ لَّكُم بَيۡنَ يَدَيۡ عَذَابٖ شَدِيدٖ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofatti. Innis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessanitti (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniif. iInni adabbii cimaa dura isiniif (ergame) akeekkechiisaa malee waan biraa hin taane.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قُلۡ مَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٖ فَهُوَ لَكُمۡۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٞ
Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafi. Mindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taane. Innis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَّٰمُ ٱلۡغُيُوبِ
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa (Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ছাবা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ