የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ቃፍ   አንቀጽ:

Qaaf

قٓۚ وَٱلۡقُرۡءَانِ ٱلۡمَجِيدِ
Qaaf Qur’aana guddaanin (kakadha).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ عَجِبُوٓاْ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٞ مِّنۡهُمۡ فَقَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا شَيۡءٌ عَجِيبٌ
Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗاۖ ذَٰلِكَ رَجۡعُۢ بَعِيدٞ
“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَدۡ عَلِمۡنَا مَا تَنقُصُ ٱلۡأَرۡضُ مِنۡهُمۡۖ وَعِندَنَا كِتَٰبٌ حَفِيظُۢ
Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti tahee jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ كَذَّبُواْ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ فَهُمۡ فِيٓ أَمۡرٖ مَّرِيجٍ
Dhugumatti isaan dhugaa sobsiisan yeroo inni isaanitti dhufu. Isaan dubbii wal makataa keessa jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَلَمۡ يَنظُرُوٓاْ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوۡقَهُمۡ كَيۡفَ بَنَيۡنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٖ
Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu hin ilaallee? akkamitti akka ishee ijaarreefi ishee miidhagsine, uraan homaatuu isiif hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجِۭ بَهِيجٖ
Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee, akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَبۡصِرَةٗ وَذِكۡرَىٰ لِكُلِّ عَبۡدٖ مُّنِيبٖ
Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَزَّلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ مُّبَٰرَكٗا فَأَنۢبَتۡنَا بِهِۦ جَنَّٰتٖ وَحَبَّ ٱلۡحَصِيدِ
Samii irraas bishaan barakaa qabu buufne. isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلنَّخۡلَ بَاسِقَٰتٖ لَّهَا طَلۡعٞ نَّضِيدٞ
Hundee timiraa dhedheeroo, kan daraaraa dachaa (ni magarsine).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رِّزۡقٗا لِّلۡعِبَادِۖ وَأَحۡيَيۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗاۚ كَذَٰلِكَ ٱلۡخُرُوجُ
Hiree Gabrootanniitiif (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis akkuma kana.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَأَصۡحَٰبُ ٱلرَّسِّ وَثَمُودُ
Isaaniin dura ummanni Nuuh kijibsiifte, warri eelaatiifi Samuudis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَعَادٞ وَفِرۡعَوۡنُ وَإِخۡوَٰنُ لُوطٖ
Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis (kijibsiisan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ وَقَوۡمُ تُبَّعٖۚ كُلّٞ كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ
Warri bosonaatiifi ummanni Tubba’is Hunduu ergamtoota sobsiisan, adabbiin (kiyya) isaanitti mirkanaa’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَعَيِينَا بِٱلۡخَلۡقِ ٱلۡأَوَّلِۚ بَلۡ هُمۡ فِي لَبۡسٖ مِّنۡ خَلۡقٖ جَدِيدٖ
Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ وَنَعۡلَمُ مَا تُوَسۡوِسُ بِهِۦ نَفۡسُهُۥۖ وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنۡ حَبۡلِ ٱلۡوَرِيدِ
Nuti dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (dhamaa) irra gara isaatti dhihoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ يَتَلَقَّى ٱلۡمُتَلَقِّيَانِ عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ قَعِيدٞ
Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (yaadachiisi).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّا يَلۡفِظُ مِن قَوۡلٍ إِلَّا لَدَيۡهِ رَقِيبٌ عَتِيدٞ
Jecha tokkoyyuu hin dubbatu Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَتۡ سَكۡرَةُ ٱلۡمَوۡتِ بِٱلۡحَقِّۖ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنۡهُ تَحِيدُ
Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti. “Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡوَعِيدِ
Xurumbaan ni afuufama; sun guyyaa sodaachisaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَآءَتۡ كُلُّ نَفۡسٖ مَّعَهَا سَآئِقٞ وَشَهِيدٞ
Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّقَدۡ كُنتَ فِي غَفۡلَةٖ مِّنۡ هَٰذَا فَكَشَفۡنَا عَنكَ غِطَآءَكَ فَبَصَرُكَ ٱلۡيَوۡمَ حَدِيدٞ
“Ati kana irraa daguu keessa turte. Nuti haguuggaa kee sirraa kaafne. ijji kee har’a qara” (jedhamaan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ قَرِينُهُۥ هَٰذَا مَا لَدَيَّ عَتِيدٌ
Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira dhihaataa tahee jiruudha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلۡقِيَا فِي جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٖ
Akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٖ مُّرِيبٍ
(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي جَعَلَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَأَلۡقِيَاهُ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلشَّدِيدِ
Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise azaaba cimaa keessa isa buusaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قَالَ قَرِينُهُۥ رَبَّنَا مَآ أَطۡغَيۡتُهُۥ وَلَٰكِن كَانَ فِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٖ
Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani isa hin jallifne. Garuu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ لَا تَخۡتَصِمُواْ لَدَيَّ وَقَدۡ قَدَّمۡتُ إِلَيۡكُم بِٱلۡوَعِيدِ
Rabbiin ni jedha,“Ana biratti wal hin falminaa, Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا يُبَدَّلُ ٱلۡقَوۡلُ لَدَيَّ وَمَآ أَنَا۠ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ
Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Ani gabroota kiyya miidhaa miti.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ ٱمۡتَلَأۡتِ وَتَقُولُ هَلۡ مِن مَّزِيدٖ
Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (isaan sodaachidi.)
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ غَيۡرَ بَعِيدٍ
Jannanni dhiheeffamte namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٖ
Kun waan waadaa galamtaniidha Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiif, (jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّنۡ خَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِ وَجَآءَ بِقَلۡبٖ مُّنِيبٍ
“Nama fagotti Rahmaan sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi (nidhihaatti).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٖۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُلُودِ
Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيۡنَا مَزِيدٞ
Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jira, Nu bira daballis jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَشَدُّ مِنۡهُم بَطۡشٗا فَنَقَّبُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ هَلۡ مِن مَّحِيصٍ
Meeqaa meeqa balleessinee Isaan dura dhalootarraa? (baayyee), isaantu (warra balleeysineetu) humnaan isaan (ammaa kana) irra ciccimoodha. Biyya keessa fiigan (qoratan) “iddoo baqaan jiraa?” jechaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُۥ قَلۡبٌ أَوۡ أَلۡقَى ٱلسَّمۡعَ وَهُوَ شَهِيدٞ
San keessa yaadannootu jira, Nama onnee qabuuf yookin gurra itti kennuuf,haala yeroo (gorsa) irratti hirmaataa taheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٖ
Dhugumatti, Nuti samiileefi dachii, wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbirraa homtuu Nu hin tuqne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ ٱلۡغُرُوبِ
Waan isaan jedhanu irratti obsi. galata Rabbii keetiitiin baha aduu duraafi lixa (ishee) dura faarsi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَأَدۡبَٰرَ ٱلسُّجُودِ
Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (isa qulqulleessi).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱسۡتَمِعۡ يَوۡمَ يُنَادِ ٱلۡمُنَادِ مِن مَّكَانٖ قَرِيبٖ
Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabu dhaggeeffadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يَسۡمَعُونَ ٱلصَّيۡحَةَ بِٱلۡحَقِّۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُرُوجِ
Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَإِلَيۡنَا ٱلۡمَصِيرُ
Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلۡأَرۡضُ عَنۡهُمۡ سِرَاعٗاۚ ذَٰلِكَ حَشۡرٌ عَلَيۡنَا يَسِيرٞ
Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya). Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِجَبَّارٖۖ فَذَكِّرۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مَن يَخَافُ وَعِيدِ
Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniiti. Ati isaan irratti moosifamaa hin taane. Nama adabbii (kiyya) sodaatu Qur’aanaan gorsi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ቃፍ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት