የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አዝ ዛሪያት   አንቀጽ:

Azzaariyaat

وَٱلذَّٰرِيَٰتِ ذَرۡوٗا
(Qilleensa) bubbisiinsa bubbiftuunin kakadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡحَٰمِلَٰتِ وِقۡرٗا
(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡجَٰرِيَٰتِ يُسۡرٗا
(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱلۡمُقَسِّمَٰتِ أَمۡرًا
(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقٞ
  Wanti isin beellamamtan dhugaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ ٱلدِّينَ لَوَٰقِعٞ
Murtiin argamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ
Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٖ مُّخۡتَلِفٖ
Isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ
  Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ
Sobdoonni abaaramaniiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٖ سَاهُونَ
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ
“Guyyaan galataa yoomi?” (jechuun) gaafatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
“Adaba keessan dhandhamaa, kun ka isa jarjarsiifachaa turtani ” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhatoodha, Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَانُواْ قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٞ لِّلۡمُوقِنِينَ
Dachii keessa mu'imintootaaf mallattooleetu jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ
Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقّٞ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ
Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٖ سَمِينٖ
Gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٖ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٞ
Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
(Maleykonni) ni jedhan: akka kana Rabbiin kee jedhe inni isaatu ogeessa beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن طِينٖ
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتٖ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
ishee keessatti homaa hin argine Mana Muslimtootaa irraa ta’e tokko malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةٗ لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ
(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٞ
(Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٞ
Isaafi waraana isaas qabnee. galaana keessatti isaan darbine haala inni komatamaa ta’een.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ
(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ
Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينٖ
(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ
Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonan. iyyansi (dhumti) isaan qabatte Odoo isaan ilaalanuu .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامٖ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ
Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra). isaan ummata finciltoota turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٖ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ
Samiis humnaan ishee ijaarre. Dhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Gara Rabbii baqadhaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Allaah wajjini gabbaramaa biraa hin taasisinaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ مَآ أَتَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُواْ سَاحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ
Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَتَوَاصَوۡاْ بِهِۦۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٞ طَاغُونَ
Sila isa (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ فَمَآ أَنتَ بِمَلُومٖ
Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ
Jinniifi ilma namaa haa na gabbaraniif malee hin uumne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقٖ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ
Hiree homaatuu isaan irraa hin fedhu. Akka Ana nyaachisanis hin fedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ
Rabbiin Isatu akkaan hiree kennaa, abbaa humna cimaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذَنُوبٗا مِّثۡلَ ذَنُوبِ أَصۡحَٰبِهِمۡ فَلَا يَسۡتَعۡجِلُونِ
Miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن يَوۡمِهِمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አዝ ዛሪያት
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት