የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አጥ ጡር   አንቀጽ:

Axxuur

وَٱلطُّورِ
(Gaara) Xuuriin kakadhe. {1}
{1} gaarri xuur kuni gaara Rabbiin nabi muusaa irratti dubbise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكِتَٰبٖ مَّسۡطُورٖ
Kitaaba barreeffamaanis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِي رَقّٖ مَّنشُورٖ
Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡبَيۡتِ ٱلۡمَعۡمُورِ
Mana jiraachifamaanis. {2}
{2} inni mana samii keessatti tahe. malaaykaan isatti xawaafti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلسَّقۡفِ ٱلۡمَرۡفُوعِ
Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis. {3}
{3} kana jechuun samii duniyaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡبَحۡرِ ٱلۡمَسۡجُورِ
Galaana bishaaniin guutameenis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ لَوَٰقِعٞ
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّا لَهُۥ مِن دَافِعٖ
Deebisaan tokkolleen isaaf hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ تَمُورُ ٱلسَّمَآءُ مَوۡرٗا
Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَسِيرُ ٱلۡجِبَالُ سَيۡرٗا
(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَوَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Warra kijibsiisaniif guyyaa san ibiddaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي خَوۡضٖ يَلۡعَبُونَ
(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يُدَعُّونَ إِلَىٰ نَارِ جَهَنَّمَ دَعًّا
Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذِهِ ٱلنَّارُ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ
(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَسِحۡرٌ هَٰذَآ أَمۡ أَنتُمۡ لَا تُبۡصِرُونَ
Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱصۡلَوۡهَا فَٱصۡبِرُوٓاْ أَوۡ لَا تَصۡبِرُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡكُمۡۖ إِنَّمَا تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Ishee seenaa (dhandhamaa); obsaa yookaan hin obsinaa isinirratti waluma qixa. Wanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَنَعِيمٖ
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannatootaafi qananii keessa jiraatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٰكِهِينَ بِمَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ وَوَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaanii azaaba gubaa jalaa isaan baraarse.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ سُرُرٖ مَّصۡفُوفَةٖۖ وَزَوَّجۡنَٰهُم بِحُورٍ عِينٖ
Sireewwan tarree galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu). Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَٱتَّبَعَتۡهُمۡ ذُرِّيَّتُهُم بِإِيمَٰنٍ أَلۡحَقۡنَا بِهِمۡ ذُرِّيَّتَهُمۡ وَمَآ أَلَتۡنَٰهُم مِّنۡ عَمَلِهِم مِّن شَيۡءٖۚ كُلُّ ٱمۡرِيِٕۭ بِمَا كَسَبَ رَهِينٞ
Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna (Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnu. Namni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَمۡدَدۡنَٰهُم بِفَٰكِهَةٖ وَلَحۡمٖ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ
Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَتَنَٰزَعُونَ فِيهَا كَأۡسٗا لَّا لَغۡوٞ فِيهَا وَلَا تَأۡثِيمٞ
Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) walitti daddabarsu (waliif kennu) ishee keessa sobaafi diliin hin jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ غِلۡمَانٞ لَّهُمۡ كَأَنَّهُمۡ لُؤۡلُؤٞ مَّكۡنُونٞ
Isaan irra naanna’u Ijoollee dhiiraa isaanii. (bareedinni isaanii) akka waan isaan faaya eegamaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ
Gariin isaanii garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُوٓاْ إِنَّا كُنَّا قَبۡلُ فِيٓ أَهۡلِنَا مُشۡفِقِينَ
Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا وَوَقَىٰنَا عَذَابَ ٱلسَّمُومِ
Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا كُنَّا مِن قَبۡلُ نَدۡعُوهُۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡبَرُّ ٱلرَّحِيمُ
Nuti kana dura Isa kadhataa turre. Inni Isumatu tola oolaa, mararfataadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَكِّرۡ فَمَآ أَنتَ بِنِعۡمَتِ رَبِّكَ بِكَاهِنٖ وَلَا مَجۡنُونٍ
Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَقُولُونَ شَاعِرٞ نَّتَرَبَّصُ بِهِۦ رَيۡبَ ٱلۡمَنُونِ
Moo “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ تَرَبَّصُواْ فَإِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُتَرَبِّصِينَ
“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ تَأۡمُرُهُمۡ أَحۡلَٰمُهُم بِهَٰذَآۚ أَمۡ هُمۡ قَوۡمٞ طَاغُونَ
Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata jallatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُۥۚ بَل لَّا يُؤۡمِنُونَ
Moo Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu?” lakkii, isaan hin amanan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلۡيَأۡتُواْ بِحَدِيثٖ مِّثۡلِهِۦٓ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu Yoo kan dhugaa dubbatan ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ خُلِقُواْ مِنۡ غَيۡرِ شَيۡءٍ أَمۡ هُمُ ٱلۡخَٰلِقُونَ
Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ خَلَقُواْ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ
Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ عِندَهُمۡ خَزَآئِنُ رَبِّكَ أَمۡ هُمُ ٱلۡمُصَۜيۡطِرُونَ
Moo Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira, moo isaantu injifattoota?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَهُمۡ سُلَّمٞ يَسۡتَمِعُونَ فِيهِۖ فَلۡيَأۡتِ مُسۡتَمِعُهُم بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَهُ ٱلۡبَنَٰتُ وَلَكُمُ ٱلۡبَنُونَ
Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرٗا فَهُم مِّن مَّغۡرَمٖ مُّثۡقَلُونَ
Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يُرِيدُونَ كَيۡدٗاۖ فَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ هُمُ ٱلۡمَكِيدُونَ
Lakkii! Tooftaa baasuu fedhani, Warri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَهُمۡ إِلَٰهٌ غَيۡرُ ٱللَّهِۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن يَرَوۡاْ كِسۡفٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ سَاقِطٗا يَقُولُواْ سَحَابٞ مَّرۡكُومٞ
Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَرۡهُمۡ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي فِيهِ يُصۡعَقُونَ
Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ لَا يُغۡنِي عَنۡهُمۡ كَيۡدُهُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ
Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ عَذَابٗا دُونَ ذَٰلِكَ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعۡيُنِنَاۖ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Ati tika keenya jala jirta. Yeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَإِدۡبَٰرَ ٱلنُّجُومِ
Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አጥ ጡር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት