የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አን ነጅም   አንቀጽ:

Annajm

وَٱلنَّجۡمِ إِذَا هَوَىٰ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا ضَلَّ صَاحِبُكُمۡ وَمَا غَوَىٰ
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَنطِقُ عَنِ ٱلۡهَوَىٰٓ
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا وَحۡيٞ يُوحَىٰ
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَّمَهُۥ شَدِيدُ ٱلۡقُوَىٰ
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذُو مِرَّةٖ فَٱسۡتَوَىٰ
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ بِٱلۡأُفُقِ ٱلۡأَعۡلَىٰ
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ دَنَا فَتَدَلَّىٰ
Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَانَ قَابَ قَوۡسَيۡنِ أَوۡ أَدۡنَىٰ
Hanga (fageenya) qabannaa gooboo (dagaanaa) lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e. {2}
{2} Kun fakkii dhihaatinsa Jibriil nabi Muhammaditti dhihaateeti ibsa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَوۡحَىٰٓ إِلَىٰ عَبۡدِهِۦ مَآ أَوۡحَىٰ
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe. {2}
{2} Rabbiitu gabricha isaa nabi muhammaditti wahyii godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا كَذَبَ ٱلۡفُؤَادُ مَا رَأَىٰٓ
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَتُمَٰرُونَهُۥ عَلَىٰ مَا يَرَىٰ
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ رَءَاهُ نَزۡلَةً أُخۡرَىٰ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عِندَ سِدۡرَةِ ٱلۡمُنتَهَىٰ
Qurquraa dhumaa (samii torbaffaa) biratti arge.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عِندَهَا جَنَّةُ ٱلۡمَأۡوَىٰٓ
Ishee bira jannata qubsumaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذۡ يَغۡشَى ٱلسِّدۡرَةَ مَا يَغۡشَىٰ
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا زَاغَ ٱلۡبَصَرُ وَمَا طَغَىٰ
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَدۡ رَأَىٰ مِنۡ ءَايَٰتِ رَبِّهِ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱللَّٰتَ وَٱلۡعُزَّىٰ
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَنَوٰةَ ٱلثَّالِثَةَ ٱلۡأُخۡرَىٰٓ
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَكُمُ ٱلذَّكَرُ وَلَهُ ٱلۡأُنثَىٰ
Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تِلۡكَ إِذٗا قِسۡمَةٞ ضِيزَىٰٓ
Isheen kun oggas qooda jalloodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هِيَ إِلَّآ أَسۡمَآءٞ سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٍۚ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَمَا تَهۡوَى ٱلۡأَنفُسُۖ وَلَقَدۡ جَآءَهُم مِّن رَّبِّهِمُ ٱلۡهُدَىٰٓ
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftani malee homaa miti. Rabbiin ragaa isheef hin buufne. Se’aafi waan lubbuuleen isaanii feetu feetu malee waan biraa hin hordofan. Dhugumaan qajeellloon Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لِلۡإِنسَٰنِ مَا تَمَنَّىٰ
Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلِلَّهِ ٱلۡأٓخِرَةُ وَٱلۡأُولَىٰ
Aakiraafi tanduraatis Rabbiif taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَكَم مِّن مَّلَكٖ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ لَا تُغۡنِي شَفَٰعَتُهُمۡ شَيۡـًٔا إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ أَن يَأۡذَنَ ٱللَّهُ لِمَن يَشَآءُ وَيَرۡضَىٰٓ
meeqaa meeqaatu Maleeykota irraa samii keessa jiru? kan manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne, erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ لَيُسَمُّونَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ تَسۡمِيَةَ ٱلۡأُنثَىٰ
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّۖ وَإِنَّ ٱلظَّنَّ لَا يُغۡنِي مِنَ ٱلۡحَقِّ شَيۡـٔٗا
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Shakkii malee homaa hin hordofanu. Shakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَعۡرِضۡ عَن مَّن تَوَلَّىٰ عَن ذِكۡرِنَا وَلَمۡ يُرِدۡ إِلَّا ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَٰلِكَ مَبۡلَغُهُم مِّنَ ٱلۡعِلۡمِۚ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِمَنِ ٱهۡتَدَىٰ
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniiti. Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadha. Inni nama qajeeles akkaan beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَسَٰٓـُٔواْ بِمَا عَمِلُواْ وَيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ بِٱلۡحُسۡنَى
Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan Rabbiiti. Isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuuf isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ يَجۡتَنِبُونَ كَبَٰٓئِرَ ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡفَوَٰحِشَ إِلَّا ٱللَّمَمَۚ إِنَّ رَبَّكَ وَٰسِعُ ٱلۡمَغۡفِرَةِۚ هُوَ أَعۡلَمُ بِكُمۡ إِذۡ أَنشَأَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ وَإِذۡ أَنتُمۡ أَجِنَّةٞ فِي بُطُونِ أُمَّهَٰتِكُمۡۖ فَلَا تُزَكُّوٓاْ أَنفُسَكُمۡۖ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَنِ ٱتَّقَىٰٓ
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidha. Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadha. Inni akkaan isin beeka yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha teessanii keessatti ulfa taatanii jirtan . Lubbuulee keessan hin qulqulleessinaa. Inni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي تَوَلَّىٰ
Mee isa gara gale naaf himi?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَعۡطَىٰ قَلِيلٗا وَأَكۡدَىٰٓ
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَعِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلۡغَيۡبِ فَهُوَ يَرَىٰٓ
Sila beekumsi fagoottu isa bira jiraa? inni (isa) beekee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَمۡ يُنَبَّأۡ بِمَا فِي صُحُفِ مُوسَىٰ
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِبۡرَٰهِيمَ ٱلَّذِي وَفَّىٰٓ
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَّا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰ
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَن لَّيۡسَ لِلۡإِنسَٰنِ إِلَّا مَا سَعَىٰ
Namaaf waan hojjate malee hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ سَعۡيَهُۥ سَوۡفَ يُرَىٰ
Hojiin isaa uf duratti ni mul'ata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ يُجۡزَىٰهُ ٱلۡجَزَآءَ ٱلۡأَوۡفَىٰ
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلۡمُنتَهَىٰ
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbii keetiitti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَضۡحَكَ وَأَبۡكَىٰ
Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَمَاتَ وَأَحۡيَا
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ خَلَقَ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰ
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِن نُّطۡفَةٍ إِذَا تُمۡنَىٰ
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo (gadaamessaa keessatti) nagamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ عَلَيۡهِ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُخۡرَىٰ
Uumuun boodaas isuma (Rabbuma) irra jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَغۡنَىٰ وَأَقۡنَىٰ
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ هُوَ رَبُّ ٱلشِّعۡرَىٰ
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥٓ أَهۡلَكَ عَادًا ٱلۡأُولَىٰ
Isumatu Aadii duraa balleesse.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَثَمُودَاْ فَمَآ أَبۡقَىٰ
(Ummata) Samuudis hin hambifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ هُمۡ أَظۡلَمَ وَأَطۡغَىٰ
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse) Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡمُؤۡتَفِكَةَ أَهۡوَىٰ
Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَغَشَّىٰهَا مَا غَشَّىٰ
Wanti haguuge ishee haguuge.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكَ تَتَمَارَىٰ
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذَا نَذِيرٞ مِّنَ ٱلنُّذُرِ ٱلۡأُولَىٰٓ
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَزِفَتِ ٱلۡأٓزِفَةُ
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَيۡسَ لَهَا مِن دُونِ ٱللَّهِ كَاشِفَةٌ
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَمِنۡ هَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ تَعۡجَبُونَ
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَضۡحَكُونَ وَلَا تَبۡكُونَ
Ni kolfituu! Hin boochanuu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنتُمۡ سَٰمِدُونَ
Haala isin dagamoo taataniin (irraa garagaltuu)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡجُدُواْۤ لِلَّهِۤ وَٱعۡبُدُواْ۩
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa {2}
{2} bakka kanatti sujuuda qaraatii qur'aanaattu godhama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አን ነጅም
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት