《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 奈智姆   段:

Annajm

وَٱلنَّجۡمِ إِذَا هَوَىٰ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).
阿拉伯语经注:
مَا ضَلَّ صَاحِبُكُمۡ وَمَا غَوَىٰ
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
阿拉伯语经注:
وَمَا يَنطِقُ عَنِ ٱلۡهَوَىٰٓ
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u.
阿拉伯语经注:
إِنۡ هُوَ إِلَّا وَحۡيٞ يُوحَىٰ
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
阿拉伯语经注:
عَلَّمَهُۥ شَدِيدُ ٱلۡقُوَىٰ
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
阿拉伯语经注:
ذُو مِرَّةٖ فَٱسۡتَوَىٰ
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
阿拉伯语经注:
وَهُوَ بِٱلۡأُفُقِ ٱلۡأَعۡلَىٰ
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e).
阿拉伯语经注:
ثُمَّ دَنَا فَتَدَلَّىٰ
Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
阿拉伯语经注:
فَكَانَ قَابَ قَوۡسَيۡنِ أَوۡ أَدۡنَىٰ
Hanga (fageenya) qabannaa gooboo (dagaanaa) lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e. {2}
{2} Kun fakkii dhihaatinsa Jibriil nabi Muhammaditti dhihaateeti ibsa.
阿拉伯语经注:
فَأَوۡحَىٰٓ إِلَىٰ عَبۡدِهِۦ مَآ أَوۡحَىٰ
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe. {2}
{2} Rabbiitu gabricha isaa nabi muhammaditti wahyii godhe.
阿拉伯语经注:
مَا كَذَبَ ٱلۡفُؤَادُ مَا رَأَىٰٓ
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
阿拉伯语经注:
أَفَتُمَٰرُونَهُۥ عَلَىٰ مَا يَرَىٰ
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu?
阿拉伯语经注:
وَلَقَدۡ رَءَاهُ نَزۡلَةً أُخۡرَىٰ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
阿拉伯语经注:
عِندَ سِدۡرَةِ ٱلۡمُنتَهَىٰ
Qurquraa dhumaa (samii torbaffaa) biratti arge.
阿拉伯语经注:
عِندَهَا جَنَّةُ ٱلۡمَأۡوَىٰٓ
Ishee bira jannata qubsumaatu jira.
阿拉伯语经注:
إِذۡ يَغۡشَى ٱلسِّدۡرَةَ مَا يَغۡشَىٰ
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
阿拉伯语经注:
مَا زَاغَ ٱلۡبَصَرُ وَمَا طَغَىٰ
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
阿拉伯语经注:
لَقَدۡ رَأَىٰ مِنۡ ءَايَٰتِ رَبِّهِ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
阿拉伯语经注:
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱللَّٰتَ وَٱلۡعُزَّىٰ
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
阿拉伯语经注:
وَمَنَوٰةَ ٱلثَّالِثَةَ ٱلۡأُخۡرَىٰٓ
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)?
阿拉伯语经注:
أَلَكُمُ ٱلذَّكَرُ وَلَهُ ٱلۡأُنثَىٰ
Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
阿拉伯语经注:
تِلۡكَ إِذٗا قِسۡمَةٞ ضِيزَىٰٓ
Isheen kun oggas qooda jalloodha.
阿拉伯语经注:
إِنۡ هِيَ إِلَّآ أَسۡمَآءٞ سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٍۚ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَمَا تَهۡوَى ٱلۡأَنفُسُۖ وَلَقَدۡ جَآءَهُم مِّن رَّبِّهِمُ ٱلۡهُدَىٰٓ
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftani malee homaa miti. Rabbiin ragaa isheef hin buufne. Se’aafi waan lubbuuleen isaanii feetu feetu malee waan biraa hin hordofan. Dhugumaan qajeellloon Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
阿拉伯语经注:
أَمۡ لِلۡإِنسَٰنِ مَا تَمَنَّىٰ
Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
阿拉伯语经注:
فَلِلَّهِ ٱلۡأٓخِرَةُ وَٱلۡأُولَىٰ
Aakiraafi tanduraatis Rabbiif taate.
阿拉伯语经注:
۞ وَكَم مِّن مَّلَكٖ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ لَا تُغۡنِي شَفَٰعَتُهُمۡ شَيۡـًٔا إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ أَن يَأۡذَنَ ٱللَّهُ لِمَن يَشَآءُ وَيَرۡضَىٰٓ
meeqaa meeqaatu Maleeykota irraa samii keessa jiru? kan manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne, erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee.
阿拉伯语经注:
إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ لَيُسَمُّونَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ تَسۡمِيَةَ ٱلۡأُنثَىٰ
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
阿拉伯语经注:
وَمَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّۖ وَإِنَّ ٱلظَّنَّ لَا يُغۡنِي مِنَ ٱلۡحَقِّ شَيۡـٔٗا
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Shakkii malee homaa hin hordofanu. Shakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
阿拉伯语经注:
فَأَعۡرِضۡ عَن مَّن تَوَلَّىٰ عَن ذِكۡرِنَا وَلَمۡ يُرِدۡ إِلَّا ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali.
阿拉伯语经注:
ذَٰلِكَ مَبۡلَغُهُم مِّنَ ٱلۡعِلۡمِۚ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِمَنِ ٱهۡتَدَىٰ
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniiti. Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadha. Inni nama qajeeles akkaan beekaadha.
阿拉伯语经注:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَسَٰٓـُٔواْ بِمَا عَمِلُواْ وَيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ بِٱلۡحُسۡنَى
Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan Rabbiiti. Isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuuf isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
阿拉伯语经注:
ٱلَّذِينَ يَجۡتَنِبُونَ كَبَٰٓئِرَ ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡفَوَٰحِشَ إِلَّا ٱللَّمَمَۚ إِنَّ رَبَّكَ وَٰسِعُ ٱلۡمَغۡفِرَةِۚ هُوَ أَعۡلَمُ بِكُمۡ إِذۡ أَنشَأَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ وَإِذۡ أَنتُمۡ أَجِنَّةٞ فِي بُطُونِ أُمَّهَٰتِكُمۡۖ فَلَا تُزَكُّوٓاْ أَنفُسَكُمۡۖ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَنِ ٱتَّقَىٰٓ
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidha. Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadha. Inni akkaan isin beeka yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha teessanii keessatti ulfa taatanii jirtan . Lubbuulee keessan hin qulqulleessinaa. Inni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
阿拉伯语经注:
أَفَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي تَوَلَّىٰ
Mee isa gara gale naaf himi?
阿拉伯语经注:
وَأَعۡطَىٰ قَلِيلٗا وَأَكۡدَىٰٓ
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
阿拉伯语经注:
أَعِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلۡغَيۡبِ فَهُوَ يَرَىٰٓ
Sila beekumsi fagoottu isa bira jiraa? inni (isa) beekee?
阿拉伯语经注:
أَمۡ لَمۡ يُنَبَّأۡ بِمَا فِي صُحُفِ مُوسَىٰ
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
阿拉伯语经注:
وَإِبۡرَٰهِيمَ ٱلَّذِي وَفَّىٰٓ
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees.
阿拉伯语经注:
أَلَّا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰ
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
阿拉伯语经注:
وَأَن لَّيۡسَ لِلۡإِنسَٰنِ إِلَّا مَا سَعَىٰ
Namaaf waan hojjate malee hintaane.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّ سَعۡيَهُۥ سَوۡفَ يُرَىٰ
Hojiin isaa uf duratti ni mul'ata.
阿拉伯语经注:
ثُمَّ يُجۡزَىٰهُ ٱلۡجَزَآءَ ٱلۡأَوۡفَىٰ
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلۡمُنتَهَىٰ
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbii keetiitti.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَضۡحَكَ وَأَبۡكَىٰ
Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَمَاتَ وَأَحۡيَا
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥ خَلَقَ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰ
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume.
阿拉伯语经注:
مِن نُّطۡفَةٍ إِذَا تُمۡنَىٰ
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo (gadaamessaa keessatti) nagamtu.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّ عَلَيۡهِ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُخۡرَىٰ
Uumuun boodaas isuma (Rabbuma) irra jira.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥ هُوَ أَغۡنَىٰ وَأَقۡنَىٰ
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥ هُوَ رَبُّ ٱلشِّعۡرَىٰ
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
阿拉伯语经注:
وَأَنَّهُۥٓ أَهۡلَكَ عَادًا ٱلۡأُولَىٰ
Isumatu Aadii duraa balleesse.
阿拉伯语经注:
وَثَمُودَاْ فَمَآ أَبۡقَىٰ
(Ummata) Samuudis hin hambifne.
阿拉伯语经注:
وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ هُمۡ أَظۡلَمَ وَأَطۡغَىٰ
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse) Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
阿拉伯语经注:
وَٱلۡمُؤۡتَفِكَةَ أَهۡوَىٰ
Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
阿拉伯语经注:
فَغَشَّىٰهَا مَا غَشَّىٰ
Wanti haguuge ishee haguuge.
阿拉伯语经注:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكَ تَتَمَارَىٰ
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
阿拉伯语经注:
هَٰذَا نَذِيرٞ مِّنَ ٱلنُّذُرِ ٱلۡأُولَىٰٓ
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
阿拉伯语经注:
أَزِفَتِ ٱلۡأٓزِفَةُ
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti.
阿拉伯语经注:
لَيۡسَ لَهَا مِن دُونِ ٱللَّهِ كَاشِفَةٌ
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu.
阿拉伯语经注:
أَفَمِنۡ هَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ تَعۡجَبُونَ
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
阿拉伯语经注:
وَتَضۡحَكُونَ وَلَا تَبۡكُونَ
Ni kolfituu! Hin boochanuu?
阿拉伯语经注:
وَأَنتُمۡ سَٰمِدُونَ
Haala isin dagamoo taataniin (irraa garagaltuu)?
阿拉伯语经注:
فَٱسۡجُدُواْۤ لِلَّهِۤ وَٱعۡبُدُواْ۩
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa {2}
{2} bakka kanatti sujuuda qaraatii qur'aanaattu godhama.
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 奈智姆
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 - 译解目录

古兰经奥罗莫语译解,哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译,2009年出版发行。

关闭