የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አር ረሕማን   አንቀጽ:

Arrahmaan

ٱلرَّحۡمَٰنُ
Ar-Rahmaan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَّمَ ٱلۡقُرۡءَانَ
Qur’aana barsiise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ
Nama uume.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَّمَهُ ٱلۡبَيَانَ
Haasaawa isa barsiise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ بِحُسۡبَانٖ
Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلنَّجۡمُ وَٱلشَّجَرُ يَسۡجُدَانِ
Urjiifii muknis (Allaahf) sujuudu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلسَّمَآءَ رَفَعَهَا وَوَضَعَ ٱلۡمِيزَانَ
Samii ol ishee fuudhe; miizaana ni kaaye.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَّا تَطۡغَوۡاْ فِي ٱلۡمِيزَانِ
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَقِيمُواْ ٱلۡوَزۡنَ بِٱلۡقِسۡطِ وَلَا تُخۡسِرُواْ ٱلۡمِيزَانَ
Madaala sirriitti qajeelchaa; madaalamaa hin hir’isinaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡأَرۡضَ وَضَعَهَا لِلۡأَنَامِ
Dachii uumama hundaaf ishee kaaye.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهَا فَٰكِهَةٞ وَٱلنَّخۡلُ ذَاتُ ٱلۡأَكۡمَامِ
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡحَبُّ ذُو ٱلۡعَصۡفِ وَٱلرَّيۡحَانُ
Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ كَٱلۡفَخَّارِ
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَخَلَقَ ٱلۡجَآنَّ مِن مَّارِجٖ مِّن نَّارٖ
Jaannii immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ وَرَبُّ ٱلۡمَغۡرِبَيۡنِ
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ
Galaanota lamaan gadi lakkise. wal qunnaman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٞ لَّا يَبۡغِيَانِ
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin miidhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَخۡرُجُ مِنۡهُمَا ٱللُّؤۡلُؤُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Isaan lamaan irraa faayaafi burjaanaatu baha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَهُ ٱلۡجَوَارِ ٱلۡمُنشَـَٔاتُ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُّ مَنۡ عَلَيۡهَا فَانٖ
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَبۡقَىٰ وَجۡهُ رَبِّكَ ذُو ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Fuulli Gooftaa keetii nihafa, kan saahiba guddinaafi ulfinaa tahe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَسۡـَٔلُهُۥ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ كُلَّ يَوۡمٍ هُوَ فِي شَأۡنٖ
Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hunda Inni hojiitti jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَنَفۡرُغُ لَكُمۡ أَيُّهَ ٱلثَّقَلَانِ
  Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰمَعۡشَرَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ إِنِ ٱسۡتَطَعۡتُمۡ أَن تَنفُذُواْ مِنۡ أَقۡطَارِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ فَٱنفُذُواْۚ لَا تَنفُذُونَ إِلَّا بِسُلۡطَٰنٖ
Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiileefi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraa, Dandeettiin malee hin qaxxaamurtan. (dandeeytii ammoo hin qabdan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُرۡسَلُ عَلَيۡكُمَا شُوَاظٞ مِّن نَّارٖ وَنُحَاسٞ فَلَا تَنتَصِرَانِ
Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergama. Ergasii waliif hintumsitan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِذَا ٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ وَرۡدَةٗ كَٱلدِّهَانِ
Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَيَوۡمَئِذٖ لَّا يُسۡـَٔلُ عَن ذَنۢبِهِۦٓ إِنسٞ وَلَا جَآنّٞ
guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu Ilmi namaas ta’ee jinniin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُعۡرَفُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ بِسِيمَٰهُمۡ فَيُؤۡخَذُ بِٱلنَّوَٰصِي وَٱلۡأَقۡدَامِ
Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamu. Sammuuleefi miillan ni qabamu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي يُكَذِّبُ بِهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
“Tun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَطُوفُونَ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَ حَمِيمٍ ءَانٖ
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِمَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ جَنَّتَانِ
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَوَاتَآ أَفۡنَانٖ
Kan dameewwan dhedheeroo qaban.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِمَا عَيۡنَانِ تَجۡرِيَانِ
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِمَا مِن كُلِّ فَٰكِهَةٖ زَوۡجَانِ
Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ فُرُشِۭ بَطَآئِنُهَا مِنۡ إِسۡتَبۡرَقٖۚ وَجَنَى ٱلۡجَنَّتَيۡنِ دَانٖ
Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’u. Fuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِنَّ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii (dhirsa isaanii irratti) gabaabsan, kan isaansan dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَأَنَّهُنَّ ٱلۡيَاقُوتُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Faayaafi burjaana fakkaatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَلۡ جَزَآءُ ٱلۡإِحۡسَٰنِ إِلَّا ٱلۡإِحۡسَٰنُ
Sila mindaan toltuu toltuu malee ni tahee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمِن دُونِهِمَا جَنَّتَانِ
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُدۡهَآمَّتَانِ
Magariisa gurraacha’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِمَا عَيۡنَانِ نَضَّاخَتَانِ
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِمَا فَٰكِهَةٞ وَنَخۡلٞ وَرُمَّانٞ
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِيهِنَّ خَيۡرَٰتٌ حِسَانٞ
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حُورٞ مَّقۡصُورَٰتٞ فِي ٱلۡخِيَامِ
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Isaan dura namaafi jinniinis isaan hin tuqne
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ رَفۡرَفٍ خُضۡرٖ وَعَبۡقَرِيٍّ حِسَانٖ
Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii (taa’u).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
تَبَٰرَكَ ٱسۡمُ رَبِّكَ ذِي ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Maqaan Gooftaa keetii guddate, abbaa guddinnaafi ulfinaa (kan tahe).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አር ረሕማን
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት