કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષાતર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અર્ રહમાન   આયત:

Arrahmaan

ٱلرَّحۡمَٰنُ
Ar-Rahmaan.
અરબી તફસીરો:
عَلَّمَ ٱلۡقُرۡءَانَ
Qur’aana barsiise.
અરબી તફસીરો:
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ
Nama uume.
અરબી તફસીરો:
عَلَّمَهُ ٱلۡبَيَانَ
Haasaawa isa barsiise.
અરબી તફસીરો:
ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ بِحُسۡبَانٖ
Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.
અરબી તફસીરો:
وَٱلنَّجۡمُ وَٱلشَّجَرُ يَسۡجُدَانِ
Urjiifii muknis (Allaahf) sujuudu.
અરબી તફસીરો:
وَٱلسَّمَآءَ رَفَعَهَا وَوَضَعَ ٱلۡمِيزَانَ
Samii ol ishee fuudhe; miizaana ni kaaye.
અરબી તફસીરો:
أَلَّا تَطۡغَوۡاْ فِي ٱلۡمِيزَانِ
Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
અરબી તફસીરો:
وَأَقِيمُواْ ٱلۡوَزۡنَ بِٱلۡقِسۡطِ وَلَا تُخۡسِرُواْ ٱلۡمِيزَانَ
Madaala sirriitti qajeelchaa; madaalamaa hin hir’isinaa.
અરબી તફસીરો:
وَٱلۡأَرۡضَ وَضَعَهَا لِلۡأَنَامِ
Dachii uumama hundaaf ishee kaaye.
અરબી તફસીરો:
فِيهَا فَٰكِهَةٞ وَٱلنَّخۡلُ ذَاتُ ٱلۡأَكۡمَامِ
Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
અરબી તફસીરો:
وَٱلۡحَبُّ ذُو ٱلۡعَصۡفِ وَٱلرَّيۡحَانُ
Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ كَٱلۡفَخَّارِ
(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
અરબી તફસીરો:
وَخَلَقَ ٱلۡجَآنَّ مِن مَّارِجٖ مِّن نَّارٖ
Jaannii immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ وَرَبُّ ٱلۡمَغۡرِبَيۡنِ
(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ
Galaanota lamaan gadi lakkise. wal qunnaman.
અરબી તફસીરો:
بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٞ لَّا يَبۡغِيَانِ
Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin miidhan.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
يَخۡرُجُ مِنۡهُمَا ٱللُّؤۡلُؤُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Isaan lamaan irraa faayaafi burjaanaatu baha.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
وَلَهُ ٱلۡجَوَارِ ٱلۡمُنشَـَٔاتُ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
كُلُّ مَنۡ عَلَيۡهَا فَانٖ
Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
અરબી તફસીરો:
وَيَبۡقَىٰ وَجۡهُ رَبِّكَ ذُو ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Fuulli Gooftaa keetii nihafa, kan saahiba guddinaafi ulfinaa tahe.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
يَسۡـَٔلُهُۥ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ كُلَّ يَوۡمٍ هُوَ فِي شَأۡنٖ
Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hunda Inni hojiitti jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
سَنَفۡرُغُ لَكُمۡ أَيُّهَ ٱلثَّقَلَانِ
  Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
يَٰمَعۡشَرَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ إِنِ ٱسۡتَطَعۡتُمۡ أَن تَنفُذُواْ مِنۡ أَقۡطَارِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ فَٱنفُذُواْۚ لَا تَنفُذُونَ إِلَّا بِسُلۡطَٰنٖ
Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiileefi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraa, Dandeettiin malee hin qaxxaamurtan. (dandeeytii ammoo hin qabdan).
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
يُرۡسَلُ عَلَيۡكُمَا شُوَاظٞ مِّن نَّارٖ وَنُحَاسٞ فَلَا تَنتَصِرَانِ
Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergama. Ergasii waliif hintumsitan.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فَإِذَا ٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ وَرۡدَةٗ كَٱلدِّهَانِ
Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فَيَوۡمَئِذٖ لَّا يُسۡـَٔلُ عَن ذَنۢبِهِۦٓ إِنسٞ وَلَا جَآنّٞ
guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu Ilmi namaas ta’ee jinniin.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
يُعۡرَفُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ بِسِيمَٰهُمۡ فَيُؤۡخَذُ بِٱلنَّوَٰصِي وَٱلۡأَقۡدَامِ
Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamu. Sammuuleefi miillan ni qabamu.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي يُكَذِّبُ بِهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
“Tun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).
અરબી તફસીરો:
يَطُوفُونَ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَ حَمِيمٍ ءَانٖ
Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
وَلِمَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ جَنَّتَانِ
Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
ذَوَاتَآ أَفۡنَانٖ
Kan dameewwan dhedheeroo qaban.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِمَا عَيۡنَانِ تَجۡرِيَانِ
Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِمَا مِن كُلِّ فَٰكِهَةٖ زَوۡجَانِ
Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ فُرُشِۭ بَطَآئِنُهَا مِنۡ إِسۡتَبۡرَقٖۚ وَجَنَى ٱلۡجَنَّتَيۡنِ دَانٖ
Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’u. Fuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِنَّ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii (dhirsa isaanii irratti) gabaabsan, kan isaansan dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
كَأَنَّهُنَّ ٱلۡيَاقُوتُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Faayaafi burjaana fakkaatu.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
هَلۡ جَزَآءُ ٱلۡإِحۡسَٰنِ إِلَّا ٱلۡإِحۡسَٰنُ
Sila mindaan toltuu toltuu malee ni tahee?
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
وَمِن دُونِهِمَا جَنَّتَانِ
Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
مُدۡهَآمَّتَانِ
Magariisa gurraacha’aadha.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِمَا عَيۡنَانِ نَضَّاخَتَانِ
Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِمَا فَٰكِهَةٞ وَنَخۡلٞ وَرُمَّانٞ
Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
فِيهِنَّ خَيۡرَٰتٌ حِسَانٞ
Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
حُورٞ مَّقۡصُورَٰتٞ فِي ٱلۡخِيَامِ
Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Isaan dura namaafi jinniinis isaan hin tuqne
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ رَفۡرَفٍ خُضۡرٖ وَعَبۡقَرِيٍّ حِسَانٖ
Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii (taa’u).
અરબી તફસીરો:
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
અરબી તફસીરો:
تَبَٰرَكَ ٱسۡمُ رَبِّكَ ذِي ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Maqaan Gooftaa keetii guddate, abbaa guddinnaafi ulfinaa (kan tahe).
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અર્ રહમાન
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષાતર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

ઓરોમા ભાષામાં કુરઆન મજીદનું ભાષાતર, જેનું ભાષાતર ગાલી અબાબુર અબાગુનાએ વર્ષ ૨૦૦૯માં કર્યું.

બંધ કરો