የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ቀለም   አንቀጽ:

Alqalam

نٓۚ وَٱلۡقَلَمِ وَمَا يَسۡطُرُونَ
Nuun Qalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَآ أَنتَ بِنِعۡمَةِ رَبِّكَ بِمَجۡنُونٖ
Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّ لَكَ لَأَجۡرًا غَيۡرَ مَمۡنُونٖ
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٖ
Ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَسَتُبۡصِرُ وَيُبۡصِرُونَ
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بِأَييِّكُمُ ٱلۡمَفۡتُونُ
Eenyuu keessanitti maraattummaan jirtii (arguuf jirtu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ
Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; qajeeltotas inni beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَا تُطِعِ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَدُّواْ لَوۡ تُدۡهِنُ فَيُدۡهِنُونَ
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تُطِعۡ كُلَّ حَلَّافٖ مَّهِينٍ
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَمَّازٖ مَّشَّآءِۭ بِنَمِيمٖ
Akkaan hamataa, faradaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عُتُلِّۭ بَعۡدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Gara jabeessa, sana booda immoo diqaalaa kan ta'eef (hin ajajamin).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَن كَانَ ذَا مَالٖ وَبَنِينَ
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلۡخُرۡطُومِ
Funyaan irratti isa mallatteessina.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا بَلَوۡنَٰهُمۡ كَمَا بَلَوۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ إِذۡ أَقۡسَمُواْ لَيَصۡرِمُنَّهَا مُصۡبِحِينَ
Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَسۡتَثۡنُونَ
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَطَافَ عَلَيۡهَا طَآئِفٞ مِّن رَّبِّكَ وَهُمۡ نَآئِمُونَ
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَصۡبَحَتۡ كَٱلصَّرِيمِ
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَتَنَادَوۡاْ مُصۡبِحِينَ
Bariidhaan walitti lallaban.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَنِ ٱغۡدُواْ عَلَىٰ حَرۡثِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰرِمِينَ
"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱنطَلَقُواْ وَهُمۡ يَتَخَٰفَتُونَ
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَن لَّا يَدۡخُلَنَّهَا ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكُم مِّسۡكِينٞ
"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَغَدَوۡاْ عَلَىٰ حَرۡدٖ قَٰدِرِينَ
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا رَأَوۡهَا قَالُوٓاْ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ أَوۡسَطُهُمۡ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ لَوۡلَا تُسَبِّحُونَ
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَلَٰوَمُونَ
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبۡدِلَنَا خَيۡرٗا مِّنۡهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَذَٰلِكَ ٱلۡعَذَابُۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَنَجۡعَلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ كَٱلۡمُجۡرِمِينَ
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَكُمۡ كِتَٰبٞ فِيهِ تَدۡرُسُونَ
Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ لَكُمۡ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Kan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَكُمۡ أَيۡمَٰنٌ عَلَيۡنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمۡ لَمَا تَحۡكُمُونَ
Sila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَلۡهُمۡ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَآءُ فَلۡيَأۡتُواْ بِشُرَكَآئِهِمۡ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ يُكۡشَفُ عَن سَاقٖ وَيُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۖ وَقَدۡ كَانُواْ يُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمۡ سَٰلِمُونَ
Ijjoonni isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguuga. Dhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَرۡنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِۖ سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ
Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ
Yeroon isaaniif kenna. Tooftaan Kiyya cimaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرٗا فَهُم مِّن مَّغۡرَمٖ مُّثۡقَلُونَ
Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Sila (iccitii) fagoottu isaan biratti tahee, kan isaan barreessan?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلۡحُوتِ إِذۡ نَادَىٰ وَهُوَ مَكۡظُومٞ
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Akka saahiba qurxummii hintahin yeroo lallabe inni dallansuun guutame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَّوۡلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعۡمَةٞ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ مَذۡمُومٞ
Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَيُزۡلِقُونَكَ بِأَبۡصَٰرِهِمۡ لَمَّا سَمِعُواْ ٱلذِّكۡرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجۡنُونٞ
Isaan kafaran ijoowwan isaaniitiin lafaan si dhahuutti dhihaatan. yeroo yaadachiisa dhaga'an "inni maraataa dha" (siin)jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ቀለም
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት