《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 盖拉姆   段:

Alqalam

نٓۚ وَٱلۡقَلَمِ وَمَا يَسۡطُرُونَ
Nuun Qalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.
阿拉伯语经注:
مَآ أَنتَ بِنِعۡمَةِ رَبِّكَ بِمَجۡنُونٖ
Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.
阿拉伯语经注:
وَإِنَّ لَكَ لَأَجۡرًا غَيۡرَ مَمۡنُونٖ
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
阿拉伯语经注:
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٖ
Ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.
阿拉伯语经注:
فَسَتُبۡصِرُ وَيُبۡصِرُونَ
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
阿拉伯语经注:
بِأَييِّكُمُ ٱلۡمَفۡتُونُ
Eenyuu keessanitti maraattummaan jirtii (arguuf jirtu).
阿拉伯语经注:
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ
Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; qajeeltotas inni beekaadha.
阿拉伯语经注:
فَلَا تُطِعِ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin.
阿拉伯语经注:
وَدُّواْ لَوۡ تُدۡهِنُ فَيُدۡهِنُونَ
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.
阿拉伯语经注:
وَلَا تُطِعۡ كُلَّ حَلَّافٖ مَّهِينٍ
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
阿拉伯语经注:
هَمَّازٖ مَّشَّآءِۭ بِنَمِيمٖ
Akkaan hamataa, faradaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
阿拉伯语经注:
مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.
阿拉伯语经注:
عُتُلِّۭ بَعۡدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Gara jabeessa, sana booda immoo diqaalaa kan ta'eef (hin ajajamin).
阿拉伯语经注:
أَن كَانَ ذَا مَالٖ وَبَنِينَ
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
阿拉伯语经注:
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
阿拉伯语经注:
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلۡخُرۡطُومِ
Funyaan irratti isa mallatteessina.
阿拉伯语经注:
إِنَّا بَلَوۡنَٰهُمۡ كَمَا بَلَوۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ إِذۡ أَقۡسَمُواْ لَيَصۡرِمُنَّهَا مُصۡبِحِينَ
Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
阿拉伯语经注:
وَلَا يَسۡتَثۡنُونَ
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
阿拉伯语经注:
فَطَافَ عَلَيۡهَا طَآئِفٞ مِّن رَّبِّكَ وَهُمۡ نَآئِمُونَ
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e.
阿拉伯语经注:
فَأَصۡبَحَتۡ كَٱلصَّرِيمِ
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
阿拉伯语经注:
فَتَنَادَوۡاْ مُصۡبِحِينَ
Bariidhaan walitti lallaban.
阿拉伯语经注:
أَنِ ٱغۡدُواْ عَلَىٰ حَرۡثِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰرِمِينَ
"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
阿拉伯语经注:
فَٱنطَلَقُواْ وَهُمۡ يَتَخَٰفَتُونَ
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
阿拉伯语经注:
أَن لَّا يَدۡخُلَنَّهَا ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكُم مِّسۡكِينٞ
"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
阿拉伯语经注:
وَغَدَوۡاْ عَلَىٰ حَرۡدٖ قَٰدِرِينَ
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
阿拉伯语经注:
فَلَمَّا رَأَوۡهَا قَالُوٓاْ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
阿拉伯语经注:
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
阿拉伯语经注:
قَالَ أَوۡسَطُهُمۡ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ لَوۡلَا تُسَبِّحُونَ
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
阿拉伯语经注:
قَالُواْ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
阿拉伯语经注:
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَلَٰوَمُونَ
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
阿拉伯语经注:
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
阿拉伯语经注:
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبۡدِلَنَا خَيۡرٗا مِّنۡهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
阿拉伯语经注:
كَذَٰلِكَ ٱلۡعَذَابُۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
阿拉伯语经注:
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
阿拉伯语经注:
أَفَنَجۡعَلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ كَٱلۡمُجۡرِمِينَ
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
阿拉伯语经注:
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
阿拉伯语经注:
أَمۡ لَكُمۡ كِتَٰبٞ فِيهِ تَدۡرُسُونَ
Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
阿拉伯语经注:
إِنَّ لَكُمۡ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Kan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
阿拉伯语经注:
أَمۡ لَكُمۡ أَيۡمَٰنٌ عَلَيۡنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمۡ لَمَا تَحۡكُمُونَ
Sila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun?
阿拉伯语经注:
سَلۡهُمۡ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
阿拉伯语经注:
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَآءُ فَلۡيَأۡتُواْ بِشُرَكَآئِهِمۡ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
阿拉伯语经注:
يَوۡمَ يُكۡشَفُ عَن سَاقٖ وَيُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
阿拉伯语经注:
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۖ وَقَدۡ كَانُواْ يُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمۡ سَٰلِمُونَ
Ijjoonni isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguuga. Dhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
阿拉伯语经注:
فَذَرۡنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِۖ سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ
Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
阿拉伯语经注:
وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ
Yeroon isaaniif kenna. Tooftaan Kiyya cimaadha.
阿拉伯语经注:
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرٗا فَهُم مِّن مَّغۡرَمٖ مُّثۡقَلُونَ
Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
阿拉伯语经注:
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Sila (iccitii) fagoottu isaan biratti tahee, kan isaan barreessan?
阿拉伯语经注:
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلۡحُوتِ إِذۡ نَادَىٰ وَهُوَ مَكۡظُومٞ
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Akka saahiba qurxummii hintahin yeroo lallabe inni dallansuun guutame.
阿拉伯语经注:
لَّوۡلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعۡمَةٞ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ مَذۡمُومٞ
Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
阿拉伯语经注:
فَٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.
阿拉伯语经注:
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَيُزۡلِقُونَكَ بِأَبۡصَٰرِهِمۡ لَمَّا سَمِعُواْ ٱلذِّكۡرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجۡنُونٞ
Isaan kafaran ijoowwan isaaniitiin lafaan si dhahuutti dhihaatan. yeroo yaadachiisa dhaga'an "inni maraataa dha" (siin)jedhan.
阿拉伯语经注:
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 盖拉姆
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 - 译解目录

古兰经奥罗莫语译解,哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译,2009年出版发行。

关闭