የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ኑህ   አንቀጽ:

Suuratu Nuuh

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرۡ قَوۡمَكَ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ يَٰقَوۡمِ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُ وَأَطِيعُونِ
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُؤَخِّرۡكُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ إِذَا جَآءَ لَا يُؤَخَّرُۚ لَوۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
"Diliilee keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ رَبِّ إِنِّي دَعَوۡتُ قَوۡمِي لَيۡلٗا وَنَهَارٗا
(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمۡ يَزِدۡهُمۡ دُعَآءِيٓ إِلَّا فِرَارٗا
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنِّي كُلَّمَا دَعَوۡتُهُمۡ لِتَغۡفِرَ لَهُمۡ جَعَلُوٓاْ أَصَٰبِعَهُمۡ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَٱسۡتَغۡشَوۡاْ ثِيَابَهُمۡ وَأَصَرُّواْ وَٱسۡتَكۡبَرُواْ ٱسۡتِكۡبَارٗا
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurroowwan isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ إِنِّي دَعَوۡتُهُمۡ جِهَارٗا
Ergasii ani lallabeen isaan waame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ إِنِّيٓ أَعۡلَنتُ لَهُمۡ وَأَسۡرَرۡتُ لَهُمۡ إِسۡرَارٗا
Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقُلۡتُ ٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ إِنَّهُۥ كَانَ غَفَّارٗا
Nin jedhe ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; Inni Akkaan Araaramaadhan’.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارٗا
Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيُمۡدِدۡكُم بِأَمۡوَٰلٖ وَبَنِينَ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ جَنَّٰتٖ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ أَنۡهَٰرٗا
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَّا لَكُمۡ لَا تَرۡجُونَ لِلَّهِ وَقَارٗا
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَدۡ خَلَقَكُمۡ أَطۡوَارًا
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَمۡ تَرَوۡاْ كَيۡفَ خَلَقَ ٱللَّهُ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ طِبَاقٗا
Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلَ ٱلۡقَمَرَ فِيهِنَّ نُورٗا وَجَعَلَ ٱلشَّمۡسَ سِرَاجٗا
Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ نَبَاتٗا
Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ يُعِيدُكُمۡ فِيهَا وَيُخۡرِجُكُمۡ إِخۡرَاجٗا
Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ بِسَاطٗا
Rabbiin dachii afata isiniif godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّتَسۡلُكُواْ مِنۡهَا سُبُلٗا فِجَاجٗا
Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالَ نُوحٞ رَّبِّ إِنَّهُمۡ عَصَوۡنِي وَٱتَّبَعُواْ مَن لَّمۡ يَزِدۡهُ مَالُهُۥ وَوَلَدُهُۥٓ إِلَّا خَسَارٗا
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَكَرُواْ مَكۡرٗا كُبَّارٗا
Shira gurguddaa shiran.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ لَا تَذَرُنَّ ءَالِهَتَكُمۡ وَلَا تَذَرُنَّ وَدّٗا وَلَا سُوَاعٗا وَلَا يَغُوثَ وَيَعُوقَ وَنَسۡرٗا
‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَدۡ أَضَلُّواْ كَثِيرٗاۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا ضَلَٰلٗا
Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مِّمَّا خَطِيٓـَٰٔتِهِمۡ أُغۡرِقُواْ فَأُدۡخِلُواْ نَارٗا فَلَمۡ يَجِدُواْ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَنصَارٗا
Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifaman, ibidda seensifaman. Rabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالَ نُوحٞ رَّبِّ لَا تَذَرۡ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ دَيَّارًا
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّكَ إِن تَذَرۡهُمۡ يُضِلُّواْ عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوٓاْ إِلَّا فَاجِرٗا كَفَّارٗا
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَّبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِمَن دَخَلَ بَيۡتِيَ مُؤۡمِنٗا وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا تَبَارَۢا
Gooftaa kiyya! Anaaf, araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ ኑህ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት