የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ጂን   አንቀጽ:

Aljinni

قُلۡ أُوحِيَ إِلَيَّ أَنَّهُ ٱسۡتَمَعَ نَفَرٞ مِّنَ ٱلۡجِنِّ فَقَالُوٓاْ إِنَّا سَمِعۡنَا قُرۡءَانًا عَجَبٗا
(Yaa Muhammad SAW!) Wahyiin natti godhameera jedhi Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii NI jedhan: “nuti Qur'aana dinqisiisaa dhageenye.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَهۡدِيٓ إِلَى ٱلرُّشۡدِ فَـَٔامَنَّا بِهِۦۖ وَلَن نُّشۡرِكَ بِرَبِّنَآ أَحَدٗا
[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; isatti amanneerra. Gooftaa keenyatti tokkollee hin qindeessinu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ تَعَٰلَىٰ جَدُّ رَبِّنَا مَا ٱتَّخَذَ صَٰحِبَةٗ وَلَا وَلَدٗا
Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis ta'ee ilmoo hin godhanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ كَانَ يَقُولُ سَفِيهُنَا عَلَى ٱللَّهِ شَطَطٗا
Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا ظَنَنَّآ أَن لَّن تَقُولَ ٱلۡإِنسُ وَٱلۡجِنُّ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا
Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ كَانَ رِجَالٞ مِّنَ ٱلۡإِنسِ يَعُوذُونَ بِرِجَالٖ مِّنَ ٱلۡجِنِّ فَزَادُوهُمۡ رَهَقٗا
Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُمۡ ظَنُّواْ كَمَا ظَنَنتُمۡ أَن لَّن يَبۡعَثَ ٱللَّهُ أَحَدٗا
Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا لَمَسۡنَا ٱلسَّمَآءَ فَوَجَدۡنَٰهَا مُلِئَتۡ حَرَسٗا شَدِيدٗا وَشُهُبٗا
Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا كُنَّا نَقۡعُدُ مِنۡهَا مَقَٰعِدَ لِلسَّمۡعِۖ فَمَن يَسۡتَمِعِ ٱلۡأٓنَ يَجِدۡ لَهُۥ شِهَابٗا رَّصَدٗا
Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turre. Namni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا لَا نَدۡرِيٓ أَشَرٌّ أُرِيدَ بِمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ أَرَادَ بِهِمۡ رَبُّهُمۡ رَشَدٗا
Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadame moo Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhee hin beeknu!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا مِنَّا ٱلصَّٰلِحُونَ وَمِنَّا دُونَ ذَٰلِكَۖ كُنَّا طَرَآئِقَ قِدَدٗا
Nuti nurraa gaggaariin ni jiran. Ammas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiru. Nuti warra karaalee adda addaati turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا ظَنَنَّآ أَن لَّن نُّعۡجِزَ ٱللَّهَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَن نُّعۡجِزَهُۥ هَرَبٗا
Nuti beeknee jirra dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا لَمَّا سَمِعۡنَا ٱلۡهُدَىٰٓ ءَامَنَّا بِهِۦۖ فَمَن يُؤۡمِنۢ بِرَبِّهِۦ فَلَا يَخَافُ بَخۡسٗا وَلَا رَهَقٗا
Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanne. Namni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّا مِنَّا ٱلۡمُسۡلِمُونَ وَمِنَّا ٱلۡقَٰسِطُونَۖ فَمَنۡ أَسۡلَمَ فَأُوْلَٰٓئِكَ تَحَرَّوۡاْ رَشَدٗا
Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamaye warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَمَّا ٱلۡقَٰسِطُونَ فَكَانُواْ لِجَهَنَّمَ حَطَبٗا
Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَلَّوِ ٱسۡتَقَٰمُواْ عَلَى ٱلطَّرِيقَةِ لَأَسۡقَيۡنَٰهُم مَّآءً غَدَقٗا
Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّنَفۡتِنَهُمۡ فِيهِۚ وَمَن يُعۡرِضۡ عَن ذِكۡرِ رَبِّهِۦ يَسۡلُكۡهُ عَذَابٗا صَعَدٗا
Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture). Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّ ٱلۡمَسَٰجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدۡعُواْ مَعَ ٱللَّهِ أَحَدٗا
Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَأَنَّهُۥ لَمَّا قَامَ عَبۡدُ ٱللَّهِ يَدۡعُوهُ كَادُواْ يَكُونُونَ عَلَيۡهِ لِبَدٗا
Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنَّمَآ أَدۡعُواْ رَبِّي وَلَآ أُشۡرِكُ بِهِۦٓ أَحَدٗا
(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنِّي لَآ أَمۡلِكُ لَكُمۡ ضَرّٗا وَلَا رَشَدٗا
Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنِّي لَن يُجِيرَنِي مِنَ ٱللَّهِ أَحَدٞ وَلَنۡ أَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدًا
Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsu. Isa malees hirkoo hin argadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا بَلَٰغٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِسَٰلَٰتِهِۦۚ وَمَن يَعۡصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَإِنَّ لَهُۥ نَارَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا
Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u). Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan zalaalam ishee keessatti hafutu isaaf jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ أَضۡعَفُ نَاصِرٗا وَأَقَلُّ عَدَدٗا
Hanga waan ittiin sodaachifaman arganitti namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنۡ أَدۡرِيٓ أَقَرِيبٞ مَّا تُوعَدُونَ أَمۡ يَجۡعَلُ لَهُۥ رَبِّيٓ أَمَدًا
“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ فَلَا يُظۡهِرُ عَلَىٰ غَيۡبِهِۦٓ أَحَدًا
(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا مَنِ ٱرۡتَضَىٰ مِن رَّسُولٖ فَإِنَّهُۥ يَسۡلُكُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦ رَصَدٗا
Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu) Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِّيَعۡلَمَ أَن قَدۡ أَبۡلَغُواْ رِسَٰلَٰتِ رَبِّهِمۡ وَأَحَاطَ بِمَا لَدَيۡهِمۡ وَأَحۡصَىٰ كُلَّ شَيۡءٍ عَدَدَۢا
Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e) waan isaan bira jiru hundatti marsee waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabe (beeke) ‘
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ጂን
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት