የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሙዘሚል   አንቀጽ:

Almuzzammil

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ
Ati Yaa mammarataa!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلٗا
halkan dhaabbadhu Xiqqo malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا
Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا
Yookiin isa irratti dabali Qur'aana suutaan dubbisiinsa dubbisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلٗا ثَقِيلًا
Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـٔٗا وَأَقۡوَمُ قِيلًا
Ka'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحٗا طَوِيلٗا
Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلٗا
Maqaa Gooftaa keetii faarsi; gara isaattis citiinsa citi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلٗا
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرٗا جَمِيلٗا
Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا
Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالٗا وَجَحِيمٗا
Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَطَعَامٗا ذَا غُصَّةٖ وَعَذَابًا أَلِيمٗا
Nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبٗا مَّهِيلًا
Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu taatu keessa (sakkaalamu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا
Nuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awn Ergamaa ergineetti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا
Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمٗا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا
Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا
Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا
Isheen tun gorsa. Nama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٖ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرٗا وَأَعۡظَمَ أَجۡرٗاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمُۢ
(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan(nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaas Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሙዘሚል
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት