የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሙደሲር   አንቀጽ:

Almuddassir

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُدَّثِّرُ
Yaa mammarataa!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُمۡ فَأَنذِرۡ
Ka'ii akeekkachiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَرَبَّكَ فَكَبِّرۡ
Gooftaa kee guddisi
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَثِيَابَكَ فَطَهِّرۡ
Uffata kee qulqulleessi
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلرُّجۡزَ فَٱهۡجُرۡ
Taabotaan oodi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا تَمۡنُن تَسۡتَكۡثِرُ
Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِرَبِّكَ فَٱصۡبِرۡ
Gooftaa keetiif obsi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِذَا نُقِرَ فِي ٱلنَّاقُورِ
Yeroo xurumbaa keessa afuufame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَٰلِكَ يَوۡمَئِذٖ يَوۡمٌ عَسِيرٌ
Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ غَيۡرُ يَسِيرٖ
Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ذَرۡنِي وَمَنۡ خَلَقۡتُ وَحِيدٗا
Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلۡتُ لَهُۥ مَالٗا مَّمۡدُودٗا
Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَبَنِينَ شُهُودٗا
Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَهَّدتُّ لَهُۥ تَمۡهِيدٗا
Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ يَطۡمَعُ أَنۡ أَزِيدَ
Ergasii akka Ani isaaf dabalu kan kajeela;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَلَّآۖ إِنَّهُۥ كَانَ لِأٓيَٰتِنَا عَنِيدٗا
Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَأُرۡهِقُهُۥ صَعُودًا
Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهُۥ فَكَّرَ وَقَدَّرَ
Inni ni xiinxale; ni tilmaames.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ
Abaarame! Akkamumatti tilmaame?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ قُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ
Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ نَظَرَ
Ergasii ni ilaale
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ عَبَسَ وَبَسَرَ
Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ثُمَّ أَدۡبَرَ وَٱسۡتَكۡبَرَ
Ergasii gara gale; ni boone.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَقَالَ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ يُؤۡثَرُ
Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا قَوۡلُ ٱلۡبَشَرِ
Kun jecha namaa malee hin taane."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سَأُصۡلِيهِ سَقَرَ
Saqar isa seensisuufin jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سَقَرُ
Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا تُبۡقِي وَلَا تَذَرُ
(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَوَّاحَةٞ لِّلۡبَشَرِ
Gogaa gubduudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَلَيۡهَا تِسۡعَةَ عَشَرَ
Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا جَعَلۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلنَّارِ إِلَّا مَلَٰٓئِكَةٗۖ وَمَا جَعَلۡنَا عِدَّتَهُمۡ إِلَّا فِتۡنَةٗ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ لِيَسۡتَيۡقِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَيَزۡدَادَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِيمَٰنٗا وَلَا يَرۡتَابَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَلِيَقُولَ ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ وَٱلۡكَٰفِرُونَ مَاذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِهَٰذَا مَثَلٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُۚ وَمَا يَعۡلَمُ جُنُودَ رَبِّكَ إِلَّا هُوَۚ وَمَا هِيَ إِلَّا ذِكۡرَىٰ لِلۡبَشَرِ
Eegdota Ibiddaa malaykota malee kan biraa hin goone. Lakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata malee hingoone, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee, fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif (kana goone). Akka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha. (Baay'ina) waraana Gooftaa keetii Isa malee homtuu hin beeku. Isheen namaaf gorsa malee waan biraatii miti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَلَّا وَٱلۡقَمَرِ
Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّيۡلِ إِذۡ أَدۡبَرَ
Halkaniinis; yeroo inni deeme.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلصُّبۡحِ إِذَآ أَسۡفَرَ
Bariidhaanis yeroo inni ife.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّهَا لَإِحۡدَى ٱلۡكُبَرِ
Isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
نَذِيرٗا لِّلۡبَشَرِ
Namaaf akeekkachiiftuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَتَقَدَّمَ أَوۡ يَتَأَخَّرَ
Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡ رَهِينَةٌ
Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡيَمِينِ
Warra mirgaa malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فِي جَنَّٰتٖ يَتَسَآءَلُونَ
(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
عَنِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
مَا سَلَكَكُمۡ فِي سَقَرَ
"Maaltu Saqar keessa isin seensise?" (isaanin jedhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قَالُواْ لَمۡ نَكُ مِنَ ٱلۡمُصَلِّينَ
Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمۡ نَكُ نُطۡعِمُ ٱلۡمِسۡكِينَ
Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكُنَّا نَخُوضُ مَعَ ٱلۡخَآئِضِينَ
Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكُنَّا نُكَذِّبُ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ
Guyyaa galataa kan sobsiifnu turre;
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ أَتَىٰنَا ٱلۡيَقِينُ
Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَا تَنفَعُهُمۡ شَفَٰعَةُ ٱلشَّٰفِعِينَ
Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَا لَهُمۡ عَنِ ٱلتَّذۡكِرَةِ مُعۡرِضِينَ
Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَأَنَّهُمۡ حُمُرٞ مُّسۡتَنفِرَةٞ
(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَرَّتۡ مِن قَسۡوَرَةِۭ
Leenca irraa kan baqatan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ يُرِيدُ كُلُّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ أَن يُؤۡتَىٰ صُحُفٗا مُّنَشَّرَةٗ
Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَلَّاۖ بَل لَّا يَخَافُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ
Haadhoowwamanii (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
كَلَّآ إِنَّهُۥ تَذۡكِرَةٞ
haadhoowwamanii inni (Qur'aanni) gorsa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ
Nama fedheetu isaan gorfama.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَذۡكُرُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ هُوَ أَهۡلُ ٱلتَّقۡوَىٰ وَأَهۡلُ ٱلۡمَغۡفِرَةِ
Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanu. Inni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አል ሙደሲር
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት