《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 穆资米拉   段:

Almuzzammil

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ
Ati Yaa mammarataa!
阿拉伯语经注:
قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلٗا
halkan dhaabbadhu Xiqqo malee.
阿拉伯语经注:
نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا
Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.
阿拉伯语经注:
أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا
Yookiin isa irratti dabali Qur'aana suutaan dubbisiinsa dubbisi.
阿拉伯语经注:
إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلٗا ثَقِيلًا
Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra.
阿拉伯语经注:
إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـٔٗا وَأَقۡوَمُ قِيلًا
Ka'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.
阿拉伯语经注:
إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحٗا طَوِيلٗا
Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.
阿拉伯语经注:
وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلٗا
Maqaa Gooftaa keetii faarsi; gara isaattis citiinsa citi.
阿拉伯语经注:
رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلٗا
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu.
阿拉伯语经注:
وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرٗا جَمِيلٗا
Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.
阿拉伯语经注:
وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا
Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi.
阿拉伯语经注:
إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالٗا وَجَحِيمٗا
Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.
阿拉伯语经注:
وَطَعَامٗا ذَا غُصَّةٖ وَعَذَابًا أَلِيمٗا
Nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira).
阿拉伯语经注:
يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبٗا مَّهِيلًا
Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu taatu keessa (sakkaalamu).
阿拉伯语经注:
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا
Nuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awn Ergamaa ergineetti.
阿拉伯语经注:
فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا
Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne.
阿拉伯语经注:
فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمٗا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا
Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu?
阿拉伯语经注:
ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا
Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e.
阿拉伯语经注:
إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا
Isheen tun gorsa. Nama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
阿拉伯语经注:
۞ إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٖ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرٗا وَأَعۡظَمَ أَجۡرٗاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمُۢ
(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan(nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaas Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 穆资米拉
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译。 - 译解目录

古兰经奥罗莫语译解,哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译,2009年出版发行。

关闭