ترجمة معاني القرآن الكريم - الترجمة الأورومية * - فهرس التراجم

XML CSV Excel API
تنزيل الملفات يتضمن الموافقة على هذه الشروط والسياسات

ترجمة معاني آية: (95) سورة: المائدة
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَقۡتُلُواْ ٱلصَّيۡدَ وَأَنتُمۡ حُرُمٞۚ وَمَن قَتَلَهُۥ مِنكُم مُّتَعَمِّدٗا فَجَزَآءٞ مِّثۡلُ مَا قَتَلَ مِنَ ٱلنَّعَمِ يَحۡكُمُ بِهِۦ ذَوَا عَدۡلٖ مِّنكُمۡ هَدۡيَۢا بَٰلِغَ ٱلۡكَعۡبَةِ أَوۡ كَفَّٰرَةٞ طَعَامُ مَسَٰكِينَ أَوۡ عَدۡلُ ذَٰلِكَ صِيَامٗا لِّيَذُوقَ وَبَالَ أَمۡرِهِۦۗ عَفَا ٱللَّهُ عَمَّا سَلَفَۚ وَمَنۡ عَادَ فَيَنتَقِمُ ٱللَّهُ مِنۡهُۚ وَٱللَّهُ عَزِيزٞ ذُو ٱنتِقَامٍ
  Yaa warra amantan! odoo (hajjiifii umraa) hidhattanii jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaa. Namni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa beeylada irraa fakkii waan ajjeeseeti. isinirraa namni haqaa lama isa haamurteessuu. haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu, yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu, yookiin qixxee kanaa soomuudha. (Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufi. Waan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreera. Nama (gara badichaa) deebi’e Rabbiin haaloo irraa ba’ata. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.{1}
{1} hiikkaan isaa namni hajjiifii umratti jiru, akkasuma daangaa makkaa keessatti bineensa bosonaa ajjeesuun dhoowwaadha. yoo ajjeese ni adabama. adabni isaa 1-bineensa inni ajjeesee san kafakkatu beyladarraa kaibaa makka keessatti qalee miskiinaa qooda. fakkeenyaaf yoo gadamsa ajjeese horii, yoo borofa ajjeese hoolaa, yoo kuruphoo ajjeese re'ee qala. 2- yookaa gatii beeyladaan kuni baasuun midhaan bitee qooda. miskiina tokkoof walakkaa sugudaa. 3- yookaa nisoomana walakkaa sugudaarraa soomana guyyaa tokko akkasitti herregee. kana namoota hayyuma qaban lamatu taa'ee shalagee itti murteessa.(tafsiirul muyassar).
التفاسير العربية:
 
ترجمة معاني آية: (95) سورة: المائدة
فهرس السور رقم الصفحة
 
ترجمة معاني القرآن الكريم - الترجمة الأورومية - فهرس التراجم

ترجمة معاني القرآن الكريم إلى اللغة الاورومية، ترجمها غالي أبابور اباغونا. طبعة عام 2009م

إغلاق