ترجمة معاني القرآن الكريم - الترجمة الأورومية * - فهرس التراجم

XML CSV Excel API
تنزيل الملفات يتضمن الموافقة على هذه الشروط والسياسات

ترجمة معاني سورة: الغاشية   آية:

سورة الغاشية - Alghaashiyaah

هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡغَٰشِيَةِ
Sila oduun haguugduu (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
التفاسير العربية:
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٍ خَٰشِعَةٌ
Fuulleen (gariin) guyyaa san xiqqaattuudha.
التفاسير العربية:
عَامِلَةٞ نَّاصِبَةٞ
Hojjattuu ifaajjuudha.
التفاسير العربية:
تَصۡلَىٰ نَارًا حَامِيَةٗ
Ibidda gubduu seenti.
التفاسير العربية:
تُسۡقَىٰ مِنۡ عَيۡنٍ ءَانِيَةٖ
Burqituu danfituu irraa obaafamti.
التفاسير العربية:
لَّيۡسَ لَهُمۡ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٖ
Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
التفاسير العربية:
لَّا يُسۡمِنُ وَلَا يُغۡنِي مِن جُوعٖ
Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
التفاسير العربية:
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاعِمَةٞ
Fuulleen gariin guyyaa san qananiituudha.
التفاسير العربية:
لِّسَعۡيِهَا رَاضِيَةٞ
Dalagaa ishee jaalattuudha.
التفاسير العربية:
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٖ
Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
التفاسير العربية:
لَّا تَسۡمَعُ فِيهَا لَٰغِيَةٗ
Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
التفاسير العربية:
فِيهَا عَيۡنٞ جَارِيَةٞ
Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
التفاسير العربية:
فِيهَا سُرُرٞ مَّرۡفُوعَةٞ
Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
التفاسير العربية:
وَأَكۡوَابٞ مَّوۡضُوعَةٞ
Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
التفاسير العربية:
وَنَمَارِقُ مَصۡفُوفَةٞ
Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
التفاسير العربية:
وَزَرَابِيُّ مَبۡثُوثَةٌ
Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
التفاسير العربية:
أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلۡإِبِلِ كَيۡفَ خُلِقَتۡ
Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
التفاسير العربية:
وَإِلَى ٱلسَّمَآءِ كَيۡفَ رُفِعَتۡ
Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
التفاسير العربية:
وَإِلَى ٱلۡجِبَالِ كَيۡفَ نُصِبَتۡ
Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
التفاسير العربية:
وَإِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَيۡفَ سُطِحَتۡ
Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
التفاسير العربية:
فَذَكِّرۡ إِنَّمَآ أَنتَ مُذَكِّرٞ
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
التفاسير العربية:
لَّسۡتَ عَلَيۡهِم بِمُصَيۡطِرٍ
Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
التفاسير العربية:
إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ
Nama gara galee kafare malee,
التفاسير العربية:
فَيُعَذِّبُهُ ٱللَّهُ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَكۡبَرَ
Rabbiin adabbii guddaa isa adaba.
التفاسير العربية:
إِنَّ إِلَيۡنَآ إِيَابَهُمۡ
Deebiin isaanii garuma Keenya.
التفاسير العربية:
ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا حِسَابَهُم
Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira.
التفاسير العربية:
 
ترجمة معاني سورة: الغاشية
فهرس السور رقم الصفحة
 
ترجمة معاني القرآن الكريم - الترجمة الأورومية - فهرس التراجم

ترجمة معاني القرآن الكريم إلى اللغة الاورومية، ترجمها غالي أبابور اباغونا. طبعة عام 2009م

إغلاق