Check out the new design

Prijevod značenja časnog Kur'ana - Prijevod na oromo jezik - Gali Ababur * - Sadržaj prijevodā

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Prijevod značenja Sura: Eš-Šuara   Ajet:
لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُواْ لِفِرۡعَوۡنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجۡرًا إِن كُنَّا نَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.
Tefsiri na arapskom jeziku:
قَالَ نَعَمۡ وَإِنَّكُمۡ إِذٗا لَّمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe.
Tefsiri na arapskom jeziku:
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ
Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأَلۡقَوۡاْ حِبَالَهُمۡ وَعِصِيَّهُمۡ وَقَالُواْ بِعِزَّةِ فِرۡعَوۡنَ إِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبُونَ
Haadoowwaniifi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin kakannee! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأَلۡقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ
Muusaanis ulee isaa ni darbate, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan.
Tefsiri na arapskom jeziku:
قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne.
Tefsiri na arapskom jeziku:
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
Tefsiri na arapskom jeziku:
قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَ فَلَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ أَجۡمَعِينَ
[Fir’awni] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti [waan ta’u] beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi Lukoowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
Tefsiri na arapskom jeziku:
قَالُواْ لَا ضَيۡرَۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ
Ni jedhan: “Rakkoon hin jiru! nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
إِنَّا نَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَٰيَٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Nuti jalqaba mu'imintootaa ta’uudhaan Rabbiin keenya badiilee teenya nuuf araaramuu ni kajeella”.
Tefsiri na arapskom jeziku:
۞ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِيٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ
Gara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأَرۡسَلَ فِرۡعَوۡنُ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ
Fir’awni magaalota keessatti walitti qabdoota ergee.
Tefsiri na arapskom jeziku:
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَشِرۡذِمَةٞ قَلِيلُونَ
“Warri kun gareewwan xiqqoowaniidha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَإِنَّهُمۡ لَنَا لَغَآئِظُونَ
Isaan nuuf dallansiisoodha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَٰذِرُونَ
Nuti hedduuwwan of eegdota” [jedhe].
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأَخۡرَجۡنَٰهُم مِّن جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiileefi burqaawwan irraa isaan baafne.
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَكُنُوزٖ وَمَقَامٖ كَرِيمٖ
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.
Tefsiri na arapskom jeziku:
كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَأَتۡبَعُوهُم مُّشۡرِقِينَ
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.
Tefsiri na arapskom jeziku:
 
Prijevod značenja Sura: Eš-Šuara
Indeks sura Broj stranice
 
Prijevod značenja časnog Kur'ana - Prijevod na oromo jezik - Gali Ababur - Sadržaj prijevodā

Preveo je Gali Ababur Abaguna.

Zatvaranje