Check out the new design

ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور * - لیست ترجمه ها

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ترجمهٔ معانی سوره: فرقان   آیه:
أَمۡ تَحۡسَبُ أَنَّ أَكۡثَرَهُمۡ يَسۡمَعُونَ أَوۡ يَعۡقِلُونَۚ إِنۡ هُمۡ إِلَّا كَٱلۡأَنۡعَٰمِ بَلۡ هُمۡ أَضَلُّ سَبِيلًا
Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu seetaa? Isaan akka beyladootaa malee hin taane, Inumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha.
تفسیرهای عربی:
أَلَمۡ تَرَ إِلَىٰ رَبِّكَ كَيۡفَ مَدَّ ٱلظِّلَّ وَلَوۡ شَآءَ لَجَعَلَهُۥ سَاكِنٗا ثُمَّ جَعَلۡنَا ٱلشَّمۡسَ عَلَيۡهِ دَلِيلٗا
Sila gara Gooftaa keetii hin ilaallee akkamitti Gaaddisa akka diriirse ? Odoo fedhee turaa isa taasisa ture. Ergasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne.
تفسیرهای عربی:
ثُمَّ قَبَضۡنَٰهُ إِلَيۡنَا قَبۡضٗا يَسِيرٗا
Ergasii qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne.
تفسیرهای عربی:
وَهُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا وَٱلنَّوۡمَ سُبَاتٗا وَجَعَلَ ٱلنَّهَارَ نُشُورٗا
Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasise. Guyyaa yeroo olii gadi sochootan taasiseedha
تفسیرهای عربی:
وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ ٱلرِّيَٰحَ بُشۡرَۢا بَيۡنَ يَدَيۡ رَحۡمَتِهِۦۚ وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ طَهُورٗا
Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedha. Samii irraa bishaan qulqulluu buusne.
تفسیرهای عربی:
لِّنُحۡـِۧيَ بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗا وَنُسۡقِيَهُۥ مِمَّا خَلَقۡنَآ أَنۡعَٰمٗا وَأَنَاسِيَّ كَثِيرٗا
Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi, waan uumne irraa horiiwwaniifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne].
تفسیرهای عربی:
وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَٰهُ بَيۡنَهُمۡ لِيَذَّكَّرُواْ فَأَبَىٰٓ أَكۡثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورٗا
Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirra. Irra hedduun namaa kafaruu malee [amanuu] ni didan.
تفسیرهای عربی:
وَلَوۡ شِئۡنَا لَبَعَثۡنَا فِي كُلِّ قَرۡيَةٖ نَّذِيرٗا
Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture.
تفسیرهای عربی:
فَلَا تُطِعِ ٱلۡكَٰفِرِينَ وَجَٰهِدۡهُم بِهِۦ جِهَادٗا كَبِيرٗا
Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.
تفسیرهای عربی:
۞ وَهُوَ ٱلَّذِي مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ هَٰذَا عَذۡبٞ فُرَاتٞ وَهَٰذَا مِلۡحٌ أُجَاجٞ وَجَعَلَ بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٗا وَحِجۡرٗا مَّحۡجُورٗا
Inni Isa bahara lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiise. jidduu isaan lamaanitti dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.
تفسیرهای عربی:
وَهُوَ ٱلَّذِي خَلَقَ مِنَ ٱلۡمَآءِ بَشَرٗا فَجَعَلَهُۥ نَسَبٗا وَصِهۡرٗاۗ وَكَانَ رَبُّكَ قَدِيرٗا
Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedha. Gooftaan kee danda’aa ta’eera.
تفسیرهای عربی:
وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُهُمۡ وَلَا يَضُرُّهُمۡۗ وَكَانَ ٱلۡكَافِرُ عَلَىٰ رَبِّهِۦ ظَهِيرٗا
Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaru. Kaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera.
تفسیرهای عربی:
 
ترجمهٔ معانی سوره: فرقان
فهرست سوره ها شماره صفحه
 
ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور - لیست ترجمه ها

مترجم: غالی ابابور اباگونا.

بستن