Check out the new design

ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور * - لیست ترجمه ها

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ترجمهٔ معانی سوره: فرقان   آیه:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا مُبَشِّرٗا وَنَذِيرٗا
Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine.
تفسیرهای عربی:
قُلۡ مَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍ إِلَّا مَن شَآءَ أَن يَتَّخِذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلٗا
Jedhi: “Isa irratti mindaarraa waa isin hin gaafadhu; namna karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe malee [inni haa saddaqatu].”
تفسیرهای عربی:
وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا
Jiraataa Isa hin duune san irratti hirkadhu. Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi. Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.
تفسیرهای عربی:
ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَسۡـَٔلۡ بِهِۦ خَبِيرٗا
Inni isa Samiileefii Dachii, waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee. ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) Rahmaani haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.
تفسیرهای عربی:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱسۡجُدُواْۤ لِلرَّحۡمَٰنِ قَالُواْ وَمَا ٱلرَّحۡمَٰنُ أَنَسۡجُدُ لِمَا تَأۡمُرُنَا وَزَادَهُمۡ نُفُورٗا۩
Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan eenyu? Waan ati nu ajajjuufiif sujuuda goonaa?” jedhu. {Kuni Rabbirraa} fagaachuu isaaniif dabale. [1]
[1] sujuuda qaraatii qur'aanaatu as jira.
تفسیرهای عربی:
تَبَارَكَ ٱلَّذِي جَعَلَ فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجٗا وَجَعَلَ فِيهَا سِرَٰجٗا وَقَمَرٗا مُّنِيرٗا
Inni Samiilee keessatti buruuja taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate.
تفسیرهای عربی:
وَهُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ خِلۡفَةٗ لِّمَنۡ أَرَادَ أَن يَذَّكَّرَ أَوۡ أَرَادَ شُكُورٗا
Inni Isa halkaniifi guyyaa wal irraa bakka bu’aa taasiseedha, nama gorfamuu fedheef yookiin galata galchuu fedheef.
تفسیرهای عربی:
وَعِبَادُ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلَّذِينَ يَمۡشُونَ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ هَوۡنٗا وَإِذَا خَاطَبَهُمُ ٱلۡجَٰهِلُونَ قَالُواْ سَلَٰمٗا
Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deemani; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaama” (nagaa) jedhanuudha.
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمۡ سُجَّدٗا وَقِيَٰمٗا
Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha.
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصۡرِفۡ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا
Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! azaaba jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee nama qabataadha.
تفسیرهای عربی:
إِنَّهَا سَآءَتۡ مُسۡتَقَرّٗا وَمُقَامٗا
isheen waa hammaattee iddoo qubannaafi iddoo teessumaa ta’uun”
تفسیرهای عربی:
وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَنفَقُواْ لَمۡ يُسۡرِفُواْ وَلَمۡ يَقۡتُرُواْ وَكَانَ بَيۡنَ ذَٰلِكَ قَوَامٗا
Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.
تفسیرهای عربی:
 
ترجمهٔ معانی سوره: فرقان
فهرست سوره ها شماره صفحه
 
ترجمهٔ معانی قرآن کریم - ترجمه‌ى اورومويى - غالی ابابور - لیست ترجمه ها

مترجم: غالی ابابور اباگونا.

بستن