Firo maanaaji al-quraan tedduɗo oo - Firo ormiyeewo * - Tippudi firooji ɗii

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Firo maanaaji Simoore: Simoore al-mutaffifiin   Aaya:

Almuxaffifiin

وَيۡلٞ لِّلۡمُطَفِّفِينَ
Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u!
Faccirooji aarabeeji:
ٱلَّذِينَ إِذَا ٱكۡتَالُواْ عَلَى ٱلنَّاسِ يَسۡتَوۡفُونَ
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
Faccirooji aarabeeji:
وَإِذَا كَالُوهُمۡ أَو وَّزَنُوهُمۡ يُخۡسِرُونَ
Kan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo hir’isan.
Faccirooji aarabeeji:
أَلَا يَظُنُّ أُوْلَٰٓئِكَ أَنَّهُم مَّبۡعُوثُونَ
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?
Faccirooji aarabeeji:
لِيَوۡمٍ عَظِيمٖ
Guyyaa guddaadhaaf.
Faccirooji aarabeeji:
يَوۡمَ يَقُومُ ٱلنَّاسُ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡفُجَّارِ لَفِي سِجِّينٖ
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.
Faccirooji aarabeeji:
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سِجِّينٞ
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Faccirooji aarabeeji:
كِتَٰبٞ مَّرۡقُومٞ
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
Faccirooji aarabeeji:
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
Faccirooji aarabeeji:
ٱلَّذِينَ يُكَذِّبُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif.
Faccirooji aarabeeji:
وَمَا يُكَذِّبُ بِهِۦٓ إِلَّا كُلُّ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
Faccirooji aarabeeji:
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّاۖ بَلۡۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّآ إِنَّهُمۡ عَن رَّبِّهِمۡ يَوۡمَئِذٖ لَّمَحۡجُوبُونَ
Haadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
Faccirooji aarabeeji:
ثُمَّ إِنَّهُمۡ لَصَالُواْ ٱلۡجَحِيمِ
Ergasii isaan ibidda seenoodha.
Faccirooji aarabeeji:
ثُمَّ يُقَالُ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّآ إِنَّ كِتَٰبَ ٱلۡأَبۡرَارِ لَفِي عِلِّيِّينَ
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha.
Faccirooji aarabeeji:
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا عِلِّيُّونَ
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Faccirooji aarabeeji:
كِتَٰبٞ مَّرۡقُومٞ
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
Faccirooji aarabeeji:
يَشۡهَدُهُ ٱلۡمُقَرَّبُونَ
Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.
Faccirooji aarabeeji:
إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمٍ
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.
Faccirooji aarabeeji:
عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
Faccirooji aarabeeji:
تَعۡرِفُ فِي وُجُوهِهِمۡ نَضۡرَةَ ٱلنَّعِيمِ
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
Faccirooji aarabeeji:
يُسۡقَوۡنَ مِن رَّحِيقٖ مَّخۡتُومٍ
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu.
Faccirooji aarabeeji:
خِتَٰمُهُۥ مِسۡكٞۚ وَفِي ذَٰلِكَ فَلۡيَتَنَافَسِ ٱلۡمُتَنَٰفِسُونَ
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.
Faccirooji aarabeeji:
وَمِزَاجُهُۥ مِن تَسۡنِيمٍ
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.
Faccirooji aarabeeji:
عَيۡنٗا يَشۡرَبُ بِهَا ٱلۡمُقَرَّبُونَ
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.
Faccirooji aarabeeji:
إِنَّ ٱلَّذِينَ أَجۡرَمُواْ كَانُواْ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يَضۡحَكُونَ
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.
Faccirooji aarabeeji:
وَإِذَا مَرُّواْ بِهِمۡ يَتَغَامَزُونَ
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
Faccirooji aarabeeji:
وَإِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمُ ٱنقَلَبُواْ فَكِهِينَ
Yeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u.
Faccirooji aarabeeji:
وَإِذَا رَأَوۡهُمۡ قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَضَآلُّونَ
Yeroo isaan argan "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.
Faccirooji aarabeeji:
وَمَآ أُرۡسِلُواْ عَلَيۡهِمۡ حَٰفِظِينَ
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
Faccirooji aarabeeji:
فَٱلۡيَوۡمَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مِنَ ٱلۡكُفَّارِ يَضۡحَكُونَ
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
Faccirooji aarabeeji:
عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ يَنظُرُونَ
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
Faccirooji aarabeeji:
هَلۡ ثُوِّبَ ٱلۡكُفَّارُ مَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu].
Faccirooji aarabeeji:
 
Firo maanaaji Simoore: Simoore al-mutaffifiin
Tippudi cimooje Tonngoode hello ngoo
 
Firo maanaaji al-quraan tedduɗo oo - Firo ormiyeewo - Tippudi firooji ɗii

Firooji maanaaji al-quraan tedduɗo oo fayde e ɗemngal aromiire, firi ɗum ko Gaali Ababuur Abaguna. Muulngo hitaande 2009

Uddude