Check out the new design

Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr * - Lexique des traductions

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traduction des sens Sourate: An Nûr   Verset:
يُقَلِّبُ ٱللَّهُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَعِبۡرَةٗ لِّأُوْلِي ٱلۡأَبۡصَٰرِ
Rabbiin halkaniifi guyyaa gara gaggalcha, Dhugumatti, kana keessa namoota hubannoo qabaniif gorsatu jira.
Les exégèses en arabe:
وَٱللَّهُ خَلَقَ كُلَّ دَآبَّةٖ مِّن مَّآءٖۖ فَمِنۡهُم مَّن يَمۡشِي عَلَىٰ بَطۡنِهِۦ وَمِنۡهُم مَّن يَمۡشِي عَلَىٰ رِجۡلَيۡنِ وَمِنۡهُم مَّن يَمۡشِي عَلَىٰٓ أَرۡبَعٖۚ يَخۡلُقُ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Allaahn wantoota lubbuu qaban hunda bishaan irraa uume, Isaan irraa warra garaa isaaniitiin deeman (looyan)tu jira, Isaan irraa warra miila lamaan deemantu jira. Isaan irraas warra (miila) afuriin deemantu jira. Rabbiin waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Les exégèses en arabe:
لَّقَدۡ أَنزَلۡنَآ ءَايَٰتٖ مُّبَيِّنَٰتٖۚ وَٱللَّهُ يَهۡدِي مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an buufnee jirra. Rabbiin nama fedhe gara karaa qajeelaa qajeelcha.
Les exégèses en arabe:
وَيَقُولُونَ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَبِٱلرَّسُولِ وَأَطَعۡنَا ثُمَّ يَتَوَلَّىٰ فَرِيقٞ مِّنۡهُم مِّنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَۚ وَمَآ أُوْلَٰٓئِكَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ
(Munaafiqoonni) “Allaahfi ergamaatti amanne; ajajamnes” jedhan, ergasii gareen isaan irraa ta’e sana booda garagalaIsaan jarri sun, mu’uminoota miti.
Les exégèses en arabe:
وَإِذَا دُعُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ لِيَحۡكُمَ بَيۡنَهُمۡ إِذَا فَرِيقٞ مِّنۡهُم مُّعۡرِضُونَ
Yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Allaahfi ergamaa Isaatti waamaman, gareen isaan irraa ta’e yoosuu garagaloodha.
Les exégèses en arabe:
وَإِن يَكُن لَّهُمُ ٱلۡحَقُّ يَأۡتُوٓاْ إِلَيۡهِ مُذۡعِنِينَ
Yoo dhugaan isaaniif jiraate immoo ariifatoo ta’anii gara isaa (ergamaa) dhufu.
Les exégèses en arabe:
أَفِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَمِ ٱرۡتَابُوٓاْ أَمۡ يَخَافُونَ أَن يَحِيفَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡ وَرَسُولُهُۥۚ بَلۡ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Sila onneelee isaanii keessa dhukkubni jiramoo, moo nishaan, moo Rabbiifi ergamaa Isaatu dabaan (haqa malee) isaan irratti murteessaa sodaatu? Lakkii; isaan isaanumatu miidha raawwattoota.
Les exégèses en arabe:
إِنَّمَا كَانَ قَوۡلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ إِذَا دُعُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ لِيَحۡكُمَ بَيۡنَهُمۡ أَن يَقُولُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَاۚ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Jechi Mu’uminootaa yeroo akka gidduu isaaniitti murteessuuf gara Rabbiifi ergamaa isaatti waamaman “dhageenye; ajajamnes” jechuu qofa, Isaan sun milkaa’oon isaanuma.
Les exégèses en arabe:
وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَخۡشَ ٱللَّهَ وَيَتَّقۡهِ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Namni Allaahfi ergamaa Isaa tole jedhee, Allaaha sodaatee, Isa eeggate, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Les exégèses en arabe:
۞ وَأَقۡسَمُواْ بِٱللَّهِ جَهۡدَ أَيۡمَٰنِهِمۡ لَئِنۡ أَمَرۡتَهُمۡ لَيَخۡرُجُنَّۖ قُل لَّا تُقۡسِمُواْۖ طَاعَةٞ مَّعۡرُوفَةٌۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Kakuu isaanii cimaa Rabbiin kakatu Yoo (duulaaf) bahuutti isaan ajajje, akka ba’an. jedhiin “Hin kakatinaa, ajajamuu beekamaatu (isiniif caalaa dha)”. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.
Les exégèses en arabe:
 
Traduction des sens Sourate: An Nûr
Lexique des sourates Numéro de la page
 
Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr - Lexique des traductions

Traduit par Ghâlî Abâbûr Abâghûnâ.

Fermeture