Check out the new design

Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr * - Lexique des traductions

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Traduction des sens Sourate: An Nisâ'   Verset:
۞ لَّا يُحِبُّ ٱللَّهُ ٱلۡجَهۡرَ بِٱلسُّوٓءِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ إِلَّا مَن ظُلِمَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ سَمِيعًا عَلِيمًا
Yoo nama miidhame ta’e malee Rabbiin jecha irraa hamaa ifa baasuu hin jaalatu. Rabbiinis dhagayaa, beekaa ta'eera.
Les exégèses en arabe:
إِن تُبۡدُواْ خَيۡرًا أَوۡ تُخۡفُوهُ أَوۡ تَعۡفُواْ عَن سُوٓءٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوّٗا قَدِيرًا
Yoo toltuu ifa gootan yookiin isa dhoksitan yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan, dhugumatti Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera.
Les exégèses en arabe:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكۡفُرُونَ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيُرِيدُونَ أَن يُفَرِّقُواْ بَيۡنَ ٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيَقُولُونَ نُؤۡمِنُ بِبَعۡضٖ وَنَكۡفُرُ بِبَعۡضٖ وَيُرِيدُونَ أَن يَتَّخِذُواْ بَيۡنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا
Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhan, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,
Les exégèses en arabe:
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ حَقّٗاۚ وَأَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٗا مُّهِينٗا
Isaan warra dhugaan kafaraniidha, kaafirootaaf azaaba xiqqeessaa qopheessinee jirra.
Les exégèses en arabe:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَلَمۡ يُفَرِّقُواْ بَيۡنَ أَحَدٖ مِّنۡهُمۡ أُوْلَٰٓئِكَ سَوۡفَ يُؤۡتِيهِمۡ أُجُورَهُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanan, gidduu tokkoon isaan irraa ta'ees adda hin baasin, isaan san (Rabbiin) mindaa isaanii isaaniif kenna. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
Les exégèses en arabe:
يَسۡـَٔلُكَ أَهۡلُ ٱلۡكِتَٰبِ أَن تُنَزِّلَ عَلَيۡهِمۡ كِتَٰبٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِۚ فَقَدۡ سَأَلُواْ مُوسَىٰٓ أَكۡبَرَ مِن ذَٰلِكَ فَقَالُوٓاْ أَرِنَا ٱللَّهَ جَهۡرَةٗ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ بِظُلۡمِهِمۡۚ ثُمَّ ٱتَّخَذُواْ ٱلۡعِجۡلَ مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡبَيِّنَٰتُ فَعَفَوۡنَا عَن ذَٰلِكَۚ وَءَاتَيۡنَا مُوسَىٰ سُلۡطَٰنٗا مُّبِينٗا
Abbootiin kitaabaa samii irraa kitaaba isaan irratti buusuu si gaafatu. Muusaas waan kana irra guddaa gaafataniiru. “Rabbiin ifatti nu agarsiisi” jedhani. Sababaa miidhaa isaaniitiin gaggabbiin (duuti) isaan qabde. Sana booda erga ragaawwan isaanitti dhufanii jibicha (gabbaramaa) godhatan. Sanas irra isaaniif dabrine. Muusaaf ragaa ifa ta’e kennine.
Les exégèses en arabe:
وَرَفَعۡنَا فَوۡقَهُمُ ٱلطُّورَ بِمِيثَٰقِهِمۡ وَقُلۡنَا لَهُمُ ٱدۡخُلُواْ ٱلۡبَابَ سُجَّدٗا وَقُلۡنَا لَهُمۡ لَا تَعۡدُواْ فِي ٱلسَّبۡتِ وَأَخَذۡنَا مِنۡهُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا
Waadaa isaan galchuuf gaara isaan irratti ol kaafnee, “sujuuda godhaa balbalicha seenaa” isaaniin jenne, “Sanbata keessattis daangaa hin tarinaa" isaaniin jenne, Waadaa ulfaataa isaan irraa fuune.
Les exégèses en arabe:
 
Traduction des sens Sourate: An Nisâ'
Lexique des sourates Numéro de la page
 
Traduction des sens du Noble Coran - La traduction en oromo - Ghâlî Abâbûr - Lexique des traductions

Traduit par Ghâlî Abâbûr Abâghûnâ.

Fermeture